Obbo Jawaar Mohaammadfaan 'sababa filannoon' mana murtiitti osoo hin dhiyaatin hafan

Jawaar Mohaammad fi Baqqalaa Garbaa
Ibsa waa'ee suuraa, Jawaar Mahaammad fi Baqqalaa Garbaa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda qabaman

Obbo Jawaar Mahaammad fi namoonni galmee isaanii jalatti himataman kaan guyyaa Kamisaa har'aa beellamni Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti qabaatanillee 'nageenyaaf' jecha osoo hin dhiyaatiin hafan.

Abbootin seeraa "nageenya himatamtootaafi hawaasa bal'aaf jecha himatamtoonni dhaddacha irratti akka hin dhiyaanne ajajneerra," jedhaniiru.

Abbootin seeraa galmee Obbo Jawaar fi Baqqalaa Garbaafaa dabalatee namoota 24 of harkaa qaban guyyoota darbanitti sochiin filannoo olaanaa taasifamaa turuu himan.

"Himatamtootaaf eegumsa cimaatu barbaachisa" jechuunis haala sochiin filannoo olaanaa jiru keessatti himatamtoota Mana Sirreessaatii gara Mana Murtiitti fidanii dhufuun rakkisaa akka ta'u dubbatan.

Kanaafis Obbo Jawaarfaa namootni 24 filannoo booda Mana Murtiitti akka dhiyaatan dhaddachi ajajeera.

Waa'ee beellama har'aa

Iyyata Abbaan Alangaa ragaaleensaa dhaddacha cufaafi golgaa duuba ta'uun jecha akka kennaniif sababa dhiyeeffateef himatamtoonni deebisaanii akka dhiyeessaniif ture Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhaddachi farra shororkaafi yakkoota dhimma heeraa tokkoffaa har'a [Kamisatti] kan beellame.

Dhaddacha har'aa irrattis abukaatoowwan Obbo Jawaar Mahaammad fa'i sadi kan argaman yemmuu ta'u, deebiin iyyata Abbaa Alangaaf qopheessan maamiltoota isaanii bira akka jiruufi isaan of harkaa akka hin qabne dubbatan.

Deebii isaanis beellama itti aanutti akka dhiyeessan himan.

Manni Murtichaas galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota 24 ilaaluuf Waxabajjii 21 bara 2013ti beellameera.

line

Waa'ee galmee himataa Obbo Jawaarfaa, namoota 24

ALI Waxabajjii 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Jawaar Mahaammad, Baqqalaa Garbaa fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kunneen biroon; labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe, labsii yakka telekoomii, labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaa fi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun ture kan himataman.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaas himatawwan labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaan walqabatan jaha akka addaan citan murteessuunsaa ni yaadatama.

Obbo Dajanee Guutamaa, Birhaanamasqal Abbaba Sanyii (PhD) fi Tsaggaayee Raggaasaa Araarsaa namoota biyya keessa hin jirree fi galmee Obbo Jawaar Mahaammad fa'i keessatti himataman keessatti argamu.