Haqa: Obbo Jawaarfaa kanaan booda mana murtiitti dhiyaachuu akka hin barbaadne beeksiisan

Madda suuraa, Reuters
Aanga'oonni paartii Kongrasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Obbo Jawaar Mohaammadiifi Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee himatamtoonni 20 ta'an kana booda mana murtiitti dhiyaachuun dhimma isaanii hordofuu akka hin barbaadne beeksiisan.
Himatamtoonni xalayaa iyyannoo fuula shanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataa dhimmoota farra-shororkeessummaafi heera mootummaa tokkoofaaf dhiyeeffachusaanii BBCn abookaatowwan isaanii keessaa tokko kan ta'an Obbo Kadiir Bulloo irraa mirkaneeffateera.
Dhaddacha kaleessa ooleerrattis bakka murteen mana murtii hin kabajamneefi irra deddebbiin qaamoolee seera kabachiftootaatiin cabuutti mana murtiitti dhiyaachuun hiikaa akka hin qabne kaasusaanii Obbo Kadiir dubbataniiru.
Manni murtii osoo bilisaan nu gadhiisees bakka qaamni seera raawwachisuu, ''seeraan ol ta'un gadi nu hin dhiifneefi haalaa murteen mana murtii hin kabajamneetti, dhaddachi kabaja mlaee qoosaa ta'uu hin qabaatu,'' jedhan jedhu Obbo Kadiir.
Kanaafis ragaalee hedduu kaasuusaanii kan himan Obbo Kadiir, isaan keessaayis Koloneel Gammachuu Ayaanaafi kanneen biroo manni murtii bilisaan gadhiisee poolisiin gadhiisuuf hayyamamaa miti.
Bakki isaan jiranuu hin beekamu jechuun himu.
Kana malees, barsiiftoonni Jimmaa Yunivarsitii, akkasuma manni murtii bilisaan gadhiisulleen maatiifi abookaatoo waliin wal arguu hin danda'an. Hanga har'aattiis eessa akka jiran hin baramne jechuu himu Obbo Kadiir.
Akkasumas, aanga'oonni hojii raawwachiftuu ABO turanis manni murtii bilisaan gadi dhiisulleen beekkamtii mana murtii malee hidhamuun eessatti akka hidhamaniifi eessa akka jiran ifa akka hin taane mana murtiitti himuu dubbatan Obbo Kadiir.
Kana malees, baatiiwwan sadan darba keessaa namoonni gara kudhanii ta'an ajaja mana murtii malee ABOn wal qabatee poolisii Oromiyaatti hidhamanii akka jiran kaasuus himan.
"Kun kan agarsiisu jaalalli dhibuu isaati. Qaamni seera raawwachiisu seera kabajuu dhiisuu isaa agarsiisa," jechuu isaanii Obbo Kadiir ni ibsu.
Akka Obbo Kadiir jedhanitti, ajajni mana murtii kabajamuu dhabuun alattis namoonni murtii malee "haala ittiin ajjefaman" akka sababaatti kaasuun dubbataniiru.
Oolmaan dhaddacha kaleessaa kan jalqabame yaadannoofi kadhannaa sammuutiin yommuu ta'u, Obbo Jawaar Mohaammad fi himatamtoonni kaan magaalaa Dambi Doollootti "Addabaabaayiitti maatii isaa fuulduratti" kan ajjeefame jedhan Amaanu'eel Wandimmuu, akkasumas lola Tigiraay keessa jiruun ajjeechaa qaqqabaa jiruufi sarbama mirgoota namoomaa ilaalchisuun kadhannaan sammuu daqiiqaa tokkoo taasisuun isaan yaadachuu raawwataniiru Obbo Jawaarfaa.
Maatiin Amaanu'el Wandimmuu ilmi isaanii yeroo ajjeefamu achi akka hin turre BBC'f himanii turan.
Rakkoo Tigiraay keessa jiru ilaalchisee ummanni Tigiraay soma (beelaan diddaa agarsiisuu) gaggeessaa akka jiran eeruun, isaanis qaama hawaasaa waan ta'aniifi isaan ilaallatuuf guyyoota sadiif ummata Tigiraay waliin beelaan mormii akka gaggeessan himaniiru.
Labsii farra-shororokeessummaan kan himataman gaggeessitoonni paartii mormituu kunneen Obbo Jawaarfaatti dabalatee abokaatoowwan isaaniillee dhiibaan irra gahaa akka jiru mana murtiif ibsaniiru.
Konkolaataawwan abokaatoowwan isaanii akka caccabaniifi reebichillee akka isaanirratti raawwatame himuun, "haala seerri kabajamaa hin jirre kana keessatti dhaddacharratti dhiyaachuun nurrra hin jiru," jechuu isaanii Obbo Kadiir ibsaniiru.
Kanaan dura A L I Caamsaa 12, 2013 dhaddacha gaggeeffameen beellamni mana murtii isaanii waggaa lamaan booda akka taasifamuuf gaaffii dhiyeessanii, Manni Murtii Ol-aanaa Federaalaa Dameen Lidataa kanaaf dhimmoota biroof beellama qabatee ture.
Dhaddacha kanaan dura tureenis ta'e xalayaa ittiin iyyata galfatan ammaa kanaan filannoo boodaafi biyyi erga tasgabbaa'ee booda gara mana murtii akka dhufan dhaddachaaf ibsaniiru.














