Irreechi Arfaasaa Awustiraaliyaa, Melbarniitti kabajame

Duudhaalee Sirna Gadaa Oromoo keessaa Irreessi/Irreechi iddoo olaanaa qaba. Oromoon kadhaa waaqaa fi galata galchuuf jecha tulluufi malkaatti ba'ee irreeffata. Wayita arfaasaa tulluutti ba'uun roobaafi nagaa akkasumas badhaadhina waaqa kadhata Oromoon, ganni ba'ee wayita birraan bari'u ammoo waaqa bacaqii gannaarraa booqaa birraatti nu ceesisteef galata hoodhu jedhu. Egaan waqtii ammaas arfaasaan waan dhufee jiruuf Irreechi Tulluu kutaalee Oromiyaa garagaraa keessatti kabajamaatti jira. Irreechi Tulluu ykn Arfaasaa Awustiraaliyaa Magaalaa Meelbarnitti, hawaasa Oromootiin kabajameera. Suuraalee babbareedoo isinii filanne kanneen daawwadhaa, waliif qoodaa.