Dhaddachi qorannoo duraa maali?, Golgaa duubaa ragaa bahuun hoo?

Madda suuraa, FBC
Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa ramaddii Araadaatti dhaddachi yakkaa tokkoffaa oolmaa isaa Hagayya 06 2020n Jawar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa dabalatee namoota 14 irratti qorannoon duraa ykn 'preliminary investigation' abbaan alangaa iyyate akka adeemsifamu murteesseera.
Amma dura poolisiin jecha ragaalee fuudhuu dabalatee hojiilee qorannoo kaan rawwaachaa turuu fi kanas goolabuu himuu eeruun galmeen qorannoo dura banamuun akka hin barbaachifne abukaatonni mormanis manni murtii yaada abukaatotaa kuffiseera.
Bu'uuruma kanaan dhaddachi qorannoo duraa gaggeessu ragaalee abbaa alangaa dhagahuuf Wiixata Hagayya 10 bara 2020 sa'aa 7:30 irratti beellama qabateera.
Dhaddacha qorannoo duraa ykn 'preliminary inquiry' Wiixata eegalurratti ragaalee abbaan alangaa dhiyeeffatu keessa 5 eenyummaan isaanii osoo hin baramiin golgaa duuba taa'anii akka jecha kennan abbaan alangaa gaafatee manni murtiis hayyameera.
Maalummaa dhaddacha qorannoo duraa fi barbaachisummaa namoota golgaa duuba kaa'anii ragaa akka bahan gochuu irratti gaaffii hedduutu ka'aa jira.
Dhaddachi qorannoo duraa maali?
Qorannoon duraa ykn 'preliminary inquiry' seera adaba yakkaa Itoophiyaa keewwata 80 jalatti tumamee akka jiru himu ogeessi seeraa fi pireezidantii mana murtii waliigalaa Oromiyaa kan turan Obbo Tashaale Abarraa.
Seerri adaba yakkaa Itoophiyaa seerota biyyoota akka Ameerikaa fi Firaans irraa waraabame kan jedhan ogeessi seeraa kun biyyoota kanneen keessatti dhaddachi qorannoo duraa ragaalee abbaa alangaa erga dhaggeeffateen booda ragaaleen kunneen shakkamaa himachiisuuf gahaa miti jedhee yoo amane bilisaan gadi dhiisuu ni danda'a jedhu.
Itoophiyaatti garuu dhaddachi qorannoo duraa kun ragaalee namaa fi sanadaa abbaan alangaa dhiyeeffatu galmeessee ol kaa'uuf qofa kan hundaa'udha jedhu Obbo Tashaalen.
Abukaatoo fi gorsaa seeraa kan ta'an Obboo Taammiraat Kidaanemaariyaam keewwatni seera adabbii yakkaa kun mootummoota akka Hayilasillaasee fi Dargii keessaa malee yeroo dhiyoo as hojiirra oolee akka hin beekne dubbatu.
Ragaaleen abbaa alangaa yeroo himanni banamutti mana murtiitti dhiyaatanii jecha kennuu hin danda'an yoo ta'e, ni badu ykn biyyaa bahu ykn ammoo duu'uu danda'u jedhamee kan sodaatamu yoo ta'e dhaddacha qorannoo duraa irratti jechi isaanii fuudhamee ol kaa'ama jedhan.
Maaliif barbaachise?
Qorannoon duraa ykn 'preliminary inquiry' kan irratti tumame keewwatni 80ni seera adabbii yakkaa Itoophiyaa hin barbaachisu 'redundunt' jedhamee kan dhiifame ture jedhu Obbo Tashaalen.
Sababni isaa adeemsi qorannoo yakkaa idilee sana bakka bu'uu hojiirra oolaa jiru jiraachuu dubbatu.
Innis, "namni yakkaan shakkame eeruun poolisiif kennama, poolisiin galmee banee dhimmicha qulqulleessuu jalqaba, qorannoo yoo xumuru abbaa alangaaf dhiyeessa, abbaan alangaa qorannichi guutuudha jedhee yoo itti amane mana murtiitti dhiyeessee himata irratti bana" jedhan.
Mana murtiitti ragaan abbaa alangaa akkasumas ragaan himatamaa dhagahamee manni murtii falmii godhamurratti hundaa'uun murtii kenna jedhan.
Sababa kanaaf dhaddachi qorannoo duraa barbaachisaa miti jedhamee kan dhiifamee tureefi manni murtii fi abbootii seeraas kan muuxannoo irratti hin qabnedha jedhu.
