Filannoo Itoophiyaa 2021: 'Oromiyaan nagaadha, rakkoon Fesbuukiirra jira' – Obbo Shimallis Abdiisaa

Naannoon Oromiyaa akka miidiyaarra gabaafamu osoo hin taane nagaa qabdi jechuun Pirezidantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa BBC'tti himan.
Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa jahaffaa yeroo waldhibdeen bakkeewwan garaagaraa biyyattiitti mudataa jirutti gaggeessiteetti.
Obbo Shimallis adeemsa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa filannoo raawwachiisaa jiru waan abdii namatti horudha jedhan.
''Filannoon kuni qormaata hedduu keessa filannoo gaggeeffamedha,'' kan jedhan Obbo Shimallis guyyaa har'aa Magaalaa Gincii, buufata filannoo Dandii lama Gincii Lakkoofsa 2'tti sagalee isaanii kennaniiru.
Guyyaa har'aa guutuu bakka muraasaan alatti Itoophiyaatti lammiileen filannoo biyyaalessaa jahaaffaa irratti hirmaachuun mootummaa waggoota shaniif biyyattii bulchu filataa jiru.
Buufata filannoo Obbo Shimallis sagalee kennan irratti paartileen mormituu hin hirmaatani. Kanneen dorgomaa jiran afranuu miseensa dhaaba biyya bulchu, Paartii Badhaadhinaadha.
Obbo Shimallis erga filanii booda Hospitaala Jalqabaa Dandiitti biqiltuu dhaabaniiru. Filannoo Itoophiyaa kanarratti paartileen 46 kan hirmaataa jiran yoo ta'u kanneen dhunfaan dorgomanis 148 dha.
Buufata filannoo Obbo Shimallis filatanitti namoonni 1100 galmaa'u Walitti Qabaan buufatichaa Obbo Geetaa Mokonniin BBC'tti himaniiru.
Gaazexeessaan BBC bakkasitti argame hiriira dheeraa taajjabeera. Ta'us, sagalee kennuun waaree booda ni xumurra jechuun qondaalli boordichaa BBC'tti himaniiru.
Jiraattuun magaalaa Gincii Aadde Almaaz Jiidhaa Obbo Shimallis kana durallee filamuu himu. ''Waan baay'ee jijjiiraniiru, daandiinis hojjetamaa jira,'' jedhan.
''Gara fuulduraatti ganda itti dhalatan qofa osoo hin taane naannoo Oromiyaa guututti cimanii akka hojjetan barbaadna,'' jechuun himan.
'Filannoon kuni hiikoo afur qaba'
Mana Maree Naannoo yookiin Caffee Oromiyaaf kan dorgoman Obbo Shimallis filannoon kuni biyyattiif hiikoo afur qaba jechuun himan.
''Injifannoowwan jijjiiramaan dhufan karaa akka qabatu godha, inni lammataa mootummaan sagalee ummataan akka ijaaramu carraa banee jira.
''Inni sadaffaa siyaasni biyya keenyaa walwaraansaafi hookkora ture gara siyaasa tasgabbiifi mariitti akka deebi'u carraa uumeera amantaa jedhuun qaba akkasumas dimookiraasii ijaaruuf gargaara,'' jechuun himan.
Sirna dimookiraasii ijaaruf immoo jaarmiyaaleen cimoo barbaachisu jechuun akka fakkeenyaatti Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa eeran.
'Boordin filannoo abdachiisaadha'
Guyyaa har'aa magaalaa Ginciitti argamanii kan filatan Obbo Shimallis, adeemsa boordii filannoo biyyaalessaas jajaniiru.
''Boordiin filannoo barana waan inni godhe, haalli itti hojjete, bilisummaa inni agarsiise, murteewwan of danda'e murteessaa dhufeefi akkaataan itti raawwatan abdii guddaa waan namaaf kennudha.''
Jaarmiyaalee ijaaruun ala sirna dimookiraasii ijaaruuf aadaan siyaasaa ummatichaa jijjiirun barbaachisadha jechuunis himan.
''Filannoon kuni Oromiyaadhaafis Itoophiyaadhaafis filannoo iddoo guddaa qabudha,'' kan jedhan Obbo Shimallis bu'aa filannoo fudhachuuf qophii ta'u himu. Kan injifates imaanaa guddaa fudhata jedhu.
