Haacaaluu Hundeessaa: Artistii 'Oromoof qaalii' walleen qabsaa’e

News image

Weellisaa beekamaan Oromoo Haacaaluu Hundeessaa ALA Waxabajjii 29, 2020 (ALI Waxabajjii 22, 2012) galgala sa'a 3:30 irratti Magaalaa Finfinneetti rasaasaan rukutamee ajjeefame.

Odeessi addatti qophaa'e kun waa'ee seenaa jireenyaa, maatiifi hojii artistii kanaati.

Ijoollummaa kootii kaasee afaan gabii nan qabu...

Haacaaluun magaalaa qabsoo Oromoo finiinsuun maqaanshee ka’u Ambootti, abbaasaa Hundeessaa Boonsaafi harmeesaa Guddattuu Horaa irraa ALI Muddee 22, 1976 (ALA 1984) dhalate.

Ijoollummaatti hiriyootasaa kanneen akka Birhaanuu Abarraa fa’i waliin hurufa Alaltuutti jabbileefi loon tiksaa guddatan. 

Barnootasaas manneen barnootaa Oddoo Liiban, Cariifi Mana Barnootaa sadarkaa lammaffaa fi Qophaa’inaa Ambootti barate.

Weellisaa Daawitee Makonnin fakkeenya isaa kan godhate Hacaaluun muuziqaan hiree ganamaa isaa akka ta'e amana. ''Ijoollummaakooti kaasee afaan gabii nan qabu, inuman sirba,'' jedha.

Bakka dhaloota isaa magaalaa Ambootti jabbileefi loon tiksee guddachuun isaa kennaa isaa akka cimsatu isa gargaareera. Naannoo manneen barnootaafi hawwisoo keessatti sirbuu itti fufe.

Abbaan isaa Obbo Hundeessaa Boonsaa kana hin jaalanne. 

Addee Guddattuu Horaan garuu gammadoo turan. ''Abbaan koo doktarummaa fi pirofeesarummaa kana jaalata. Sirbituun mana hin godhattu alalee taati,'' jechuun dubbachuu isaanii BBCtti himee ture Haacaaluun.

News image

Hidhaa - qoraasuma dhiiraa

Namoota hedduu biratti maqaan Amboo gootummaadhaan ka'a. Gootummaa Amboof hedduun himameera, sirbameeras.

Dhaloonni qe'ee sanaa bara dhufee darbu walabummaafi walqixxumaan akka jiraatuuf mormii keessatti lubbuu isaanii dhabaniiru, qaama itti hir'ataniiru, dararama jabduu keessa darbaniiru.

Kanaaf ammoo ragaan jiraataan tokko 'Karchalleedha'. Namoonni baayyeen gatii ummanni naannoo sanaa baase 'Karchalleen' Amboo haa dubbatu jechuun ibsu.

Kanumaafis ta'uun hin oolu Haacaaluu Hundeessaa kan akkas jechuun geerare:

Geerar geerar naan jettuu, Mee ka’ee geeraruuree….

Dhiirri geeraree hin quufne, hidhaa Qaallittii jiraa

Dhiirri geeraree hin quufne, Hidhaa Qilinxoo jira

Hidhaa Karchallee jira - Karchallee Amboo jira…

Weellisaa Hacaaluun barataa sadarkaa lammaffaa ta'ee wanti isa mudate jireenya isaa jijjiireera. Umurii waggaa 17'n, A.L.I bara 1995 hanga 2000'tti karchallee Amboo keessa murtee male ture - shakkamuun duwwaa akka hidhame dubbata.

Isaafi hiriyoonni isaa waggaa shan guutuu wayita hidhamanitti murtee hin arganne ture - boodarra bilisaan gadhiifamaniiru. 

Murtee malee ganna shan mana hidhaatti umurii ijoollummaasaan hidhamus, aariifi haaloo bahuun quba nyaachaa hin jiraanne - inumaatuu hidhaan ijoollummaa na qoraase, daran na fayyade jechuun miidiyaalee garagaraarratti dubbateera.

''Akka barataa Oromoo tokkotti waanuma barataa Oromoorra gahuutu narra dhaqqabe. Kan biraa wanti haaraa hin jiru,'' jedha sababa hidhameef yoo dubbatu.

Haacaaluun yeroo Karchalee Amboo keessa turetti hidhamtoota isa waliin turan, kanneen barreessuufi dubbisuu hin dandeenyeef; hiriyootasaafi bulchiinsa mana hidhaa waliin ta'uun barnoota ga'eessotaa jalqabsiiseera.

News image

Karchallee Amboon alatti Finfinnee dhufees torban tokko Maa'ikalaawii ture. Yeroo kana mara garuu abbaan isaa gaafa dubbisuu dhufan, ''Jabaadhu gurbaa! Hidhaan qoraasuma dhiiraati!'' jedhuun ture.

Sirbuu isaa jibbanis ijoollummaan hidhaatti hamileen isaa caba jedhanii sodaatani.

Manni hidhaa garuu waan abbaan isaa isarratti jibban akka guddifatu isa gargaare. Hacaaluun mana hidhaatti ogeessa muuziqaa ta'e.

''Isa dura ani sagaleedhaan weellisuu malee walaloo fi yeedaloo barreessuu hin beeku ture. Kanan bare mana hidhaa sana keessatti.

Albama jalqabaa keessaa sirboota sagal achittin fixee bahe. Walaloos yeedaloos barreessee,'' jedha.

Manni hidhaa Amboo Haacaaluuf mana barumsaa ture. Namoota gurguddaarraa akka galaa galaafate yaada qaba. Akka abbaan jedhanis qoraafameera.

A show poster for Kellar
[object Object]
[object Object]
[object Object]

Waa’ee ajjeechaa hanga ammaa maal beekna?

Artist Hacaaluu Hundeessaan Waxabajjii 29, 2020 (A.L.I Waxabajjii 22, 2012) guyyaa Wiixataa galgala sa’a 3:30 irratti magaalaa Finfinnee,  iddoo Kondominiyemii Galaan jedhamutti rasaasaan rukutamee lubbuun isaa darbe.

Battala rukutametti gara wiirtuu yaalii Lebu Star Medical geeffamus lubbuu isaa baraaruun hin danda'amne.

Achis qorannoo reeffaaf gara hospitaala Qiddus Phaawuloositti geeffamee halkan achi turuun, ganama barii namoota kumaatamatti lakka’amaniin marfamuun gara Ambootti imala eegale. 

Boodarra Buraayyuu naannoo Keellaa jedhamurraa deebi’uun Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti deebifame. 

Achiis konkolaataan reeffa fe’ee ture waraana waliin tahuun gara mooraa waraanaa Xoor Hayiloochitti fudhatanii, reeffi heelikoptaraan gara Ambootti geeffame.

Deeggartoonni Hacaaluu garuu owwaalchi isaa magaalaa inni ittiif sirbeefi babal’achuu ishee walleen gaafate, Finfinnee, keessatti akka raawwatu gaafataa turan. 

Harmeen isaa inni akkaan jaalatuufi maqaa isaaniin kakatu akkasumas haati warraa isaa garuu Magaalaa Ambootti akka owwaalamu barbaadan. 

Waldura dhaabbannaa bakka owwaalchi raawwatu qaba jedhame jidduutti lubbuun namaallee darbeera. 

Boodarra, reeffi gara Amboo mootummaan erga geeffamee booda owwaalchi isaa gaafa Kamisaa magaalaa Amboo Bataskaana Yesuusitti raawwate.

Poolisiin kanneen qondaaltota paartii mormituu ittan shakkee to’adhe kan jedhu keessaa tokko ‘humnaan reeffa gara Finfinneetti deebisan’ kan jedhu jira. 

Poolisiin akka ibsetti namoonni ajjeechaa isaan shakkaman 3 ajjeechaa raawwachuu isaanii amananiiru. 

Dhimmi isaaniifi shakkamtoota biroo to’atamanii mana murtiitti ilaalamaa jira. 

Maatiin Hacaaluus dhimmicha itti dhiheenyaan hordofuuf akka yaadan ibsaniiru.

Haa ta’u malee, sababni ajjeechaan isaa raawwateef ammallee hin beekamne. 