Adeemsa qorannoo yakkaa idileen shakkamtoota kana dhimma isaanii ilaaluun osoo danda'amuu qorannoo duraa gaafachuun dhimmicha lafarra harkifachiisuuf darbees ammoo yakki raawwatame guddaa ta'uu nama amansiisuuf fakkaata jedhu Obbo Teshaalen.
Obbo Taammiraat garuu dhaddachi qorannoo duraa dhimma lafarra harkifachiisuu caalaa ragaaleen hundi dhiyaatanii akka jecha kennan gochuun faayidaa qaba jedhu.
Eenyutu irratti argama?
Galmeen qorannoo duraa gaaffii abbaa alangaan erga banameen booda mana murtiitti dhaddachi abbootiin seeraa, abbaan alangaa fi poolisiin akkasumas shakkamaan abukaatoo isaan bakka bu'ee argama jedhu Obbo Taammiraat.
Ragooliin dhihaatanii dhimma shakkamtoonni ittiin himataman irratti waan ni beekan jedhan ragaa bahu, sunis abbootiin seeraa galmeessanii ol kaa'u jedhan.
Akka Obbo Taammiraat jedhanitti wayita ragaaleen jecha ragummaa kennan shakkamtoonni ykn abukaatonni isaanii gaaffii qaxxaamuraa jecha ragaa irratti qaban gaafachuu ni danda'u.
Obbo Teshaale Abarraa akka jedhanitti garuu dhaddachi qorannoo dura dhaddacha ragaan itti sassaabamu malee kan falmiin itti gaggeeffamu waan hin taaneef shakkamtoonni ykn abukaatonni isaanii gaaffii qaxxaamuraa akka gaafatan hireen kennamuufii dhiisuu mala jedhu.
Ragaan achitti sassaabame gaafa himatni banamee falmiin eegalame kan gaaffiin qaxxaamura irratti ka'u jedhu Obbo Teshaalen.
Haa ta'u malee abbootiin murtii dhaddacha qorannoo duraa kana ilaalan shakkamtoonni ykn abukaatonni isaanii gaaffii qaxxaamuraa ragaalee abbaa alangaa irratti akka kaasan hiree kennuuf aangoo qabu jedhan.
Qorannoo duraa ykn 'preliminaru inquiry' ka jedhamu kun waan dhiifamee ture waan ta'eefi manneen murtii muuxannoo gahaa waan irratti hin qabneef wanti ta'uu hin beekamu jedhu Obbo Teshaalen.
Golgaa duubaa ragaa bahuu
Dhaddacha qorannoo duraa ykn 'preliminary inquiry' Wiixata eegalu kanarratti ragaalee abbaan alangaa keessa namoonni 5 eenyummaan isaanii osoo hin baramiin golgaa duuba taa'anii jecha kennu.
Adeemsi ittiin ragaa baatonni eenyummaan isaanii dhokfamee, golgaa duuba ykn kutaa biraa keessa taa'anii jecha kennan jiraachuu kan himan Obbo Taammiraat, kuni nageenya nama ragaa bahu sanaa tiksuuf akka ta'e himu.
Haa ta'u malee ragoonni golgaa duubaa jecha akka kennan gochuuf sababni amansiisaan jiraachuu qaba jedhu.
Eenyummaa namoota ragaa bahan kanaa mana murtii fi abbootii alangaa qofatu beeka kan jedhan Obbo Tashaale Abarraa, shakkamtoonni fi abukaatoowwan isaanii akka beekan hin hayyamamuufi jedhu.
Golgaa duubaa akka ragaa bahan kan taasifamuuf namoota kana shakkamtoota jalaa dhoksuufi jedhu Obbo Teshaalen.
"Shakkamtoonni ragoolii kana ni sossobu, ykn ni sodaachisu ykn ammoo ni ajjeesu yaada jedhuun, ragoolii tiksuufi" jedhu.
Dhaddachi qorannoo duraa erga xumurameen booda himatni banamee falmiin yoo eegalu eenyummaan namoota kanaa akkuma dhokfametti tura jedhan.
Namni wayita ifatti ragaa bahuu fi dhokatee ragaa bahu gara garaa kan jedhan Obbo Teshaaleen, gaaffii himatamtootaa ykn abukaatoowwan isaaniirratti hundaa'uun tarii manni murtii tarii ragooliin kunneen qaaman argamanii akka ragaa bahan ajajuu mirga ni qaba jedhan.














