Irreechi Arfaasaa Awustiraaliyaa, Melbarniitti kabajame

Duudhaalee Sirna Gadaa Oromoo keessaa Irreessi/Irreechi iddoo olaanaa qaba. Oromoon kadhaa waaqaa fi galata galchuuf jecha tulluufi malkaatti ba'ee irreeffata. Wayita arfaasaa tulluutti ba'uun roobaafi nagaa akkasumas badhaadhina waaqa kadhata Oromoon, ganni ba'ee wayita birraan bari'u ammoo waaqa bacaqii gannaarraa booqaa birraatti nu ceesisteef galata hoodhu jedhu. Egaan waqtii ammaas arfaasaan waan dhufee jiruuf Irreechi Tulluu kutaalee Oromiyaa garagaraa keessatti kabajamaatti jira. Irreechi Tulluu ykn Arfaasaa Awustiraaliyaa Magaalaa Meelbarnitti, hawaasa Oromootiin kabajameera. Suuraalee babbareedoo isinii filanne kanneen daawwadhaa, waliif qoodaa.

Irreecha Arfaasaa Awustiraaliyaatti

Madda suuraa, Yadeta Lamu

Ibsa waa'ee suuraa, Oromoon Irreecha lama qaba, Irreechaa Arfaasaafi Birraa
Irreecha Arfaasaa Awustiraaliyaatti

Madda suuraa, Yadeta Lamu

Ibsa waa'ee suuraa, Tibba Arfaasaa, tulluutti ol ba'uun Oromoon roobaafi nagaa akkasumas badhaadhina waaqa kadhata
Irreecha Arfaasaa Awustiraaliyaatti

Madda suuraa, Yadeta Lamu

Ibsa waa'ee suuraa, Bona waaqni duumessa hin qabne, wayita Oromoon Arfaasaa keessa tulluutti ba'ee waaqayyoon dhugoomfatu, ni rooba.
Irreecha Arfaasaa Awustiraaliyaatti

Madda suuraa, Yadeta Lamu

Ibsa waa'ee suuraa, Irreechi Tulluu, Oromoon dhaloota dhalootatti kan irreeffataa jirudha
Irreecha Arfaasaa Awustiraaliyaatti

Madda suuraa, Yadeta Lamu

Ibsa waa'ee suuraa, ''Roobii yaa waaqayyoo, Arfaasaan rooba jaallataa" sirba Irreecha Tulluu
Irreecha Arfaasaa Awustiraaliyaatti

Madda suuraa, Yadeta Lamu

Ibsa waa'ee suuraa, Bona guutuu Waaqni duumessa hin qabne, kan namarraa fagaatee ture, wayita Oromoon Arfaasaa keessa tulluutti ba'ee waaqayyoon dhugoomfatu, ni rooba.
Irreecha Arfaasaa Awustiraaliyaatti

Madda suuraa, Yadeta Lamu

Ibsa waa'ee suuraa, "Roobi yaa waaqayyo ansiroon facaasaa, Roobi yaa waaqayyoo asheetan qotadhaa." Sirba Ireecha Tulluu
Irreecha Arfaasaa Awustiraaliyaatti

Madda suuraa, Yadeta Lamu

Ibsa waa'ee suuraa, "Kan birraa ol nuuf keesse gadi nuuf deebisi," jechuun Oromoon waaqa kadhata
Irreecha Arfaasaa Awustiraaliyaatti

Madda suuraa, Yadeta Lamu

Ibsa waa'ee suuraa, Oromoon bakkuma hundatti abbaa malkaa fi abbaa tulluu qabuun, lafa jirutti irreeffata.