Ajjeechaa isaa dura yeroo garaa garaatti kanneen itti dhaadachaa jiran akka jiran Hacaaluun miidiyaalee garaa garaa irratti dubbachaa ture. 

Dhimma kana yoo ibsuus wantoota kana dura yeroo garaa garaatti magaalaa Finfinnee keessatti isa qunname dubbata.

News image
News image
News image
News image
News image

Hacaaluu ija maatiin

Hacaaluun kaaniif weellisaadha, kaaniif rogeessa dantaan ummataa guddate akka sagalee argatu hojjetudha.

Abbaafi haadha isaaf garuu bultiis ijaarratu maqaas horatu, ilmadha - ilma gudeedaati.

Hacaaluun walumaagala obbolaa 9 qaba. Harmee isaaf mucaa 4ffaati.

‘‘Hacaaluun ijoollummaa isaatii kaase goota, korma,’’ jedhu abbaan isaa Obbo Hundeessaan..

‘‘Mucaankoo dhalootuma isaan beekaadha,’’ jechuun isa jaju haati isaa Aadde Guddattuu.

Abbaan isaa immoo ‘‘Oromoon maal jedha ennaa mammaaku ‘Korma bahu gooranatti beeku’ jedha. Hacaaluun ennuma ijoollummaa isaatii kormaayyuu,’’ jechuun isa ibsu.

Obboleessi isaa waggaa 4’n Hacaaluu hangafu, Habtaamuunis ‘‘Hacaaluun gara-laafessa. Nama jaalata. Jaalala namaa qaba,’’ jechuun ijoollummaa isaa yaadata.

Harmee isaa Aadde Guddattuu Horaaf jaalala addaa akka qabu Hacaaluun yeroo hedduu dubbateera. Yeroo kakatus isaanin kakata. Harmee isaa caalsifata jechuudhaa?

‘‘Mucaankoo anumaan kakata eenyun haa kakaturee?’’ jedhu harmeen isaa sababa maqaa isaaniin kakatuuf yoo ibsan. 


Ijoollummaa isaatin garuu jalaa dhukkubee yeroo dheeraaf waliin rakkataniiru.

‘‘Qaamni isaa na jalaa mammadaa’ee waggaafi ji’a shan akkatti bari’u barii isaas dhiha isaas hin beeku. Sanaan hospitaala [Amboo] dhaqe,’’ jechuun yaadatu.

Doktarri hospitaala Ambootti ilma isaanii wal’aane garuu qorsa qofa osoo hin taane, waan biraallee gumaate. Maqaa Haacaaluu moggaase.

‘‘Mucaa meeqa deesse naan jedhe. Inni afraffaadha jedheen’’ jedhu harmeen isaa. 

‘‘Ati mucaan kuni hin du’a jettee eegda. Mucaan kuni hunda caala. Inni Hacaaluudha maqaan isaa,’’ jechuun doktarri daa’ima wal’aane dubbachuu isaa BBC’tti himan. Ergasii isaaniis maqaa haaraa baheefitti isa waamuu eegalan.

Dura osoo Hacaaluutti hin moggaafamin sirna aadaa Hammachiisaatti maqaan isaa Karaa jedhama ture jedhu Aadde Guddattuun. Garuu, maqaa kanatti hin waamamne. 

Jaalalli isaafi harmee isaa garuu maatiirra tara. Hacaaluun ganamumaa kiraara taphachuu eegale.

Ennaa horii tiksu wallee ‘‘Afaan Oromoos kan Afaan Amaaraas kan jaalatu ni taphata ture,’’ jedha Habtaamuun.

Hojiin inni boodarra ittiin beekame, walleen, garuu abbaa isaan hin jaalatamne ture.

Abbaan isaa barumsaan akka cimu barbaadani. Obboleessi hangafaafi harmeen isaa garuu bira dhaabbatan. Kanaaf, Aadde Guddattuun hojii isaa jaalatu.

‘‘Animmoo ijoollummaa kootii eegalee sirba nan jaaladha. Weedduu osoo hin taane kokkee sirbuu jaaladha.’’

Boodarra garuu abbaan isaas hojii isaa jaalachuu eegalani.

News image
News image

Muuziqaa Haacaaluu: Seenaa, aadaafi Afaan Oromoo 

Haacaaluun yeroo hedduu walaloowwan isaa keessa namoota seenaa keessatti beekaman kaasee faarsa, fakkeenyaan itti fayyadama yookaan dogoggora isaaniirraa akka barannu nu gorsa.

Sirboota kan jaalalaati jedhaman keessattillee namoota seenaa uummata Oromoo keessatti gurra horatan fa’i keessa buusuun ergaa dabarfachuu barbaade sana cimsa.

Fakkeenyaaf sirba Waldhabnaaree jedhu keessatti:

Achi buuteen kee dhabamee akka miila Bakar Waaree,

Bareeddittii Awaash gamaa wal jaalachaa waldhabnaaree?  jechuun weellisa. 

Mammaaksi yookaa jechamni waa’ee ‘Miila Bakar Waaree’ achi dhuftee qabdi. 

Yeroo lola Calanqoo akkas tahe jedhan - waraanni Mootii Minilik 2ffaa gam tokkoon, ummatni Oromoofi Hararii ammo gam kaaniin hiriiran - 1887tti. Hogganaa Oromoota naannawa sanii ka ture Bakar Waareen gosoota Afran Qalloofi kaan ofduuba hiriirsuun waraana dursaa akka ture himama.

Argaa-dhageettiin jaarrolee akka agarsiisutti, wayita lola kanaatti Bakar Waaree miiraan lolarra hirmaatee miillisaa yogguu irraa citullee quba hinqabu ture  - waraanni xumuramee hanga namni itti himutti. 

Warri Harargee har’allee waan tasa badee hin argamne yogguu mammaaysaan yookaan jechamaan ibsan, miila Bakar Waareen fakkeessu. Haacaaluun jechamoota sasalphaa akkasii seenduubee gurguddaa qaban sirbootasaa keessatti kaasa.

Kana akka fakkeenyaatti as gubbaa kaasne malee sirboota isaa hedduu keessatti namoota seenaa maqaa dhawa.

Aliyyii Cirrii Dhombir isaa waliin, Taaddee Birruu, Elemoo Qilxuu, Oliiqaa Dingil fa’i irra deddeebiin kaasa.

Dargaggootni dhaloota ammaa jara kana ‘‘eenyu namni kun?’’ jedhanii seenaa akka soqan karra banaaf.


Albamuma kana keessatti sirba aadaa Jimmaa ‘Diggittii’ jedhu keessatti:

Urjii koon siin jedhaa…. 

Akka Gadaa keenyaa qarri urjiis shanii...

Mootiin Gibees shanii...

jechuun irra deddeebiin waa’ee Yayyaba yookaan Yaayyaa shananii nutti hima.

Oromoon jireenyaa fi falaasama isaa seera Yayyaba shananii irratti hundeeffate.

Uumaan Waaqaa, gosti bineensotaa, sirni Gadaa, ijaarsi manaa, odaan, sirni nyaataafi kkf shan shaniin gargar akka qoqqoodaman haayyuuleen ni dubbatu. 

Yunivarsiitii Ambootti Daarektara Giddugala Qo'annoo fi Qorannoo Aadaa Looreet Tsaggaayee G/Madihin ka tahe Gargaaraa Piroofeesara Saamu’el Layikuun waan jedhu, Haacaaluuf sirbi meeshaa ittiin uummata bira gahudha. 

Sirboota isaatiniis, Haacaaluun dhaloota kana waa sadi barsiisa jedha.

Akka Saamu’eel jedhutti Haacaaluun sirbasaa Maalan jiraa? keessatti waa’ee seenaa gosoota Oromoo Finfinnee keessa turanii nutti hima jedha. Sirboota kaan keessattillee akkasi.

Sirbuma kana keessatti aadaas nu barsiisa jedha Saamu’el. Akkamiin? - fakkeenyaan deeggara.

Sooreettii haadha Sooree,

Irbaanni irra buusa qabaa.

Seeqanii sesseeqanii,

Kan gargar nu baasan jaraa.

Sooreettiin dubartii otoroo/guddoo taateef maqaa kabajaa kennamudha. 

