'Mohaammad Deeksisoo atattamaan hidhaatii gadhiifamuu qaba' - Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa

Mohammad Deeksisoo

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasaa

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa har'a baasen Mohaammad Deeksisoo atattamaan hidhaatii gadhiifamuu qaba jedhe.

Komishinichi barataan Yunivarsiitii Jimmaa sirna eebbaa irratti sagalee mormii dhageessiseefi manni murtii wabiin akka bahu ajajeefi hin gadhiifamin hafe isa yaaddessuu ibsuun akka gadhiifamuuf gaafateera ibsa baaseen gaafateera Komishinichi.

A L I Guraandhala 6, 2013 irraa kaasee qajeelcha poolisii magaalaa Jimmaa aanaa 1tti hidhamee kan jiru Mohaammad Deeksisoo ilaalchisee manni murtii magaalaa Jimmaa A L I Guraandhala 16, 2013 akka wabiin ba'uuf murtee dabarsuu akka quba qabu ibsuun, murteen kun kabajamuu dhabuun kan hin malledha jedheera Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa

Mohaammad Deeksisoo dabalatee namoonni biroon mana murtiidhaan mirgi wabii eegameef garuu ammallee hidhaarra jiran akka gadhiifamaniif akeekkachiiseera Komshinichi.

Eebba barattootaa A L I Guraandhala 6, 2013 Yunvarsiitii Jimmaatti qophaa'erratti eebbifamaa kan ture Mohaammad Deeksisoo, qophii sanarratti aanga'oota siyaasa yeroo ammaa mana hidhaa jiraniifi Artist Haacaaluu Hundeessaa ilaalchisee dhaadannoo dhageessisuu isaatiin poolisoota Federaalaan qabamee magaalaa Jimmaa buufata poolisii aanaa 1'tti hidhamuusaa Komishinichi yaadateera.

Abukaatoon Mohaammad Deeksisoo Obbo Obsinaan Girmaa gaafa Kamisaa BBC'tti akka dubbatanitti Mohammad ammallee hidhaa jira.

Gaafa Kibxata darbe jechuunis Guraandhala bultii A L I 16, 2013 Manni Murtii 'wabiin akka bahu' murteessuu isaafi dhimmasaa ala taa'e akka hordofu ajajee ture.

Ta'us, Mohaammad ammallee buufata poolisii Jiimmaa Aanaa tokkoffaa jiraachuu hime Obsinaan.

Harra ganama sa'aa 4:30 irratti Mohammad Diksisoofi kanneen isa waliin turan lamaan Waajjira Poolisii Aanaa 1fa Magaalaa Jimmaa keessaa baasanii gara Waajjira Poolisii Aanaa 2fa Magaalaa Jimmaa (Alaazar) jedhamuun beekamutti dabarsaniiru jedha abokaatoon Mohaammad Obsinaan.

Akka Obsinaan jedhutti, mana hidhaa itti jijjiiranii ajajni nu barraahe hin jiru jechuun dhimmicha akka haaraatti gama Aanaa 2fa tiin waan oofuu yaadan fakkaata.

A L I Guraandhala 10, 2013 Mohaammad yeroo Komishinichi isaa gaafachuuf deemee turettis, eebba barattootaatti yeroo sirbi jalqabame barattoota eebbifaman biroo walin waltajjiirratti osoo sirbaa jiranii nama weellisaa turerraa sagalee-guddistuu fuudhee ''Jawaar Mohaammad yaa hiikamu'', ''haqa Haacaaluu Hundeessaaf'' jechuun sagaleesaa dhageessisuu dubbateera Mohaammad.

Sagantaan eebba barattootaa akkuma xumurameenis poolisoonni Yunvarsiitii Jimmaa gara buufata poolisii mooraa Yunvarsiitichaa akka isa gessaniifi poolisoonnis akka isa kabalan himuun, erga yeroo xiqqoof tursiisanii booda mooraa Yunvarsiitichaan ala geessanii uleedhaan miillasaa lamaan akka reeban, cinaachasaallee akka rukutan ibseera Komishinichaaf.

Komishinii Mirgoota Namoomaa Mohaammad akka naaf ibseera jedheetti, "Poolisoonni Yunvarsiitii Jimmaa erga saatii tokkoof na tursiisanii, na reebanii booda gara qajeelcha poolisii magaalaa Jimmaa na geessani. Buufata poolisichaa erga na geessisanii booda garuu reebichi anarra ga'e hin jiru,'' jedhe.

Poolisoonni buufatichaas wanta ani ittiin shakkame erga natti himanii booda A L I Guraandhala 8, 2013 mana murtii magaalaa Jimmaa na geessan jedhe.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa A L I Guraandhala 10, 2013 Mohaammadiin yeroo daawwatetti miilasaarra dhiita'i akka jiruufi hokkolaa jiraachuu arguu ibseera.

Kanarraa ka'uun shakkamaan kun akka wallaansa argatuuf buufata poolisichaatiif yaada kan kenne ta'ullee hanga A L I Guraandhala 17, 2013tti wallaansa fayyaa akka hin argatiin jiru mirkaneeffachuu ibseera Komishinichi.

Manni murtii magaalaa Jimmaa A L I Guraandhala 16, 2013 Mohaammad Deeksisoo wabii Birrii 2,000 qabsiisuun akka hidhaatii ba'u kan murteesseefi shakkamaan kunis ulaagaa wabii barbaachisan erga guuteen boodallee hanga har'aatti ( A L I Guraandhala 18, 2013) hidhamee akka jiru mirkaneeffadheera jedha Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa isaa kanan.

Mohaammad guyyaa eebba yunivarsiitii Jimmaa bakka pirezidantiin Mana Murtii Waligalaa Itoophiyaafi Pirezidantiin Naannoo Oromiyaa argamanitti sakandii muraasaaf mormii dhageessisee ture.

Taate guyyaa sanaan walqabatee namoonni biroo lama, qondaala yunivarsiitichaa dabalatee, ammallee hidhaa akka jiran abukaatoon isaa BBC'tti himaniiru.

Komishinichi wanti Mohaammad raawwate wanta qeeqame darbu malee hidhaaf sababa ta'u hin qabu ture jedha.

Yoo poolisiinis ta'e Abbaan Alangee ragaa himachiisu qaba jedhemmoo ragaa walitti qabee himannaa banuu malee murtee dura yookiin sababa qorannoo jedhun hidhuun sababa gaha miti jedheera.

Erga manni murtii wabiin akka gadhiifamu murtesseefi wabiif ulaagaa guute booda yeroosuma gadhiifamu osoo qabu hanga gabaasni kuni qophaa'etti hidhaa bahuu dhabuun isaa sarbaminsa mira namoomaa irra deddebiin raawwatedha jedhe.

Kanaafis, komishinichi Mohaammad ''atattamaan hidhaati gadhiifamu qaba jechuun akeekkachiisa'' jechuun waajjira poolisii deemuu dura reebicha narra gahe isa jedheef qorannon taasifame itti gaafatamni akka jiraatus hubachiise.