Namoota ajjeechaa aanga'oota naannoo Amaaraatiin shakkamanirratti murteen darbe

Madda suuraa, Mark Metcalfe
Naannoo Amaaraatti Manni Murtii Olaanaa Baahir Daariifi Naannawashee dhaddacha ganama kana taa'een namoota 55 ajjeechaa aanga'oota naannichaa A L I Waxabajjii 15, 2011 raawwate keessaa harka qabu jedhaman irratti murtee dabarse.
Himatamtoota kanneen keessaa jahan isaanii bakka hin jirretti dhimmisaanii ilaalamaa kan ture yoo ta'u, 49 ammoo qaamaan argamuun dhimmasaanii hordofaa turan.
Haaluma kanaan, manni murtichaa himatamtoota galmee Kumaalaa Mammaar Geetinnat jalatti tarreeffaman 55 keessaa 20 isaanii bilisaan akka bahan murteesseera.
Namoota bilisaan akka gaggeeffaman murtaa'e keessaa tokko Obbo Zammanaa Kaaseedha.
Himatamaa 1ffaa kan ta'an Kumaalaa Mammaar Geetinnat, himatamaa 15ffaa Balaayisewu Saffiinawu, fi himatamaa 44ffaa Liiqinaawu Saffiinawu bakka hin jirreetti murteen balleessaa kan irratti darbe yoo ta'u, abbaan alangaas himatamtoota adda-duraa sadan kanneen irratti yaada adabbii akka kennuuf har'a waaree boodatti ajajameera.
Manni murtichaa himatamtoota hafan 31 irrratti ammoo mormii himannaafi ragaa faccisaa isaanii dhagahuuf A L I Adooleessa 5, 2013tti beellameera.
Aanga'oota Naannoo Amaaraa ''yaalii fonqolchaa'' A L I Waxabajjii 15, 2011 raawwatameetiin lubbuunsaanii darbe keessa tokko Pirezidaantii naannichaa kan turan Dr Ambaachaw Makonnin turan.
Kana malees, guyyaadhuma sanatti gorsaa pirezidaantii naannichaa kan turan Izaz Waasee dabaltee Itaamaajur Shumii Ajajaa Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyattii kan turan Janaraar Sa'aara Makonniniifi sooramarra kan turan Janaraal Gaza'ii Abarraa ajjeefamunsaanii ni yaadatama.
Yeroo sanattis Ittigaafatamaa Biiroo Nageenya Naannoo Amaaraa kan turan Birgaadar Janaraal Asaamminaw Tsiggee ''yaalii mootummaa fonqolchuu '' hogganaa akka turan erga dubbatameen booda, humnootii nageenyaatiin dhiheenya magaalaa Baahir Daariitti ajjeeffamusaanii gabaafame ture.