''Kan injifatu sirbaafi dhiichisa keessa galuu osoo hin taane carraafi hiikkoon waggaa shanan dhufan naannoofi biyya keenyaaf qabu baay'ee guddaadha.
''Jabaannee halkaniifi guyyaa hin hojjetamu, misoomni hin mirkanaa'u taanaan siyaasni keenya ariitiidhaan akka ce'u hin godhamu taanaan biyyi kuni maraammartoo keessa itti fufti jechuudha.''
Sababa kanaaf, '' kan hiree kana argate qixaan itti fayyadamuu qaba'' jedhan.
''Kan injifatame waliin hojjechuuf of qopheessu, kan injifate immoo kaanis ofitti qabee waliin hojjechuudhaaf,'' of qopheessuu qaba jechuun himan.
'Rakkoon nageenyaa Fesbuukirra jira'
Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa baranaa yeroo rakkoon nageenyaa bakkeewwan garaa garaa jirutti gaggeessiti. Sababa rakkoo nageenyaan bakki itti hin adeemsifamnees jira.
Torban darbe godina Obbo Shimallis sagalee kennanitti haleellaa hidhattootaan raawwateen namoonni 9 ajjeefamaniiru.
Naannolee filannoo 179 Oormiyaa keessa jiran keessaa sababoota nageenyaan bakkeewwan filannoon hin taasifamne jiru.
Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis rakkoowwan nageenyaa akka jiran amananis Oromiyaan nagaadha jedhu.
''Iddoowwan hedduu rakkoon nageenyaa hin jiru. Rakkoon nageenyaa kan jiru Fesbuukiifi miidiyaarra. Ji'ottan sadan darban muraasaan ala godinoota Oromiyaa hedduu waliin gaheera.
''Iddoo hedduutti Oromiyaan nagaadha. … Har'a kunoo Oromiyaa guutuutti filannoon gaggeeffamaa jira. Ummanni bahee filachaa jira,'' jechuun himan.
Kunis, ta'u filannoon waan adeemsifameef qofa rakkoon hundi hiikama miti jechuun dubbatan.
''Kanaaf filannichi waan hunda hiika jechuu miti. Fillannichi hiree, aangoo kenna. Filannichi nama hojjetuf, humna sana hiikuuf hiree kenna,'' jechuun sirnaafi mootummaa gaaffii deebisu lafa qabsiisuuf gargaara jedhan.
'Paartileen mormituu carraa qabu'
Filannoo baranaa irratti lammiileen miiliyoona 15.4 ol Oromiyaa qofaa irraa irratti hirmaatuf galmaa'aniiru. Haa ta'u malee, kanneen paartii biyya bulchu morkachuu malan jedhaman hirmaataa hin jiran.
Akka fakkeenyaatti Kongirasiin Federaalistii Oromoofi ABO'n miseensonni isaanii hidhamuufi waajjirri isaanii mootummaan cufame jechuun himatanii akka hin hirmaanne beeksisan.
Mootummaan garuu himannaa kana balaaleeffata. Dabalataan, Pirofeesar Mararaan ''filannoon kuni nagaa, diinagdee hin fida jennee hin yaadnu'' jechuun akka hin hirmaanne beeksisan.
Waa'ee hirmaatuu dhabuu paartilee mormituu kan gaafataman Obbo Shimallis ''Osoo hirmaatanii baay'ee gaarii ture,'' jedhu.
Dhaabbileen kunneen akka isaan hirmaataniif mootummaafi dhaabni biyya bulchu ''yaalii bal'aa godhe'' jechuun himan. ''Wanti hin yaalamne samiidhaa gadi hin jiru.''
''Hirmaachuu dhabuun isaanii murtee isaaniiti. Osoo hirmaatanii gaarii ture. Murtee ummataa kabajuudhaan siyaasa isaanii gaggeessuutu irra ture. Kana gochuu dhabuun isaanii hundaa ol isaan miidhe.
''Isaan waan hin jirreef, isaan waan dhabamaniif biyyi diigamu hin jiru. Carraa qabu. Waggaa shanan dhufu eeggatanii, sirriitti of ijaaranii of qopheessuu qabu. Sanaa ala karaan qaxxaamuraa biraa hin jiru,'' jechuun himan.

