Kana malees waa’ee irra buusa irbaataas yogguu kaasu ‘‘aadaa Oromoo keessatti irbaata erga nyaattee booddee, yeroo itti ijoollee sammuu qaran (brain gymnastics) jira. Kunis hiibboo, sheekkoo, mammaaksaafi kanneen biroon tahuu mala.  

‘‘Gama nyaataanis irbaataan booda qorii, caccabsaa yookaan akkaawii tahuu danda’a, hanga bunni danfutti, abbaa warraaf wanti kennamu jira.

Aadaa kaleessa ganne akka har’a deebisnee ilaallu nu gaafata. Ijoolleef yeroon kennamuu akka qabu. Taa’anii maatii waliin haasawuun akka nurra jiraatu Haacaaluun nu yaadachiisa,’’ jedha.

Gama afaaniinis jechoota yookaan akkaataa waa itti ibsan irraanfatamanii turan sirbootasaa keessatti fiduun nu yaadachiisa.

Keessattuu sirba qeenxee Jirra jirra jedhu keessa jechoonni akkasii hedduun akka jiran kaasa Saamu’el.

Tafkiidhaaf utaalchoo, geergoodhaaf miliqqii, waayyuudhaaf raasaasaa, allaattiidhaaf kochoo, qocaadhaaf dhagaachaa…. Kennaa maaltu dida jirra hunda baachaa.

‘‘Allaattiidhaaf ogummaa balali’uu Waaqni kenne, ummata Oromoodhaaf ammoo kennaa waa hunda danda’uu kenneera,’’ jechuun, kana keessatti afaan qofa osoo hin taane falaasama ummatichaas ni mul’ata jedha.

News image

Qorannoo PhD hin maxxanfamne mataduree ‘Oromo Popular Music on YouTube: Heritage and Identity in the Making’ jedhuun Awustiraaliyaa Yunivarsiitii of Kuwiinslaanditti ka gaggeessaa jirtu Anais Maro, kanneen muuziqaaf fedhii addaa hin qabne birattillee Haacaaluun jaalatamaa ture jetti.  

Namoota saddeetama waliin af-gaaffii akka goote kan dubbatu Anais, ‘‘namootni ani dubbise muuziqaaf fedhii yookaan mi’aa adda addaa qabanis, artistiin jaalatamaa tahee jalqabarra dhufu Haacaaluudha,’’ jetti.

‘‘Umuriifi sadarkaa barnootaa garagaraa qabaatanis, kutaa Oromiyaa kamirraayyuu haa dhufanii, hunduu Haacaaluu jaalatu.

Waraqaa kana keessa boqonnaan tokko 'Telling the truth or making the future? Hermeneutics of Maalan Jira?' kan jedhudha. 

Wayita qorannooshee hojjechuuf hawaasa keessatti adeemtu jecha namni tokko itti dubbate akka hin irraanfanneefi haga har’aallee dubbiin kun maal akka tahe hubachuuf carraaqaa akka jirtu dubbati - ‘‘Hacaaluun waan fuulduratti ta’uuf deemu dubbata.’’ 

Wasanuu hanga Hacaaluu

Artistoota irratti maaliif xiyyeeffatama?

Aartiin calaqqee ummataati. Artistiinis akkasuma. Ummanni Oromoo waggoota dheeraaf hacuuccaa siyaasaa akkasumas diinagdee keessa jiraachuu himachuun qabsoo gaggeessaa ture, itti jiras.

Akkuma ummatoota kaanii, qabsoo kana keessa walleen bakka dhibe hin qabu. Sababa kanaaf, weellistoonni ‘maallaqaaf hojjenna miti’ yeroo jedhan dhagahuun kan barame.

Weellistoonni sagalee guddistuu qabsoo ta’urra kan darbe ummanni akka dammaqu, aadaa isaa akka cimsu, duudhaa isaa akka jabeeffatuufi seenaa isaa akka yaadatu hojjetu.

Qabiyyeen wallee hedduun isaanii dalaganis kana of keessatti hammata. 

Sababa kanaaf, qaama hojii isaanii kanaan kanneen hin gammanneen yeroo saaxilaman mul’ata.  

Waloo beekamaa Simee Tufaan ‘‘Weellistootni keenya weellistoota qofa miti, qabsoodha gaggeessu,’’ jedha yeroo isaan ibsu. 

Kun waan har’a eegale miti. Bara mootii H/Sillaasee eegalee kanneen aartiidhaan ummata dammaqsaa turan rakkoorra bu’uu, maatiin akkasumas kanneen waliin dalagan ni himu.

Wasanuu Diidoo

Seenaa Itoophiyaa ammayyaa keessatti weellistoota Oromoof Wasanuu Diidoon hangafa. Bara 1930 keessa eegalee walleewwan masinqoodhaan dabaaluun sirbuun beekama.

‘Weellistoota [kan Afaan Oromoon weellisan] dursee raadiyoorratti sirbe’ jechuun kan isa ibsaniis jiru. Barri inni hojjete bara wallee supheedhaan waraabaniiti.

Hangaftichi masiinqoo taphatuun beekamu Laggasaa Abdiillee Wasanuu Diidoo fakkeenya godhate.

Wallee inni baras sirbe weellistoonni ammaa irra deebi’anii sirbaniiru. Kanneen keessaa ‘alam mangistaata deemna’ kan jedhu Taaddalaa Gammachuun sirbeera.

Jalqaba Jaamboo Jootee boodarra Haacaaluun itti dabalee kan sirbe ‘Maasaan gamaa lafa hin baatu,’ jedhus kan Wasanuuti.

Sirbuun garuu Wasanuuf ogummaa abbaa isaatillee. Hagar Fiqiritti Afaan lamaaniin [Afaan Oromoofi Amaaraan] hojjetaa ture.

Bira qabee yeroo ummata kakaasellee:

Sangaa oofaa jennaan, oofnee baane Shaggariinii

Kaan shaniin bitata, kuun shantamaan bita gariini.

Abbaanis yoo du’ee ilma jiruu hin badu maqaanii

Yaa alaamaa qawwee, taa’an tola ‘Labaniinii’

Labaniin ni iyyaa, maarree yoo du’e jabaan gaafa biyyaa jechuun abbaan gaafa biyyaa du’uus ilmi jira hin badu maqaani jedhee kan weellise.

Yaa masii masiinqoo jechuun masiinqootti dubbachaa kaninni sirbe jaalala guddaa ummata biraan itti argateera.

Qorattoonni waajjira Aadaafi Turizimii Godina Shawaa Kaabaa maatiirraa akka odeeffatanitti, Wasanuun cimaa waan ta’eef Afaan Oromootin sirbaa ture malee namootni hedduun isa rakkisu turan.

Inni garuu nama Oromoo tuqeef hin sarmu. Ijuma jabaatee afaan afaanitti deebisaaf jechuun maanguddootni dubbatu.

Bara mootii H/Sillaasee Afaaniifi Aadaan Oromoo fi kan ummatoota kaan hacuucamaa turetti rakkoon biroollee akka isa qunnamuu malu tilmaamuun nama hin dhibu.

Gaafa tokko namoonni hojii isaa jibban yeroo hojiidhaa galu dimimmissaa’e waan tureef, karaa inni darburra foo’aa hidhanii lafaan akka dhahu godhani jechuun maatiin isaa lubbuun jiran himatu.

Kanaanis, jilbi isaa buqqa’u maatiin himu.

Ergasi weellisaa Wasanuun akka durii naanna’anii sirbuu dadhabanii naannoo waggaa tokko manatti dhukkubsachaa erga turanii booda du’an.

Du’a isaaf maatiin namoota hojii isaatiin gammachuu hin qabne jedhan himatu.

Eebbisaa Addunyaa

Dhaloota boodanaa keessa weellistoota sababa wallee isaaniin rakkoo akka isaan mudate amanamu keessaa tokko Eebbisaa Addunyaadha.

Lixa Oromiyaa Dambi Dollootti kan dhalate Eebbisaan dabballee dhaaba ABO’s ture. Gitaara taphachuun alas afaaniifi aadaa Oromoo barsiisuun beekama.

Walaloon isaa ummata qabsoofi diddaaf kan kakaasanidha. Erga dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo chaartara keessaa bahe booda biyyuma keessa kan ture weellisaan kun, walleen qabsoo waraanaa deeggaruu itti fufe.

