Filannoo Itoophiyaa 2021: Wanta hanga ammaa beekamu yeroo lakkoofsaan himamu

Madda suuraa, NEBE
Itoophiyaatti filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa irratti sagalee kennuuf lammileen miliyoona 37 kuma 400 ol kaardii fudhachuu isaanii Boordiin Filannoo ibseera.
Filannoon kun marsaa lamaaf kan gaggeeffamu yommuu ta'u marsaan jalqabaa Wixata dhufu Waxabajji 21, 2021 gaggeeffama jedhamee eegama.
Waa'ee filannichaa lakkoofsaan maal beekna?
Filannoon kun hirmaattota meeqa qaba?
Naannoo Tigiraay irraa kan hafe naannoollee fi bulchiinsota magaalaa keessatti dhiironni milliyoona 20 kuma 472, akkasumas dubartoonni miliyoona 17 kuma 91 fi 128 walumaa galatti filattoonni miliyoona 37 kuma 408 fi 600 sagalee kennnuuf galmaa'aniiru.
Naannoon Oromiyaa lakkoofsa namoota sagalee kennuuf galmaa'an isa guddaa qabateera.
Akka ragaa Boorii Filannoorraa argametti naannoo Oromiyaatti filattoonni miliyoona 15 kuma 400 ol galmaa'aniiru.
Faallaa kanaan ammoo naannoo Gambeellaatti lakkoofsi namoota filachuuf galmaa'anii gadi-aanaa ta'e galmaa'eera.
Naannichaatti filattoota kuma 415tti dhiyaatanitu galmaa'e akka Boordiin Filannoo beeksisetti.
Bitootessa darbe galmee kaadhimamtootaa ilaalchisee ibsa baasteen walitti-qabduun Boordii Filannoo Itoophiyaa Aadde Birtukaan Miidhagsaa paartileen siyaasaa 47 kaadhimamtoota 8,209 dhiyeessuu isaanii fi namoonni 125 ammoo dhuunfaan dorgomuuf akka galmaa'an eertee turte.
Paartiin Badhaadhinaa dorgomtoota 2,432 dhiyeessuudhaan baay'ina kaadhimamtootaan dursaa kan jiru yoo ta'u, Paartiin Lammilee Itoophiyaa Haqa Hawaasummaaf (IZEMA) fi Paartiin Innaat ammoo duraa fi duubaan kaadhimamtoota 1,385 fi 573 dhiyeessaniiru.
Filannicha akka raawwachiisaniif raawwachiiftonni 254,000 akka bobbaafaman buufanni televizhiniinii biyyaalessaa ji'oota dura gabaaseera.
Guyyaa sagaleen kennamu tokkoo tokkoo buufata filannootti raawwachiistota 5 kan ramadaman yommuu ta'u, ogeessi malawwan ittisa COVID-19 raawwachiistu tokkos ni jiraata.
Walumaagalatti lakkoofsi raawwachiiftota buufataalee filannoo hundaa 52,700 akka ol guddatu taasisa.
Naannoowwaniifi buufataaleen filannoo meeqatu jiru?
Manneen maree bakka buutota Federaalaa fi naannootiif naannoowwan filannoo 634 akka jiraatan Boordiin Filannoo baatii Guraandhala keessa beeksisee ture.
Kaadhimamtoonni galmaa'an kunneen waggaa shan keessatti teessuma mana maree Federaalaa 547 ta'eef dorgomu.
Haata'u malee, teessumni 38 kan naannoo Tigiraay ta'e filannoo bara kanaatti waan hin makamneef, teessuma mana maree Federaalaa 509 ta'uuf sagaleen kennama.
Filannoo Waxabajji 21, 2021 gaggeeffamu kanaan teessuma paarlaamaa 445f sagaleen kan kennamu yommuu ta'u, kan hafan 64 ammoo A L I Qaammee 1, 2013 sagaleen kennama.

Madda suuraa, NEBE
Naannolee Somaalee fi Harariitti guutummaan guutuuttiifi naannolee biroo bakka murtaa'an keessa naannolee filannoo jiranitti filannoon Waxabajji 21, 2021 hin gaggeeffamu.
Naannoowwan filannoo 634 keessa ammoo buufataaleen filannoo 49,407 ta'anitu jiru. Naannoo Oromiyaa buufataaleen filannoo 17,623 qabachuudhaan buufataaleen filannoon hedduu kan keessa jirudha.
Faallaa kanaan ammoo naannoo Hararii buufataaleen filannoo 285 qofa qabaachuun isa gadaanaadha.
Garaagarummaan naannoo filannoofi buufata filannoo maal?
Naannoon filannoo hojiiwwan buufataaleen filannoo isa jala jiran raawwatan qindeessa.
Fakkeenyaaf, meeshaaleen filannoo buufataaleen filannoo isa jala jiranitti rabsuu, komiiwwan dhiyaataniif murtee kennuu, meeshaaleen buufataaleen filannoorraa dhufan fuudhuu, buufataaleen filannoo kanneen to'achuufi kan biroo raawwata.
Naannoleen filannoo kaadhimamaa galmeessuuf itti gaafatamummaa kan qaban yommuu ta'u, buufataaleen filannoo ammoo filattoota galmeessu.
Buufataaleen filannoo bakka gochawwan murteessoo filannoo itti gaggeeffamanidha.

