Galmee Obbo Jawaar Mohaammadfaan walqabatee oliyyannoo Abbaa Alangaa irratti falmiin adeemsifame

Madda suuraa, OMN
Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa akkaataa ragaaleen abbaa alangaa jecha itti kennan irratti abbaa alangaafi abukaatoowwan Obbo Jawaar Mahaammadfaa wal falmisiise.
Abbaan Alangaa Waliigalaa jalamurtii Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa ragaaleen Abbaa Alangaa dhaddacha banaa irratti yaa dhaggeeffataman jechuun kenne mormuun ture Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti oliyyannoo kan dhiyeeffate.
Abbaan Alangaa Waliigalaa ragaaleesaaf eegumsa gochuuf jecha ragaaleensaa 146 dhaddacha cufaafi golgaa duubaan jecha akka kennan ture kan iyyate.
Haa ta'u malee manni murtichaa Abbaan alangaa yaaddoo nageenyaa tokkon tokkon ragalee qaban hin ibsine; kana malees ragaalen meeqa dhaddacha cufaa yookin golgaa duuba ta'un jecha kennu kan jedhus hin ibsine jechuun ture iyyannoosaa kan kuffise.
Abbaan alangaa murtee Manni Murtii Olaanaa Federaalaa kenne mormuun oliyyannoo dhiyeeffachusaatin Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa abbaa alangaafi abukaatoowwan himatamtootaa walfalmisiisee jira.
Dhaddacha walfalmii kana irratti himatamtootni qaamaaanis ta'e gama 'plasma' hin dhiyaanne.
Manni murtichaa kanaan dura himatamtootni Mana Sirreessaa Qaallittiidhaa gama televiziyoonaan ykn pilaazmaan dhaddacha akka hordofan jala murtii kennee ture.
Haa ta'u malee himatamtootni qaamaan yoo ta'e malee gama pilaazmaatiin dhaddacha hirmaachuu akka hin barbaadne himaniiru.
Qabxiilee falmii
Falmii guyyaa Roobii taasifameen Abbootin Alangaa Waliigalaa Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ragaaleen abbaa alangaa yaaddoo nageenyaa qabumoo hin qaban kan jedhu qorachuuf yookin murteessuf aangoo hin qabu jedhan.
Aangoon kun kan Abbaa Alangaa ta'uu himan.
Kana malees ragaalen dhaddacha cufaa yookin golgaa duuba ta'uun jecha yoo kennan mirga himatamtootaaf heeraan kenname kan cabsu akka hintaanes dubbatan.
Kana malees himatamtootni galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti argaman angawoota dhaaba siyaasaafi eegdoota isaaniidha, deeggartoota hedduu qabu, kanaaf yoo ragaalen keenya dhaddacha banaarratti jecha kennan miidhaan irra gahuu danda'a jedhan.
Gama biraatin abukaatoowwan himatamtootaa ragaalen abbaa alangaa dhaddacha cufaafi golgaa duuba ta'uun jecha kennuun mirga heeraa himatamtootni dhimmisaanii dhaddacha banaa keessatti akka ilaallamuuf qaban kan sarbu akka ta'e himan.
Ragaaleen golgaa duuba ta'uun jecha kan kennan yoo ta'e, maamiltootni isaanii gaaffilee qaxxaamuraa gaafachuuf kan rakkatan ta'uus dubbatan.
Keessattuu himatni maamiltoota isaanii irratti hundaa'e hidhaa waggaa torbaa hanga umrii guutuu akkasumas du'aan kan adabsiisu ta'uu kan himan abukaatootni himatamtootaa "himata akkanaa irratti ragaaleen golgaa duubaa jecha yaa kennan jechuun haqa-qabeessa miti," jedhan.
Manneen murtii dirqama mirga kabachiisuu akka qaban kan himan abukaatotni Obbo Jawaar Mahaammadfaa "Abbaan alangaa ragaaleenkoo dhaddacha cufaa yookin golgaa duuba ta'un jecha yaa kennan kan jedhu qofaasaatti murteessuu hin danda'u, mirgas hin qabu," jechuunis falman.
Kana malees abukaatootni Abbaan alangaa yaaddoo nageenyaa ragaalensaa qaban bifa amansiisaa ta'een mana murtiif dhiyeessuu qabaatullee Abbaan alangaa kana akka hin raawwanne himan.
Dabalataan Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaatti galmee qorannoo duraatin ragaaleen abbaa alangaa dhaddacha banaa irratti jecha kennuu isaaniifi miidhaan irra gahe akka hin jirres dubbatan.
Gama biraatin Abbaan alangaa namootni galmee himataa Obbo Jawaar Mahaammadfaa jalatti himataman angawoota dhaaba siyaasaafi eegdota isaaniiti jechuun kan kaase mormuun, lakkoofsi namoota angawaa dhaaba siyaasaa ta'an sadi kan hin caalle ta'uufi kunneen biroo namoota hojiilee garaagaraa irratti bobba'an ta'uu himaniiru.
Walfalmii abbaa alangaafi abukaatoowwan kan dhaggeeffate manni murtichaa dhimmicharratti murtee laachuuf Caamsaa 04 bara 2013tti beellama qabateera.

Waa'ee galmee himataa Obbo Jawaarfaa
Ji'a Waxabajjii bara 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kanneen biroon labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe, labsii yakka telekoomii, labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaa fi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun ture kan himataman.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaas himatawwan labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaan walqabatan jaha akka addaan citan murteessuunsaa ni yaadatama.
Obbo Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba Sanyii fi Tsaggaayee Raggaasaa Araarsaa namoota biyya keessa hin jirreefi galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himatamanidha.