Maatiin isaa garuu balaarra isa buusa jedhanii yaadda’aa turan.

''Booddee koottis garagalee hin ilaaluu, kanatu ta'e, sanatu ta'e hin jedhu, an seenaa hojjechuurraa booda hin deebi'u naan jedhe.

Garaa na kute. Akkas godhanii lafa kaa'an mucaa koo,'' jedhu harmeen isaa Aadde Sannaayit Kabbadaa.

Maatiin akkasumas hiriyyoonni isaa yoo himan Eebbisaan ALI Hagayya 24, bara 1988 ture magaalaa Finfinnee bakka Shiroo Meedaa jedhamutti mana kireeffatu keessa hiriyyaa isaa waliin kan ajjeefaman.

Weellistoota kaanirraa wantoota Eebbisaa adda godhan keessaa tokko fuudhee dhala godhachuu dhabuu isaati. 

Artist Eebbisaa Addunyaa nama ija jabeessa, daabee lulee, nama gara laafessaa fi nama waan itti amane dubbatu hin sodaanne ture jedhu maatiifi hiriyoonni isaa kanneen akka Daawwitee Mokonniin, Hirphaa Gaanfureefi kaan.

Usmaayyoo Muusaa

Weellistoota qabsoo bilisummaa Oromootti booree horaa turan keessaa Usmaayyoon tokkodha.

Godina Harargee Bahaa naannawa magaalaa Haramayaatti kan dhalate Usmaayyoon ijoollummaa isaarraa eegalee jaalala muuziqaa qaba ture.

Boodarra ‘‘gara Dirree Dhawaa deemee artistii beekamaa Oromoo Abdii Mohaammad Qopheefaa waliin sirba eegale,'' jetti intalti isaa hangafaa Aadde Saartuun.

Albama isaa jalqabaa sirba warraaqsaan kan eegale weellisaan kun, sirba qabsoon maqaa horateera.

Yaada isaatti cichee Mootummaa Dargiifi ADWUI keessa waluumaagala albama sadii dalage.

'Bilisummaa fi imimmaan’, 'Hidhaa fi ajjeechaan duubatti nu hin deebisu', ‘Irree nuu ta’i yaa Rabbii!’, 'Ni mo'anna yoo gamtaan jiraate' fi kaan kanneen ittiin beekamu keessaati.

Waan itti amane dalaguun isaa garuu kanneen hojii isaa hin jaalanneef boqonnaa dhowwe, isas rakkoof saaxile.

Hiriyyaan isaa akkasumas booda kan waliin hidhame Artist Suutee Baarentoo waggoota saddeetif waliin mana hidhaa turuu dubbata.

Osoo inni mana hidhaa jiru ture haati warraa isaa lubbuun ishee kan darbe.

''…jiruu fi jireenyaan wal'aansoo qabuu...rakkoon walirratti heddummaatee haadha kiyya humna laaffise,'' jetti Saartuun.

Wantoota Usmaayyoon itti amane raawwate keessaa sirba qabsoo weellisuu qofa hin turre. Hiriyyoonni isaa lubbuu ofii oolchuuf alatti yoo bahan inni kana hin feene.

Inumaa wallee isaatiin isaan qeeqaa ture.

Erga hidhaatii bahe osoo hin turiin magaalaa Cirootti haadha warraa biraa fuudhee osoo jiraatu ture lubbuun isaa kan dabarte.

Maatiin isaa dararaa mana hidhaatti argeef akkasumas dhimmoota garaa garaarraan kan ka’e lubbuun isaa akka darbetti amanu.

Eebbisaan du’e waggaa 10’ffatti ture Usmaayyoon lubbuun kan darbe.

Haacaaluu

News image

Waggoota 10’n dabran weellistoota yeroo gabaabaa keessatti maqaa guddaa horatan akkasumas jaalala guddaa horatan keessaa tokko Hacaaluu Hundeessaati.

Dargaggoon umurii 36 magaalaa Ambootti dhalate kun, akkuma weellistoota Oromoo kaanii dhimmoota gaaffii ummataa ta’an walaloofi yeedalloon dabaalee gurra ummataa gahuun beekama.

Hojiin isaa kuni ummata kaan birattuu dafee akka beekamu isa gargaareera.

Walleen ala dubbii cimaa ija jabinaan dubbachuufi bakka jiru maratti dhimma Oromoo ifatti ibsuunillee beekama.

Haa ta’u malee, innuu irra deddeebiin akka ibse, kana dura bara bulchiinsa Ministira Muummee H/Maariyaam Dassaalany tika mootummaan hordofamaa turuu himata.

Bara bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahimadimmoo yeroo garaa garaatti namoonni magaalaa Finfinneetti isa gaadaa akka turan ibsaa ture.

Kunneenis, sababa hojii isaan akkasumas dubbii taasisuun kan walqabatu ta’uu akka amanu bara lubbuun jiru himee ture.

Innuu bara lubbuun ture ‘‘Muuziqaan anaaf jireenya kooti. Firan itti horadhes, diinan itti horadhes,’’ jechuun BBC’tti himee ture.

Ajjeefamuu isaa guyyoota muraasa dura jaalalaafi beekkamti ummata biraa qabu ibsuuf ‘‘Ani Oromoof qaaliidha!’’ jedhee of ibsee ture.

Albamii isaa sadaffaa osoo dalagaa jiru sababa hanga ammaatti ifa hin taaneen, Waxabajjii 29 bara 2020 magaalaa Finfinnee keessatti ajjeefame.

Abbaan isaa Obbo Hundeessaa Boonsaa ilmi isaanii sababa hojii isaan akka irratti xiyyeeffatame amanu.

Ajjeechaa isaa hordofee kanneen mormii isaanii ibsuuf bahan magaalota Oromiyaa garaa garaatti gadda isaanii ibsaniiru.

Mormiin hokkaratti jijjiirames lubbuu namaa akkasumas qabeenyarratti badiin guddaa gaheera.

Walleen Afaan Oromoo weellifaman qabsoo, haqaafi bilisummaaf taasifamuun alatti Oromummaa cimsuu keessatti qoodni gumaache olaanaadha.

Walumaagalatti, kanneen sababa aartii keessatti qooda qabaniin lubbuun isaanii darbe jedhame amanaman garuu kanneen gubbaatti maqaa dhahaman qofaa miti.

Bara durii eegalee kanneen du’aaf saaxilaman akkuma jiran kanneen baqatanii biyyaa bahan, hidhaa seenan, akkasumas dararaa gara garaaf saaxilaman ni jiru.

Abdii Qophee, Abubakar Muusaa, Ayyuub Abubakar, Jireenyaa Ayyaanaa, Cawwaaqaa Yaaddessaa, Yooseef Gammachuu, Daadhii Galaaniifi kaan kan ajjeefaman yookiin achi buuteen isaanii dhabaman jijjiru.

Kunneen sababoota garaa garaan lubbuun isaanii darbus gaheen isaan aartii keessa qaban sababa ijoo ta’u akka malu danda’u kanneen aartii ummata Oromoo dhihootti hordofan ni amanu.

News image
[object Object]
A show poster for Thurston the Great Magician
[object Object]
A show poster for Thurston the Great Magician

Maalan jira?... Jirra jirra… Eessa jirta?

Haacaaluun maqaa isaatiin albama lama qaba; 'Sanyii Mootii' fi 'Waa'ee Keenya'. 

Ergasii booda garuu sirba qeenxeerratti xiyyeeffate - guddaas milkaa'eera.

Albamasaa lammaffaa booda sirbi qeenxee bara 2015tti viidiyoo muuziqaa waliin dabaalamee bahe, Maalan jira?, daran gurra horate - dhaggeeffatamees hin quufamu.

Yeroosiifi ergasiillee yeroo dheeraaf gola Oromiyaa hunda keessatti sirbuma kanatu haalaan caqasama ture.

Haacaaluun A.L.I Hagayya 2009 [Hagayya 2017] turtii BBC waliin taasiseerratti ''Maalan jiraa waanuma keessa kiyyaan barreesse. Uummanni battalatti galeeraaf. Kaanis gaafatee galeef. Kanammoo uummanni baruun anaaf gammachuudha,'' jedhee dubbate.