Filannoo 2021 gabaabumatti:
•Namoonni filatan 37,408,600 galmaa'aniiru; isaan keessaa dhiirota 20,317,472 dubartoota 17, 091, 128
•Paartileen 47 kaadhimamtoota 8,209 dorgomtoota dhuunfaa 125 galmaa'aniiru
•Namoota filannoo raawwachiisan 52,700 ni bobba'u; tokkoo tokkoo buufata filannootti raawwachiistota 5 fi ogeessi to'annoo COVID-19 1 ni ramadamu
•Waxabajji 21 teessuma paarlaamaa 445f A L I Qaamee 1, 2013 ammoo teesumma paarlaamaa 64 ta'uuf sagaleen ni kennama.
Filannoowwan darban lakkoofsaan
Erga Heerri Itoophiyaa baheen booda filannoon waliigalaa 5 gaggeeffamaniiru. Filannoo A L I bara 1987 gaggeeffamee turerratti ummanni miliyoona 21 kuma 300 ol filachuuf galmaa'ee akka ture ragaan Boorii Filannoo ni mul'isa.
Filannoo naannolee filannoo hundatti gaggeeffameen namoota filachuuf galmaa'an keessaa miliyoona 20 kuma 68 ol sagaleesaanii kennanii turan.
Kaadhimamtoonni paartiidhaan dhiyaatan teessuma paarlaamaa 536 mo'atanii kan turan yoo ta'u kuhan ammoo namoonni dhuunfaan dorgoman mo'atanii turan.
Waggoota shaniin booda A L I bara 1993 keessa filannoo biyyaalessaa gaggeeffameef lammileen miliyoona 26 ol ta'an filachuudhaaf kaardii fudhatanii turan, Isaan keessaa ammoo namoonni miliyoona 19 kuma 600 ol ta'an buufataaleen filannoo 26,112 ta'an irratti filatanii turan.
Kanatti aansuun seenaa filannoo Itoophiyaa keessatti kan yaadatamu kan A L I bara 1997 keessa gaggeeffamedha.
Filannoo bara sanaarratti namoonni miliyoona 22 kuma 300 ta'an filachuuf galmaa'anii turan. Filannoo A L I Caamsaa 7, 1997 gaggeeffamen warra filachuuf galmaa'an keessaa namoonni miliyoona 22 kuma 660 ta'an sagaleesaanii kennaniiru.
Filannoo A L I bara 2002 keessa gaggeeffameen ammoo namoonni miliyoona 32'tti hiyaatan filachuuf kaardii fudhataniiru. Kanneen galmaa'an keessaa lammileen miliyoona 30 gadi ta'anitu sagaleesaanii kenne.
Filannoo A L I bara 2002 gaggeeffamerratti paartileen 63 kaadhimamtoota 6,904 mana maree naannoofi Federaalaatiif dorgoman dhiyeessanii kan turan yoo ta'u kaadhimamtoonni 45 ammoo dhuunfaan dorgomanii turan.
Filannoon marsaa 5ffaa waggaa 6 dura gaggeeffamerratti ammoo lammileen miliyoona 37tti siqana galmaa'anii kan miliyoona 34 kuma 359 ta'an ammoo sagaleesaanii kennaniiru.
Filannoo kanarratti paartileen 58 kaadhimamtoota 5,219 yoo dhiyeessan kaadhimamtoonni huunfaa 11 teessuma mana maree naannoofi Federaalaatiif dorgomaniiru.
Filannoo bara kana gaggeeffamuun ammoo kan bara jalqabaa [A L I 1987] gaggeeffameen filattoonni galmaa'an miliyoona 16 caalmaa agarsiiseera.
Filannoo Itoophiyaa 2021 Kan koronaavaayirasii ittisuuf ramadame Birrii Biliyoona 1.1 ramadameefi arjoomtotarraa argame osoo hin dabalatiin mootummaan Itoophiyaa Birrii Biliyoona 3.6 ramadeera.


















