Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa: Laamrot Kamaal oliyyannoo Abbaa Alangaa mormuun falmite

Burruusa mana murtii fi artist Haacaaluu Hundeessaa

Madda suuraa, BBC/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Weellisaan Oromoo Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29, 2020 Magaalaa Finfinneetti rasaasaan ajjeefame

Laamrot Kamaal "hiriyaakoo obboleessakoon dhabe" jechuun ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa keessaa harka akka hin qabne dhaddacharratti dubbatte.

Walfalmii Abbaa Alangaafi Laamrot Kamaal gidduutti guyyaa Roobii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Oliyyannoo Yakkaa Lammaffaatti taasifameen, wayita ajjeechaan Artiist Haacaaluu Hundeessaa raawwatamu "maalif hin iyyine? yookin birmannaa hingaafanne" jechuun abbootin seeraa Laamrot Kamaal gaafataniiru.

Adeemsa seeraa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti taasifamaa tureen manni murtichaa himatamtuu afraffaa kan taate fi ajjeechaan Artiist Haacaaluu Hundeessaa akka raawwatamuf haala mijeessun kan himatamte Laamrot Kamaal, gahee haala mijeessuu bahachuushee kan agarsiisu ragaaleen namootaas ta'e sanadaa akka hin dhiyaanne himuun bilisaan akka gadhiifamtu murteessee ture.

Haa ta'u malee Abbaan Alangaa waliigalaa murtee kana mormuun oliyyannoosaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhiyeeffate.

Laamrot Kamaalis Mana Sirreessaa Qaallittii akka turtu taasifame.

Dhaddacha har'aa irratti Mana Sirreessaa Qaallittiitii gama televiziyoonaan (Plasma tv) kan dhiyaatte Laamrot Kamaal falmiishee barreeffamaan Mana Murtiif dhiyeessunshee himameera.

Kana malees isheefi abukaatoon ittisaashee Abbaa Alangaa walin wal falmaniiru.

Falmii Laamrot Kamaal fi abukaatoonshee Abbaa Alangaa waliin taasisan

Ajjeechaa Artiist Hacaaluu keessaa hirmaannaa qabdi jechuun Laamrot Kamaal shororkeessummaan himatee kan ture Abbaan Alangaa Waliigalaa falmii guyyaa Roobii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Oliyyannoo Yakkaa Lammaffaatti taasifameen Manni Murtii jalaa dhimmicha sirriitti osoo hin qoratin Laamrot bilisaan akka gadhiifamtu murteesse jechuun iyyannoosaa dhiyeeffate.

Abbaan Alangaa, "Laamrot michuushee yeroof to'annoo jala hin oollerraa ergama fudhattee artiist Haacaaluu gara iddoo itti ajjeefametti fudhattee deemuun akka ajjeefamuuf haala mijeessiteerti," jedhe.

Kana malees manni murtii jalaa himatamaa tokkoffaa kan ta'e Xilaahun Yaamii labsii farra shororkaa ittisuufi to'achuuf bahe akka ofirraa ittisu murteessee osoo jiruu, isheen garuu bilisaan akka gadhiifamtu ajajuunsaa waan wal faallessu akka ta'es Abbaan Alangaa dubbatan.

Gama biraatin Laamrot Kamaal wayita ajjeechaan raawwatamu Artiist Haacaaluu walin jiraachuunshee qofti yakkicha keessaa hirmaannaa qabaachuushee akka hin agarsiisne kan himan Abbootin Seeraa, Laamroot Kamaal qabatamaan yakkicha keessaa hirmaannaa qabaachuushee ragaan agarsiisu jiraachuusaa Abbaa Alangaa gaafataniiru.

Abbootin Seeraa marii Laamrot shakkamaa ergama irraa fudhatteerti jedhame walin taasifte akkasumas namoota ajjeechaa raawwachuun himataman - Xilaahun Yaamiifaa waliin walii bilbiluushee agarsiisu jiraachuusaas gaafatan.

Ragaa bilbilaa akka hin qabne kan himan Abbaan Alangaa "adeemsi gochichi itti raawwatame mataansaa hirmaannaashee kan agarsiisudha" jechuun deebisan.

Gama biraatin abukaatoon ittisaa Laamrot Kamaal maamila isaaniirratti ragaan sanadaa dhiyaate tokkollee akka hinjirre dubbatan.

Gaaffilee Abbootiin Seeraa Laamrot gaafatan

Abbootiin Seeraa galmicha ofharkaa qaban Laamrot Kamaal fi Artiist Haacaalun kan walin guddataniifi hiriyoota ta'uu isaanii eeruun, Laamrot wayita ajjeechaan raawwatamu hiriyoota Haacaaluf bilbiluurra namootni naannoo akka birmatanif maaliif akka hin iyyine gaafatan.

Laamrotis "dukkana ture. Yeroo gochichi raawwatamu iyyeera. Namni na gargaare hinturre. Sana boodan bilbila bilbile. Hiriyaakoo obboleessakoon dhabe," jechuun dubbatte.

Itti aansunis Abbootin Seeraa namootni Artiist Haacaaluu Hundeessaa ajjeesan akkamiin ishee akka dhiisan gaafatan.

"Ani homaa hinbeeku. Wayita irratti [Haacaaluurratti] dhukaasan anallee kan na ajjeessan natti fakkaatee ture. Rasaasni isa keessaa bahe miilakoo na rukuteera," jechuun Laamrot deebisteerti.

Kana malees Laamrot Kamaal dhaaba siyaasaa kamiyyuu walin hidhata akka hinqabne dhaddacha har'aa irratti dubbatteerti.

Dhumarrattis falmii garee lamaanii kan dhaggeeffate Mana Murtii Federaalaatti Dhaddachi Oliyyannoo Yakkaa Lammaffaa dhimmicha qoratee murtee kennuuf Adoolessa 05 bara 2013ti beellameera.