Ergasii BBC dabalatee miidiyaalee garagaraatti waan dubbateen sirbi kun weerara lafaa naannawa Finfinnee daran isa yaaddesseef weellisuusaa dubbate. 

''Gullalleen giddugala Finfinneeti kan jedhu Haacaaluun, ‘Weerara lafaa isa gidduurraa ka’uun barbaade,’’ jechuun miidiyaa Ethio Tube jedhamuuf dubbate.  

‘‘Kan ammaa yoo kaafnu kan duriis yaadachuun nurra jira waan taheef, kanaafin hojii kana hojjedhe,’’ jedha.

Gosootni Oromoo Tuulamaa kanneen akka Yaayyaa Gullallee, Eekkaa, Galaaniifi kaan lafasaaniirraa buqqa’anii amma iddoosaanii durii hinjiran jedhee falma.

‘‘Otoo horteen gosoota kanaa laficharra jiraatan silaa; aadaan saba kanaa ni mul’ata ture, Afaan Oromoos haalaan dubbatama ture, namuu uffata aadaa isaatiin faayamee mul’ata ture. Garuu kun tahaa hinjiru.

‘‘Adeemsa amma jiruun itti fufa taanaanis, Oromoonni naannawa Finfinneerra amma jiranis, egereen isaanii akkuma Gosa Gullallee fa’itti taha jechuun barbaade sirba sana keessatti.’’

Sirboota weellisaan kuni bara lubbuun jiru sirbe keessaa Maalan jiraa'n, kan dhaggeeffatamummaa guddaa horates ta’e mormii ummataa qaaccessuu keessatti gaheen isaa olaanaadha.

Mormiin maastar pilaanii Finfinnee 10ffaa ajandaa mormii ummataa guddicha bulchiinsa TPLF diiguun bulchiinsa amma jiru aangootti fidedha.

News image

Jirra jirra…

Maalan jiraan ittaanee sirbi qeenxee Haacaaluun 2017tti ummata biraan gaheefi ammallee  jaalatamummaa guddoo argate, weelluu Jirra Jirra jedhudha. 

Walaloo sirba kanaa ka barreesse dargaggoo Sinnishaaw Mul'ataati. 

Walaloon sirba 'Jirra Jirra' barreeffamee nama hubatu hin argatiin turee waggaa lama booda weellisaa Haacaaluun dhufee lubbuuu itti naa hore jechuun wayita sana BBCtti hime.

''Baayyinni rakkoodhaa furmaata mataansaa

Harreen ba'aa diddee taati harree diidaa

Qambar sadii cabseti qotiyyoon gafarsaa,

Hammeenyi ulee mataas, injiraan ajjeesaa.''

Kuni guddummaafi amanamummaa Waaqa Oromoo agarsiisa jedha Sinnishaaw.

"Namni tokko si ajjeesuu dhufeeti injiraan mataa kee - diina kee sirraa ajjeesee deema," jedha.

Sirbichi Gincii irraa ka'ee godinaalee Oromiyaa baayyee keessa nu fudhatee deema.

Ginciirraa jalqabuunsaa lafa mormiin Oromoo itti jalqabe mul'isuuf jechadha, isa garuu kan itti dabale weellisaa Haacaaluudha jedha.

Eessa jirta?

News image

Haacaaluun ajjeefamuu isaatiin dura turtii miidiyaa isa dhumaa gaazexeessaa OMN Guyyoo Waariyoo waliin taasise irratti hojii haaraa qabatee dhufaa akka jiru dubbateera.

Hojiileen isaa istuudiyoo keessa akka jiraniifi wantoota hin baane hedduu of harkaa akka qabu dubbate.

Hojiilee bahuuf deeman keessaa tokko wallee ‘Eessa jirta?’ ka jedhu akka tahefi walleewwan asiin duraa Maalan jiraa fi Jirra jirraan kan walqabatuufi isaanirraa kan itti fufe akka tahes odeeffanneerra.

Maatiifi hiriyoonni isaas hojiisaa kana dabalatee, kanneen hin xumuramin biroo fuuladuratti uummataaf akka dhiyeessanis dubbataniiru.

News image
News image

Looreet Tsaggaayee G/Madihiniifi Haacaaluu

Hayyuun og-barruu Looret Tsaggaayee G/Madihin Qawweessaa fi Haacaluun dhiigaan firoomu - kana innis dubbateera. 

Gaafa eebba Wiirtuu Qorannoo Aadaa maqaasaaniitiin moggaafamee Yunivarsiitii Ambootti hundaa’e irratti Haacaaluun, Tsaggaayeen firakoo qofa osoo hin taane fira Itoophiyaa hundaati jedhee ture.

'''Haacaaluun yeroo hedduu yaada Oromummaa fi Itoophiyummaa walsimsiisanii deemuun akka danda’amu Looreet Tsaggaayee irraa baradheera’ jechuun dubbata,’’ jedha daarektara Wiirtuu  Qorannoo Aadaa Looreet Tsaggaayee G/Madihin ka tahe Gargaaraa Piroofeesaraa Saamu’el Layikuun.  

‘‘Looretichi du’aaf ilaalcha addaa qaba,’’ ka jedhu Saamu’el, Haacaaluunis du’aaf yaada walfakkaataa akka qabu kaasa.

Ilaalchi Haacaaluun qabuufi xiinsammuun isaa hojiilee looretichaa kan bu’uura godhataniidha jedhee akka amanu dubbata.

Kitaaba Walaloo afaan Amaaraatiin barreessan Isaat woy Ababaa jedhu keessa, walaloo ‘Yet abbaatuu, mootim yimut’ jedhutu jira.

Ibaakaachuu zamadoochee …… Maaloo yaa firoottan koo,

Simoot mootim abiroony yimuut …… Gaafan du’u, duutis na waliin haa du’u.

Besaaq badasitaa gidalut …… Kolfaafi gammachuun ajjeesaa,

Behaasset beliltaa wugarut …… Gammachuufi ililleen haleelaa.

Kaaxintee bataach qibaruut, …… Lafee koo gajjallaatti awwaalaa,

Ibaakaachuu zamadoochee …… Maaloo yaa firoottan koo,

Lemoot yelib libb attisxuut …… Du’aaf ija hin laafinaa. 

''Looretichi yoo sirbaa na awwaaltan dhalootni ana booda jiru, akka du’a hin sodaanne taha,'' jechuun dhalootaaf ergaa akka dabarsan dubbata.

Haacaaluunis du’a erga awwaalee oolee buleera jedha ogeessi kun. Akkamiin jennaan ''Gaafa hidhaa Karchallee sana keessaa du’a awwaale. Gaafas sodaa du’aa dhaabe,'' jedha.

Ogeessa kaameraa BBC fi hiriyaa Haacaaluu yeroo dheeraa kan tahe Amansiisaa Ifaa, waan Haacaaluun gaaf tokko itti hime yoomuu hin dagatu - ''Ani nama kaan irraa adda miti. Guyyaa tokko du’uu nan danda’a, garuu du’a hin sodaadhu,'' ittiin jechuu ni yaadata.

News image

Sirbasaa Tulluu Jala Malkaa Yaatu kan waloon beekamaa Simee Tufaa barreesseef keessatti waa’ee dhimma kanaa ibseera jechuun ‘‘sirba kana ofiif sirbe jedheen yaada,’’ jedha Saamu’el. 

Tulluu jala malkaa yaatuu,

Maaltu booressee taliila kanaa.

Lubbuu akka tasaa baatu…

Qaama biyyoon nyaatu … Maaltu lammiifi koodeesaa ganaa?!

Haacaaluun gaafa eebba wiirtuu qorannoo maqaasaaniitiin hundaa’erratti, yaadannoo isaanitiif akka ta'uuf siidaan Looreetii kanaa Amboo qofatti osoo hin taane, handhuura Finfinnee irrattis dhaabbachuu qaba jechuun dubbateera.

Haacaaluu
ija hiriyyaa isaa dhihoon

Hiriyyaan baay’ee dhihoo Hacaaluu Ingiduu Cimsaati. Ijoollee ganda tokkootti. Hiriyyummaan isaanii yeroo inni albama isaa jalqabaa baasuuf tattaafachuu jalqabe eegala.

