Manni murtii dhimma yaala Obbo Jawaar Mohaammadfaa irratti oliyyannoo Abbaa Alangaa Waliigalaa kuffise

Madda suuraa, Getty Images fi Social Media
Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa dhimma yaala Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota afur irratti oliyyannoo Abbaan Alangaa Waliigalaa dhiyeesse kuffise.
Abbaan Alangaa Waliigalaa murtee Manni Murtii Olaanaa Federaalaa damee Lidataa Obbo Jawaar Mahaammadfaan hospitaala dhuunfaa Laandmaark jedhamutti akka yaalamaniif murteesse mormuun ture Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti oliyyannoo kan dhiyeeffate.
Manni murtichaas dhaddacha har'a oolen oliyannoo Abbaa Alangaa kufaa kan taasise yemmuu ta'u, tajaajilli yaalaa hospitaalichaan hidhamtootaaf kennamu garuu idduma Obbo Jawaar Mahaammadfaan itti jiran mana sirreessaa Qaallittii keessatti akka ta'u murteessusaa abukaatoon hidhamtootaa Obbo Milkiyaas Bulchaa BBCti himaniiru.
"Ajajni kenname ogeeyyin fayyaa hospitaala Laandmaark jiran gurmaa'uun bakkuma isaan jiranitti dhaqanii yaa yaalan kan jedhudha," jedhan Obbo Milkiyaas.
Haata'u malee "manni murtichaa gama tokkon oliyyannoon abbaa alangaa bu'uura seeraa tokkoyyu hin qabu jechuun murteessee gama biraatin ammoo hospitaalatti akka hin yaalamne, garuu bakkuma to'annoo jala jiranitti gurmuun hakiimootaa dhaqee akka yaalu kan jedhu kan walfaallessudha," jechuun murtee kenname irraa komii akka qaban abukaatoon kun himaniiru.
"Mirgi fayyaa hin daangeeffamne kan mootummaan haala kamiinuu keessa seenuu hin dandeenyedha," kan jedhan abukaatoon hidhamtootaa Obbo Milkiyaas Bulchaa, "hospitaala ciisanii yaalun kan barbaachisu yoo ta'e, hakiimni sa'aa dheeraa kan bira turu yoo ta'e, akkasumas meeshaalen hospitaala keessaa gara mana hidhaatti socho'uu hin dandeenye yoo jiraatan irraa fayyadamuu hin danda'an.
Kanaaf mirga wal'aansa fayyaa guutuu argachuu isaanii waan hin mirkaneessineef murtii mana murtiirraa komii qabna," jedhan.
Komii kanas qaama mana murtichaa sadarkaa oliif iyyachuuf karoora akka qaban himaniiru.
Abbaan Alangaa Waliigalaa dhimma yaalaa Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaanaafi Obbo Dajanee Xaafaa ilaalchisuun ture kan Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti oliyyannoo dhiyeeffate.
Hospitaalli 'Landmark General Hospital' jedhamu magaalaa Finfinnee naannoo Meeksiikootti kan argamudha.

Madda suuraa, Yadi Pictures, BBC, Hamza Borana/Facebook
Mana Murtiitti waamamuu angawoota Mana Sirreessaa Qaallittii…
Gama biraatin galmee dhimma yaala Obbo Jawaar Mahaammadfaan walqabatee Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataas dhaddacha har'a ooleen ajaja dabarseera.
Ajajni manni murtichaa har'a kennes ajajawwan dhimma yaalaa Obbo Jawaar Mahaammadfaan walqabatee kennaa ture Mana Sirreessaa Qaallittiin raawwatamuu dhabuu isaanii akka ta'e abukaatoon himatamtootaa Obbo Milkiyaas himaniiru.
Haaluma kanaan manni murtichaa, "komishinarri mana sirreessaa Qaallittii beellama itti aanurratti qaamaan dhiyaatee akka ibsufi itti aanaan komishinarichaa ammoo to'atamanii akka dhiyaatan kan jedhu ajajni darbeera," jedhan.
Dhimma lagannaa nyaataa fi ambaasaaddar Fitsum
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook
Miseensa mana maree bakka bu'ootaa Ameerikaa kan ta'an Ilhaan Omaar guyyoota lama dura "haalli hidhamtoota siyaasaa Oromoo lagannaa nyaataarra jiran cimaa na yaaddesera" jechuun ibsa baasanii turan.
Ameerikaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa kan ta'an Fitsum Araggaas ibsa Ilhaan Omaarif deebii kan laatan yemmuu ta'u kunneen "lagannaa nyaataarra jiran jedhaman" nyaata nyaachuu eegaluu isaaniifi kunneen yaala barbaadanis tajaajila yaalaa argachuu isaanii himan.
Haa ta'u malee deebin Ambaasaaddar Fitsum Araggaa kalattii garaagaraan komii kan kaase yemmuu ta'u, abukaatotni hidhamtootaas ibsa ambaasaaddarichaa qeeqaniiru.
Gurmuu abukaatootaa Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessaa tokko kan ta'an Obbo Milkiyaas Bulchaa, "nuti maamiltootni keenya nyaata nyaachaa akka hin jirrefi qaama isaanii keessaa qabiyyeen nyaataa kamiyyuu dhumaa akka jirufi kana boodas haala hamaarra akka jirani ragaa of harkaa kan qabnu," jedhan.
Kana malees maamiltootni isaanii tokko tokko deeggarsa poolisoota mana sirreessaan gadi bahanii akka isaan haasofsiisan Obbo Milkiyaas himu.
Kanaaf ibsi ambaasaaddar Fitsum laatan yaada garee qabachuu, mirga namaatif dantaa kennuu dhabuufi hawaasa addunyaa burjaajessuf laatame akka ta'e himan.
"Ibsi isaan kennan fudhatama kan hin qabne jennee qofa bira hin dabarru. Gaafa olaantummaan seeraa mirkanaa'e seeratti kan isaan dhiyeessisufi isaan himachiisu ta'u beekuu qabu," jechuunis Obbo Milkiyaas Bulchaa dubbatan.
ALI Ji'a Waxabajjii bara 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kunneen biroon, labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe, labsii burjaajii telekoomiifi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun himataman.
Obbo Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba fi Tsaggaayee Raggaasaa namoota biyya keessa hin jirre fi galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himatamanidha.
Galmeen himataa Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota 24 Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Damee Lidataatti dhaddacha Farra Shororkaa fi yakkoota dhimma heeraa tokkoffaattin ilaallamaa jira.
















