Boordii Filannoo Itoophiyaa: 'Guyyaa filannootti haalli nageenyaa yaadessaa ta'e nu mudata jennee hin yaadnu'

Madda suuraa, Mustafa Ferhat Beksen
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoon marsaa ja'affaa guyyoota lama booda taasifamuurratti rakkoon nageenyaa akka hin mudanneef qophiin taasifamuu hime.
Haala waqtaawaa filannichaa ilaalchisee midiyaalef ibsa kan laatan gorsituun dhimmoota komunikeeshinii Boordii Filanoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Soliyaanaa Shimallis "guyyaa filannootti dhimma nageenyaan walqabatee rakkoon bu'uraa numudata jennee hin yaadnu" jedhan.
Naannolee filannoo rakkoon nageenyaa itti jirutti filannoon Qaammee 01, bara 2013 akka adeemsifamu himuunis ammatti iddoowwan filannoon itti adeemsifamutti rakkoon nageenyaa kana jedhamee himamu akka hinjirre himan.
"Filannoon Wiixata adeemsifamu nagaqabeessa ta'a jennee yaadna. Qaamoleen nageenyaas gama kanaan qophii taasisaniiru" jedhan.
Gama biraatin rakkoo nageenyaa dheengadda Roobii waaree booda godina Shawaa Lixaa aanaa Meettaa Walqixxeetti mudatefi namootni sagal itti ajjeefaman quba akka hin qabne himaniiru.
Gochaalee guyyaa filannoo dhorkaman
Gama biraatin boordichi gochaalee guyyaa filannoo dhorkaman jedhe miidiyaaletti himeera.
Gorsituun dhimmoota komunikeeshinii Boordii Filanoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Soliyaanaa Shimallis guyyaa filannootti sagalee kennuuf yoo ta'en alatti namni kamiyyuu baajii /waraqaa heyyamaa/ osoo hin qabatin naannoo buufataalee filannootti daangaa meetira 200 keessaa dhaabbachuu, socho'uu, namoota gara bufataalee filannoo seenanfi bahan ilaaluus ta'e haasofsiisuu akka hin dandeenye himaniiru.
Namootni daangaa meetira 200 keessatti baajii qabatanii argamuun heeyyamamuuf gaazexeesitoota, dhaabbilee siiviilii filanicha akka taajjabanif heeyyama argatan, taajabdoota idil-addunyaa, hojjettoota boordichaa, keessummoota boordicharraa heeyyama argatan, bakka bu'oota paartilee siyaasaafi raawwachiistota filannoo qofa akka ta'an dubbataniiru.
"Lammiileen wayita sagalee kennuuf deemanitti mallattoo paartii deeggaran yookin filatan qabatanii yookin uffatanii deemun hindanda'amu" jedhan.
Bakka bu'ootni paartilee siyaasaas wantoota deeggarsa dhaaba siyaasaa agarsiisan qabatanii yookin uffatanii naannoo buufataalee filannootti argamuu akka hindandeenyes Soliyaanaa Shimallis himaniiru.
Kana malees namni kamiyyuu naannoo buufata filanootti argamuun namoota sossobuu, sodaachisuu akka hin dandeenyes dubbataniiru.
Dhimma meeshaa waraanaan walqabatee naannoo buufataalee filannootti daangaa meetira 200 keessatti meeshaa waraanaa qabatanii argamuun dhorkaa akka ta'es dubbataniiru.
"Sochii bakka bu'oota paartilee,taajabdootafi gaazexeesitootaa danquun hin danda'amu. 'Buufata filannoo keessa seenuu hindandeessan, buufatni filannoo kun guutera, iddoo kana deemuu hin dandeessan' jechuun sochii qaama baajii /waraqaa heeyyamaa/ qabu hunda dhorkuufi danquun hin danda'amu" jechuunis himan.
Guyyaa filannoon itti adeemsifamutti hiriirawwan deeggarsaas ta'e mormii adeemsisuun akka hin heeyyamamne boordichi beeksiseera.
Dabalataan qaamoleen nageenyaa yookin poolisootni hoogganaa buufata filannoo yookin raawwachiistota filannoon waamichi yoo taasifameef malee adeemsa filannoo keessa harka galfachuu akka hindandeenyes gorsituun dhimmoota komunikeeshinii Boordii Filanoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Soliyaanaa Shimalli himaniiru.
