Manuma tokko jiraataa turan. Hacaaluun Ingiduutin Keessummaa jedhee waama. Hacaaluutin obboleessakoo kan jedhu Ingiduunimmoo immoo Hacee jedhaan.

Ingiduun ogummaa muuziqaa keessa nama jiru ta’u dhabus, hojii Hacaaluu keessa gaheen isaa olaanaadha.

Yeroo wallee waraabu, yeroo konsartii qopheessu, yeroo walaloo barreessu akkasumas imala isaa biraa hin hafu. Haacaaluunis isa of biraa dhabuu hin barbaadu.

Haacaaluunis kana yeroo hedduu ibseera. Ajjeechaa raawwatuun guyyoota muraasa durallee gara Adaamaa imalanii Nuhoo Goobanaafi Haloo Daawwee walumaan dubbisani.

Yeroo lammiileen daangaa Somaaleerraa buqqa’an dubbisuu dhaqanitti, yeroo Hacaaluun boo’aa dubbatu viidiyoo kan isa waraabaa ture Ingiduudha.  

‘‘Weellisaa qofa miti Hacaaluun,’’ kan jedhu Ingiduun namni isatti dhihaatee beeku haasaa isaan isa beeka jedha.

‘‘Bakka Hacaaluun jirutti namni biraa hin odeessu. Namnis yoo odeesse hin jibbita. Akkanni haasa’u barbaadda.’’


Akkuma weellistoota kaanii Hacaaluun qormaata keessa darbee maqaa horate. Ta’us, rakkadhe jedhee deeggarsa hin gaafanne jedha. 

‘‘Kiraa keessa jiraanna. Bara rakkanneyyuu qabna. Ilmoon dhiiraa hin rakkata. Konkolaataa hin qabu. Taaksiidhaan deema.

Garuu rakkoo keessan jira jedhee faayidaadhaaf jedhee wanti of dabarsee kennu hin jiru. Hacaaluun yoo barbaade malee wanti ta’u hin jiru jechuudha.’’

Dhimmoota namoonni hedduun waa’ee Hacaaluu irra deddeebiin dubbatan keessaa inni ijoo ija jabina isaati.

‘‘Hacaaluun nama hin sodaatu. Waan itti fakkaatemmoo nama haasa’e du’e beeki Hacaaluun.’’

Namoonni keessumaa kanneen Hacaaluu fagootti beekan ‘sanyummaan’ maqaa isaa kaasu. Yoo itti dhihaatan garuu, akkas akka hin taane hubatu jechuun ibsa.

Keessumaa miidiyaaleen Itoophiyaa hedduu kana dura hojii isaa dhiheessuuf fedhii hin qabne du’a isaa booda waa’ee isaa guddisanii gabaasani. 

‘‘Kanaan dura waan inni gaafatame hunda hin dabarsine. Amma garuu inni erga du’e booda dhagahanii namoonni nama akkasiiti [ture] kan jedhan,’’ jechuun dubbata.

Hojiiwwan Hacaaluu ilaalchisuunis, mata duree filata - akkanumaan hin sirbu jedha. Gahee inni weellistootaaf gumaachellee akkanaan hima.

‘‘Ummata Oromootti sirbina mitii? Akkamitti kan keenya xiqqaatee kan isaanii [guddata],’’ jechuun mormee ‘‘kaffaltii ijoollee Oromoo [kan] ol kaasedha.’’ 

‘‘Diinni isaa [Hacaaluu] baay’eedha’’ jedha Ingiduun. ‘‘Wareeraadhuma jiraate magaalaa [Finfinnee] keessa.’’

‘‘Nama rakkate yemmuu argu nama boo’udha Hacaaluun. Maallaqaaf jedhee miti kan hojjetu. Ani nama aartii miti. Waa’ee aartii garuu isa faana taa’ee waan baay’ee bareera.’’

Ingiduun wantoota obboleessa isaa itti ajaa’ibsiifatu keessaa tokko gaaffiif deebii inni taasisudha.

‘‘Akkatti deebii namaa deebisu!’’ jechuun haasaa inni miidiyaaleerratti taasisus yaadata.

Dhimmoota biyyaarratti weellistoonni Oromoo yeroo weellisan argun hammana kan barame ta’u baatus waggaa dura Ayyaanni Aduwaa yeroo kabajame Hacaaluun Aduwaa yaadatee geeraree ture.

Ilaalchi isaa kuni maal irraa madde?

News image

‘‘Seenaan Oromoo hatameera, aartiidhaan garuu wanta hunda harkaa fuuna jechaa hojjechaa ture.’’

Dhimmoota weellisaan yeroo hojiiwwan gurguddoo dalagu qabutti lubbuu isaa dhabe ittiin jaalatamu keessaa inni ijoo, siyaasa paartiitti maxxanee mul’achuu dhabuu isaati.

Yaada isaa kanammoo yeroo hedduu ibseera. Ittiinis jaalatameera. 

‘‘Hacaaluun yeroo hedduu namoota siyaasaa artistoota dahoo hin godhatinaa jedheetu lola. Artistiin kan ummataati malee kan eenyuyyuu miti.’’

Namoonni Hacaaluu dhihootti beekan wantoota dubbataniifi kan walfakkaatu keessaa tokko waan itti amane dubbachuufis ta’e raawwachuuf nama ija hin laafne ta’u isaati.

‘‘Waan hundumaan guutamee kan dhalatedha Hacaaluun. Aartiidhaan, sirbaanis, dubbiin, jechaan, lapheedhaan.

''Hacaaluun hin sodaatu. Lapheesaatu isa ajjeesise. Hin du’a malee hin fakkeessu. Taa’imee, tasgabbaa’i yoo jetteen si baqatayyuu. Nan doorsisiin siin jedha.

Seenaa hedduu nama dalagedha. Waan barbaadummoo godheera wanti itti hafu hin jiru.

Xiqqooshe kan na gaddisiisu keessaa ofii isaatiif hin jiraanne. Hojii baay’ee hojjechuudhaaf karoorsinee turre. Rabbi dhugaa isaa haa baasu jennakaa.''

Galma Barkumee - Dubbi himaa saba Oromoo

Haacaaluun waltajjii sirbaas tahe kaan irratti ol bahee gaafa dubbii yookaan hojiisaa dhiyeessuu eegaluun dura ‘jirtuu?’ jedhee eegala - kanas mallattoosaa (brand) godhateera.

Galmi Bar-kumee iddoo Haacaaluun seenaa biraa itti dalagedha - gaafasillee ‘Eessa jirtu?’ jedhee hirmaattota oonnachiisuun geerarsasaa eegale. 

Barruu intarneetarraa The conversation jedhamuufi barreeffamoota barsiisotaafi qorattootaa dhiyeessuun ka beekamu irratti ka barreessite Ilana Webster-Kogen - Itoophiyaatti namni gara waltajjii as bahuun gurra horate, akka gaggeessaa siyaasaatti carraan ilaalamuunsaa olaanaadha jetti. 

Kanaafis hojii gaafasii Haacaaluu akka fakkeenyaatti kaasti - waltajjiin galma barkumee Haacaaluun dubbi-himaa saba Oromoo ifatti hin labsamne akka tahu isa taasise jetti. 

Konsartiin kun namoota naannoo Somaaleerraa buqqa'aniif galii walitti qabuuf magaalaa Finfinneetti Muddee bara 2017 galma Bar-kumeetti kan qophaa'edha. 

Achirratti bakka aanga'oonni gurguddoo jiraniitti 'Araat Kiiloof situ aane' jechuun kallattii qabsoo akeeke.

Waltajjiin sun kallattin TV irratti tamsa'aa ture. Yeroo sana mootummaan aangorra jiru muddama siyaasaa keessa waan turef ijoo dubbii ta’e.

Hogganaan Abbaa Taayitaa Biroodikaastingii kan miidiyaalee to’atus ‘akkamin dubbiin Hacaaluu kallattiin darba?’ jechuun akka gaafatan kan dirqe ture. 

Sana hordofuun humnoota nageenyaa mootummaan barbaadamee akka tureefi miliquu dhiyeenya dubbatee ture.

