Ajjeechaa Art. Haacaaluurraa 'bilisa' jedhamtee kan turte Aamrot Kamaal dhaddachatti dhiyaatte

Burruusa abbaa murtii

Madda suuraa, Getty Images

Namoota ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaatiin walqabatee himataman keessaa tokko kan taatee fi 'bilisa' jedhamtee kan turte Aamrot Kamaal har'a dhaddacha Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhiyaatteerti.

Laamrot Kamaal galmee himataa Xilaahun Yaamifaa namoota afur keessatti Abbaa Alangaa Waliigalaatin himatamtee Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddiin Lidataa bilisaan akka gadhiifamtu murteessunsaa ni yaadatama.

Haa ta'u malee Abbaan Alangaa Waliigalaa murtee Mana Murtii Olaanaa Federaalaa mormuun Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti oliyyateera.

Abbaan Alangaa Waliigalaa, Aamrot Kamaal ajjeechaan Artiist Haacaaluu Hundeessaa akka raawwatamuuf haala mijeessun ture kan himate.

Mana sirreessaa Qaallittiitti kan argamtu Aamrot Kamaal har'a gama 'Plasma TV' dhaan Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti Dhaddacha Oliyannoo Yakkaa lammaffaatti dhiyaatterti.

Haa ta'u malee abukaatoon ittisaashee kan hinargamne yemmuu ta'u isheenis oliyyannoon abbaa alangaa akka ishee hinqaqqabneefi akka hinqophoofne mana murtichaatti himteerti.

"Iyyannoon Abbaan Alangaa dhiyeesse nan qaqabne. Mana sirreessichaa /Qaallittii/ gaafadhus naaf hin laanne. 'Ajajni kennaaf jedhu nuf hin kennamne' naan jedhan" jechuun dubbatteerti.

Kana malees mana murtii jalaatin bilisa jedhamtee hidhaarra waan jirtuuf beellamni yeroo gabaabaa kennamee dhimmishee akka ilaallamu gaafatte.

Manni Murtichaa gama isaatin iyyannoon abbaan alangaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhiyeesse Aamrot Kamaalfi abukaatoo ittisaashee akka qaqqabu ajajeera.

Kana malees manni murtichaa Abbaa Alangaafi Aamrot Kamaal wal falmisiisuf Caamsaa 23 bara 2013ti beellameera.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti dhaddachi Farra Shororkaa fi yakkoota dhimma heeraa lammaffaa Aamrot Kamaal ajjeechaan Artiist Haacaaluu Hundeessaa akka raawwatamuf gahee haala mijeessuu bahachuushee kan agarsiisu ragaaleen namootaas ta'e sanadaa akka hin dhiyaanne himuun ture bilisaan akka gadhiifamtu kan murteesse.