Obbo Jawaarfaa falmii 'ragaan golgaa duubanimoo ifatti' jedhu pilaazamaan akka hordofan murtaa'e

Obbo Baqqalaa Garbaafi Obbo Jawaar Mohaammad

Madda suuraa, OMN

Falmii dhimma ragaaleen golgaa duubaanimoo ifatti ragaa bahuu qabu jedhurratti Obbo Jawaariif kaan Pilaazmaadhaan akka dhaddacha hordofan manni murtii ajaje.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddachi dhimmoota heeraafi shororkaa dhaddacha A L I Bitootessa 29 bara 2013 ooleen ragaaleen abbaa alangaa golgaa malee ifatti dhihaatanii akka ragaa bahaniif A L I Eebla 5 bara 2013 tti beellama qabatee ture.

Haata'uutii, ajaja manni Murtii Olaanaa Federaalaa kenne kanarratti Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa ol iyyannoo waan gaafateef jecha Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa hanga akkaataan ragaaleen itti dhagahamu kuni falmiidhaan murtii argatutti beellamni ragaalee dhaga'uuf qabame akka dhorkamu ajajee ture.

Sababa kanaafis beellamni Manni Murtii Olaanaa Federaalaa jecha ragaalee ifatti 'guyyaa kaleessaa A L I Eebla 5 bara 2013tti qabatee ture kan hafe jedhan abukaatoo himatamtootaa keessaa tokko kan tahan Obbo Kadir Bulloo.

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa dhadhachi lammaffaan guyyaa har'a 9A L I Eebla 6 bara 2013) dhimma Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa ol iyyannoo gaafateef kanarratti falmiin akka ta'uuf beellama qabatee turus sababa ajajni yeroodhaan himatamtoota hin geenyeef osoo hin ta'in hafeera jedhan.

Abbaan alangaa waliigalaa ajaja kana yeroodhaan nun dhaqabsiisne kan jedhan Obbo Kadir falmiin kuni har'atti qabamuu isaayyuu kaleessa akka dhagahan dubbatu.

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa dhadhacha har'a oole kana irrattis himatamtoonni, Obbo jawar Mohaammad fa'a dhaddacharratti qaamaan argamanii osoo hin taane pilaazmaadhaan akka hordofaniif murtii darbe irratti falmiin ta'uus dubbatan.

Himatamtoonni pilaazmaadhaan dhaddacha akka hordofan kan taasifamu yoo himatamtoonni qaaman dhihaachuu hin dandeenyeefi fageenyarra jiraatan mirga isaanii eeguuf jecha, namoonni kunneen garuu asuma magaala keessa ta'anii qaamaan dhufanii hordofuu qabu jechuun abukaatonni falmaniiru.

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa dhaddacha har'a oole kanaan falmii abukaatonni taasisan kana kufaa gochuun himtamtoonni galmee Obbo Jawaar Mohaammad fa'a jalatti himataman falmii mana murtii kana Pilaazmaadhaan akka hordofan ajajeera.

Ol iyyannoo Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa godhe kanaan ragaaleen golgaa duuba taa'aniimoo ifatti raguu qabu kan jedhurratti falmii gochuuf manni murtii waliigalaa federaalaa Eebla 15 bara 2013tti beellama qabachuus himan Obbo Kadir.

Waa’ee galmee himataa Obbo Jawaarfaa namoota 24

Ji’a Waxabajjii bara 2012 keessa ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kunneen biroo labsii yakka shororkeessummaa ittisuufi to’achuuf bahe, labsii yakka telekoomii, labsii bulchiinsafi to’annoo meeshaa waraanaafi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun ture kan himataman.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaas himatawwan labsii bulchiinsafi to’annoo meeshaa waraanaan walqabatan jaha akka addaan citan murteesuunsaa ni yaadatama.

Obbo Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba fi Tsaggaayee Raggaasaa namoota biyya keessa hin jirre fi galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himatamanidha.