Irra deebiin Adoolessa bara 2018 sagantaa simannaa pireezidantii Eertiraa Isaayyaas Afawarqiif achumatti qophaa'erratti sodaa tokko malee roorroo sabasaatii dubbate. 

‘Nurraa dhoowwi yaa Lammaa, nurraa dhoowwi yaa Abiy, nurraa dhoowwaa yaa biyyaa yookan Qeerroottan iyya' jechuun ajjeechaa Harargee, Mi'eessootti yeroos raawwate balaaleffate.

Waltajjiiwwan Bar-kumee lamaan kutannaa fi sodaa-maleessa ta'uu Haacaaluu Hundeessaa kan ragaa bahan turan.

Dinqisiifannaafi jaalala guddaas uummata biraa ittiin argateera.

Erga MM Abiy Ahimad aangootti dhufanii as deeggaraa mootummaa ta'ee qabsoo gate jedhamee komatamaa kan ture Haacaaluun, ajjeechaasaatiin dura miidiyaatti as bahee deebii kennee ture.

"Ani Oromoof qaaliidha, mootummaan na bituu hin danda'u," jedhe.

Haacaaluufi Finfinnee

Gaaffiiwwan gurguddoo ummanni Oromoo gaafatu keessaa tokko dhimma magaalaa Finfinneeti.

Magaalaan Finfinnee jiddugaleessa qabsoo Oromoo qofaa osoo hin ta'iin, jiddugaleessi qabsoo Itoophiyaa mataan isaa Finfinneedha jechuun kantibaan duraanii magaalattii Injinar Taakkalaa Uumaa BBCtti himanii turan.

Yoonis Abdullaahii haga Haacaaluu Hundeessaa; Tsaggaayee (Sayyoo) Dandanaa haga Qamar Yusuf - artistoonni Oromoo hedduun waa’ee Finfinnee irra deddeebiin kaasu.

Biyya Boolee Bulbulaa, dur qamadiiti biqilaa haga Finfinnee - Oromoon siin boonna. 

Artistoota gameeyyii durii kaasee haga dhaloota ammaa jiran waa’ee Finfinnee sirbuu itti fufaniiru.

Haacaaluun waltajjii fi miidiyaa affeeramu kamirrattuu waa’ee Finfinnee osoo hin dubbatin hin galu - daran isa quuqa. 

Keessattuu sirba Maalan jiraa? jedhuun waa’ee saamicha lafaa Finfinnee kaasa.

‘Akka Oromoo tokkootti namoota dhimmi Maastar Pilaanii  isaan yaachise keessaa ani isa tokko ture,’’ jechuun Haacaaluun waa’ee sirba kanaa BBCtti himee ture.

...Gullalleen kan Tufaa,

Gaara Abbichuutu ture,

Galaan Finfinnee marse.

‘‘Walaloo kana keessatti jechi ‘ture’ jettu sun qofti, ergaa mataashee qabdi,’’ kan jedhu Haacaaluun, gaaffiin ittaanee kahu amma wanti jiruhoo maal kan jedhu akka tahes dubbata.

‘‘Jara kana amma yoo barbaadde kaan Meettaa keessa jiru, gariin Baaleefi Arsii keessa jiru,’’ jechuunis haala amma jiru itti fufa taanaan carraan Oromoota naannawa Finfinnee yeroo ammaa jiraatan, carraa Yaayyaa Gullalleefi Abbbichuu fa’i mudate taha jedha.

News image
News image

‘Oolmaankee natti ulfaate’

Kan ummataaf artistii, kan warra isaaf ilma ta’e Hacaaluun haadha warraa isaaf jaalallee, abbaa warraafi abbaa ijoollee ishee sadiiti.

Nama dhihoo inni iccitii isaa waliin qoodu, kan erga of baree eegalee waliin jiraachuu murteeffateefi jaalallee isaa ijoollummaa waggaa dheeraati - Faantuu Damissee Diroo.

Hacaaluufi haati warraa isaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti jaalala jalqaban. Garuu, osoo hin turiini kan inni hidhaa seene.

Yeroo turtii mana hidhaa kana garuu qaamaanillee biraa haftu, kan qalbiin ishee waliin hidhame jaalallee isaa yeroosiiti.

Maatiifi hiriyyoonni isaa akka jedhanitti guyyuu maatii dhokachaa mana hidhaatti deddeebitee isa gaafachaa turte.

Ishiin maqaa horata jettee abdattee itti hin cichine, innis boodarra maqaa horadhe jedhee ishee hin dhiifne. Jaalala isaanitu cimaadha jedhu hiriyyoonni isaa. Inumaa erga hidhaa bahe weelliseef.

‘‘Oolmaankee natti ulfaate kan anaaf naa oolte,

Rakkinaafi gadadoo kan na faana argitee.

Anoo humna hin qabu waa tokko siif godhu,

Du’e baduusillee ani sin hin irraanfadhu.’’

News image

Gaaffiifi deebii taasisu keessattis inni kana maqaa osoo hin dhahin hin hafu. ‘‘Ayyaana isheetiin naa milkaa'a. Baay'een ishii jaaladha," jechuun waa’ee ishee BBC’tti hime.

Haati ijoollee isaa sadii Hacee/Hacuu jettiin, inni Kiyyaa/Kiyyuu jedhee waama ture. Abbaan isaa Obbo Hundeessaan haadha warraa Hacaaluuf, Beektuu jedhanii maqaa baasaniif, haatimmoo Ayyaantuu jedhanii waamu.

‘‘Haati manaa isaa isuma. Isumaan baate,’’ jedha obboleessi hangafaa Hacaaluu -  Habtaamuun.

Amaloota addatti Hacaaluu ibsan

Hacaaluu wantoota weellistoota kaanirraa adda godhu keessaa rogeessa ta’uun isaa tokkodha. Keessumaa dhimma dantaa Oromoo irratti.

‘‘Muuziqaan waanuma hunda kiyya anaaf,’’ jechuun ibsa innuu yoo dubbatu. Yaada isaa kana garuu wallee qofaan kan ibse hin turre.

Gaaffiifi deebii miidiyaalee gara garaa waliin, afaanota garagaraan taasiseen ija jabinaan dantaa ummatichaa dubbata.  Kanneen jaalala isaa ibsanis kanuma himu.

Dhimmi biraa weellisaa kana hundarraas ta’u baatu kan adda isa taasisu, yeroo mormiin ummataa kanneen lubbuuf sodaatan ala bahan biyyatti cichuu isaati.

Harmeen isaas kana yaadda’ani ala akka bahu gaafannaan waan itti dubbate akkanaan himu.

‘‘‘Maal yoon du’e lafan siilessaa? Silaa dhaabadheen hafaayi. Du’atu oolamooyi?’ naan jedha,’’ jedhan.

Barreessaan walaloo beekamaa Simee Tufaan hojiiwwan kanneen akka Sanyii Mootii, Dhichiisi folleekee, Baddeessa lagaa, Oromiyaa kiyyaa, Aduwaafi kaan Hacaaluuf hojjeteera. 

Seenaa, seenessaafi fulleeffannaa qabsoo Oromoo irratti kan xiyyeeffatedha jechuun ibsa Simeen waa’ee walaloo sirboota Hacaaluu yoo dubbatu.

‘‘Yaada kana akkamiin ibsina jenneetu yaada dachaadhaan namuu gara fedhetti akka hiikkatu goonee itti dadhabnee barreessaa turre.’’

Simeen Hacaaluutin yoo ibsu nama hamma jedhe gahudha jedha. 

News image

Akka fakkeenyaattis, namaa gamtu hin dheessani hin wareegamu malee, jechuun weellisee biyya keessa bahuu dhabuu isaa hima.

‘‘Hacaaluun nama sirnis irraa bareedu, nama sirbiis irraa bareedu, nama tollis irraa bareedu, nama lollis irraa bareedu, nama waanti hundi irraa miidhagudha.’’

Ammalli biraa ija jabina isaati kan jedhan jiru. 

Bara biyyi mormii guddaa keessa jirtuufi ajjeechaan bakkeewwan hedduutti raawwatu ija jabaate bulchitoota fuuldura ifatti weellisuun rakkoo itti dhufu amanee fudhateera.

