Ajjeechaa Hacaaluun kanneen himataman mana murtiitti ‘yakkicha hin raawwanne’ jedhan

Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaan kan himataman namootni afur, Xilaahun Yaamii, Kabbada Gammachuu, Abdii Alamaayahu fi Laamrot Kamaal tokkon tokkon isaanii “yakkicha hin raawwanne. Balleessaas hin qabu” jechuun mana murtiitti himan.
Himatamtootni afran har’a Mana Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha yakkaa dhimmoota heeraa fi farra shororkeessummaatti dhiyaataniiti dubbatan.
Beellama darbe irratti manni murtichaa himatamtootni ittisa himataa yoo qabaatan akka dhiyeeffatan fi abukaatoon mootummaa akka dhaabbatuf ajajuun ture har’atti kan beellame.
Beellama darbe irratti himatamtootni tokkoffaa hanga sadaffaa jiran, Xilaahun Yaamii, Kabbada Gammachuu fi Abdii Alamaayahu abukaatoo dhaabbachuuf humna akka hin qabne himanii turan.
Himatamtuun afraffaa Laamrot Kamaal immoo abukaatoo dhuunfaa dhaabbachuuf humna qabaattus abukaatoo dhaabbatuf akka dhabde mana murtiitti himtee turte.
Haaluma kanaan abukaatoon Mana Murtii Waliigalaatti Waajjirra Abukaatoowwan Ittisaan ramadaman har’a mana murtiitti dhiyaataniiru.

Odeessa Haacaaluu Hundeessaa addatti qophaa'e asii dubbisuu dandeessu:

Haa ta’u malee abukaatoon ramadaman heera biyyattii keewwata 20 lakk 5 fi waliigalteewwan adunyaa biroo eerun himatamtoota tokkoffaa hanga sadaffaaf abukaatoo ta’uun akka dhaabbatan himan.
Garuu, kan himatamtuu afraffaa /Laamroot Kamaal/ garuu bakka bu’ummaan akka irraa ka’u mana murtichaa gaafataniiru.
Heerri Itoophiyaa keewwatni 20 lakk 5, namootni himataman mirga abukaatoo seeraa filatanin bakka bu’amuu, abukaatoo ofii dhaabbachuuf yoo humna dhaban fi haalli haqni itti hir’atu yoo uumame immoo mootummaarraa abukaatoo argachuuf mirga akka qaban hima.
Abukaatoon mootummaan ramadamanis himatamtuun afraffaa humna osoo qabduu abukaatoo dhabde waan ta’ef “bakka bu’ummaan keenya sirrii miti” jechuun iyyatan.
Haa ta’u malee manni murtichaa abukaatoon mootummaan ramadaman himatamtuu afraffaa Laamrot Kaamalifis abukaatoo ta’uun akka itti fufan ajajeera.
Gama biraatin abukaatoon himatamtootaa ittisa himataa akka hin qabne mana murtichaatti himaniiru.
Abbaan alangaas poolisiin ragaalee keenya akka nuf dhiyeessu ajajni nuf yaa kennamu jechuun mana murtichaa kan gaafate yemmuu ta’u manni murtichaa garuu abbaan alangaa ragaalesaa ofif akka dhiyeeffatu ajajeera.
Haaluma kanaan abbaan alangaa Sadaasa 23 hanga 25 bara 2013 ragaaleesaa qabatee akka dhiyaatu manni murtichaa ajajeera.
Himatamtootni afran seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 32/1/A fi B akkasumas labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to’achuuf bahe 1176/2012 keewwata 3/2 darbuun himatamuun isaanii ni yaadatama.