Erga rakkoo daangaa Oromoofi Somaaleen qe’eerraa buqqa’an argee booda, walaloo Dirree Dhawaatti hoteela bule keessa barreessuun bulchitoota fuula-duratti sirbe asirratti ka’uu danda’a.

Dhimmi ijoo biraa Hacaaluu weellistoota Oromoo biraa irraa adda isa taasisu, wantoota kana dura weellistoota kaaniin hin tuqamne weellisuu isaati. 

Hacaaluun hojii isaatiin ‘gootota Oromoodhaan Itoophiyaa ilaala.’ 

Kuni, keessumaa weellistoota ‘walabummaa Oromiyaa’f sirbanirraa adda isa taasisa. 

Dhimma weellistoonni Oromoo itti hin buune - waa’ee Aduwaallee sirbe.

Wanti kuni jijjiirama siyaasaa biyyattii keessa dhufeen walqabata jedhamuu mala. Ta’us, ofitti amanamummaa weellisichi qabus ni agarsiisa.

Walleewwan isaa ‘Oromoo Itoophiyaa keessa ilaalan’ irratti yoo dubbatu Simee Tufaan waan waliin mari’atan akka ta’e ibsa.

‘‘Hacaaluun qabsoof dhalate,’’ kan jedhu Simeen Hacaaluun ‘Itoophiyaa kan ijaare Oromoodha’ jechuun ‘seenaa hatame deebisna’ jedhee wallee Aduwaa inni barreesseef dalaguu isaa hima. 

Hojii Hacaaluun hojjete keessaa muraasnis kan guddatanii mul’atanis sirboota qabsooti.

News image

Hacaaluu garuu hunduu ija walfakkaataan ilaala miti. 

Sababa hojii isaatiin, nama siyaasaa akka ta’etti yookiin walqixxumaa sabaatti akka hin amannetti kan isa ilaalan jiru. Inni garuu kana ni morma.

''Ani nama siyaasaa miti. Artistii Oromooti. Jiruufi jireenya hawaasaa walleetiin xiinxaluun nama siyaasaa hin taasisu,’’ jechuun kana dura BBC’tti dubbate.

Yeroo jalqaba wallee jalqabe garuu ‘‘fedha bilisummaadhaaf qaburraa kan ka'e ani akka kanatti hin danda'u; bosonatti galeen WBO'tti makamee waan narraa eegamu godheen wareegama naan jechaa ture," jedha weellisaa Habtaamuu Lamuu.

Faana isaa

Osoo fagoo deema jedhanii gabaabaatti kan hafe Hacaaluun akkamiin yaadatama?

Waggaa 10 olif kan isa beeku Jaamboo Jooteen waan itti amane fuudhee ummataan gahuun yaadatama jechuun ibsa.

‘‘Waanuma akkanatti teenyeetoo kophaatti haasofnu kana fuudheetuma waltajjirratti ummata fuulduratti baasa. Wanti kuni riskii [balaa] qaba garuummoo dhugaadha.

‘‘Dhugaa kana Hacaaluun fuudheeti baha yeroo baay’ee.’’

Weellistoonni kana dura sababa hojii isaaniin rakkoon akka qunnameen amanamullee kanneen balaa dhufuu maluf of qopheessan akka ta’an seenaan isaanii ragaadha.

‘‘Kabajuma ogummaa kanaatiifu gahee guddaa taphatee darbe,’’ kan jedhu Jaamboon, umrii gabaabaatti du’e maleedhaa nama silaa kanaa ol godhudha jedha.

‘‘Ammas umrii kana keessatti waan salphaa miti kan godhe.’’

Wallee keessa waggoota 10’f kan ture Hacaaluun artistoota jalaa dhufaa jiran irratti wanti itti dhiise darbe tokko akkuma weellistoota kaanii sagalee ummataa ta’uudha.

Du’a isaa booda yaadannoo isaaf kanneen weellisanis kanuma kaasani.

Angaftichi akkasumas gameessi wallee Oromoo Alii Mohaammad Birraas "Ittiin boonna, dhaamsi nuuf dhaamaa ture, waan waggaa 150f nu quuqaa ture," jechuun ibsa.

Aliin jalqaba hojii Hacaaluu yoo argu "nama guddatu tahuu isaatis natti mul'ataa ture," jedha. 

"Akka ogeessa muuziqaa tokkootti otoo hin taane kanan ilaalu, kanin isa ibsu; goota gootota Oromoo keessaa tokko jedheetin isa madaala," jedha Aliin.

Duuti isaa ‘hedduu na hubde’ kan jedhu Aliin, Hacaaluun faana isaa hordofuun gaaffii ummataa dhageessisuutti hojjechuu isaa ibsa.

"Waan hojjeteefi seenaa galmeesseen hanga jireenyi ilmaan Oromoo, jireenyi cunqurfamtootaa kaaniis jirutti, inni yaadatamaadha," jedha Aliin.

News image

Waggaa 10 dura akka Hacaaluu bare kan himu weellisaan biraa Habtaamuu Lamuu, Hacaaluun weellisaa gameessa Alii Birraa fa’i bakka bu’a jedhee yaadee ture.

‘‘Bakka Artiist Alii Birraa bu'ee waggoota 50 fi 60'f hojii aartii hojjeta jedheen yaada malee akkanatti yeroo gabaabatti lubbuun isaa dabarti jedhee hin yaadne," jedhe.

Artistiin sirboota aadaa Jimmaa wallisuun beekamtu Bishriyaa Boorshaa, albamoota Haacaaluu lamaan irratti jalaa qabuun waliin hojjetteetti.

Albama Waa’ee Keenyaa jedhurratti sirboota shan jalaa qabuun irratti hirmaatteetti. 

‘‘Haacaaluun hanga biyyoo uffatutti uummata Oromootiif sodaa malee qabsaawaa ture,’’ kan jettu Bishriyaan, Haacaaluun weellisaa qofa miti - qabsaawaadhasi jetti.  

‘‘Hojiin isaa hundi dhaloota ammaafi dhufu biratti akka yaadatamu isa taasisa. Seenaan isaa waan dhokatee hafu miti - hojiinsaa ni dubbata, yoo namni hin dubbanneefillee.’’    

Weellisuun ala Hacaaluun ‘‘Kiboordii taphata, kiraara hin taphata, books gitaar hin taphata, dibbee harkaa kan aadaa kanallee hin taphata, maashin diraam kan jedhamus hin taphata,’’ jedha Jaamboon. 

News image

Ajjeechaan isaa erga raawwatee booda mootummaan, hawaasaanis tahe dhaabbilee garaa garaan maqaa isaatiin gamoon moggaafamaniiru, siidaan akka dhaabbatus waadaan seenameera.

Manneen barnootaas kan moggaafaman yoo ta’u biqiltuuwwanis maqaa isaatiin dhaabamaniiru.

Maatiin isaammoo Hacaaluu dhala godhateen yaadatu. ‘‘Ofiisaaf hin yaadu, waa’ee firasaafi sabasaa yaada,’’ kan jedhan abbaan isaa ‘‘Hacaaluun hin dune, dhalcheera, dhala qaba,’’ jechuun ibsu.

Artist Hacaaluun dhimmoota ''Qabsoo saba isaatiif fala dhahuu, walaloodhaan mala kaa’uu,’’ hojjechaa ture kan jedhu Simeen, wanta gara fuula duraatti karoorsee tures akkanaan hima: ''Seenaa qabsoo keenyas qabsoodhaan deeffanna jedhee Hacaaluun sagantaa guddaa qaba Oromoodhaaf. Otoo kana yaaduu kufe.''

Eliyaas Mulugeetaa Hordofaa fi Ammayyuu Ittaanaatiin

Mirga suuraalee:
Maatii Haacaaluu: Marartuu fi Habtaamuu

BBC

Amansiisaa Ifaa

Social Media

Yaadataa Lamuu

Habtaamuu Lamuu

Dagi Pictures

Yadi Pictures

Reuters

Yaddi Bojia

Ingiduu Cimsaa

Abdiisaa Balaachoo

Tsehai Publishers

Tesfaye Boka Erko

Dizaaayina fakkii kan midhaasse:

George Wafula

Dizaayina fuulaa kan midhaasse:

Eliyaas Muluugeetaa Hordofaa