Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa: Yuunivarsiitiin Jimmaa Haacaaluu Hundeessaa yaadate, 'gumaa baasna' jedhe

Madda suuraa, Jimma University
Yunivarsiitiin Jimmaa sagantaa yaadannoo Artiist Haacaaluu Hundeessaa guyyaa Roobii Hagayya 05, 2020 qopheesseen faawundeeshinii Artiist Haacaaluu Hundeessaa hundeessuf hojii eegaluusaa beeksiseera.
BBCf yaada kan kennan pireezidantiin yunivarsiitichaa Dr Jamaal Abbaafiixaa, faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa kan aartii, aadaa fi seenaa uummata Oromoo irratti qorannoon itti taasifamu ta'uusaa dubbatan.
Faawundeeshiniin kun maatii artiist Haacaaluu Hundeessaa itti fufiinsaan gargaaruu kan kaayyefate akka ta'es himan.
Aadaa, Nagaa fi Mirgoota Namoomaa…
Haacaaluun sagalee abdii tokkummaa, nagaa fi haqaa akka ture kan himan Dr Jamaal, "artiistii kana akka biyyaattis, akka uummataattis, akka sabaattis shira hamaa ta'een dhabnee jirra" jedhan.
"Haa ta'u malee Haacaluun qaamaan nu biraa dhabamus hojiiwwansaa nu walin kan itti fufanidha, leegaasiin isaas daran cimee deemuu kan qabudha" jedhan.
"Akka dhaabbata barnoota olaanaa tokkootti bifa ergama keenya waliin hidhata qabuun gadda cimaa keessaa baanee maqaasaa yaadachaa, gumaa isaa baasaa seenaa keessatti iddoo guddaa akka argatu gochuu qabna," jechuunis himan.
Yunivarsiitichi galma sagantaan eebbaa, waareen aartii fi sagantaaleen adda addaa itti adeemsifaman fi 'Mini stadium' jedhamuun beekkamu maqaa Artiist Haacaaluu Hundeessaatin akka moggaafamu murteessee jira.
"Kuni dhaabbataan goota keenya kan ittin yaadannu, kana keessattis waa'ee isaa, waa'ee uummata Oromoo, waa'ee uummata Itoophiyaa akkasumas waa'een addunyaa itti dubbatamu ta'a," jedhan.

Madda suuraa, Jimma University
Yunivarsiitiin Jimmaa barruu isaa 'Geda Journal' jedhamu hojiilee artiist Haacaaluu irratti xiyyeeffachuun maxxansa addaa akka qopheessus himameera.
Maxxansi addaa barruu 'Geda Journal' gumaachi Haacaaluun qabsoo Oromoo, jijjiirama keessatti, aadaa Oromoo guddisuu, nageenyaafi mirgoota namoomaa kabachiisuu keessatti bahate sadarkaa addunyaatti akka beekkamuf carraa kan banu ta'uu Dr Jamaal dubbatan.
"Faawundeeshiniin Artiist Haacaaluu Hundeessaa gumaa artiistii karaa nama gaddisiisun dhabne kan ittin baasnu waan ta'ef, Oromootni biyya keessaafi biyya alaa jiran akka gumaachan waamicha dhiyeessina," jedhan.
Dorgommii aartii maqaa Haacaaluun moggaafame…
Yunivarsiitiin Jimmaa olmaa fi yaadannoo artiist Haacaaluu Hundeessaa bu'uura godhachuun waggaa waggaan bifa itti fufiinsa qabuun namoota gama aartin uummataaf gumaachuu danda'an horachuuf sagantaa 'Hachalu talent music scholarship' jedhu qopheessuu isaas Dr Jamaal himan.
"Sagantaan kun kan ol adeemtoota itti qopheessinudha. Kan uummata keessaa ol baasnee akkuma Haacaaluutti uummataaf gumaacha buusuu akka danda'an itti taasisnudha" jedhan.
Sagantaa 'Hachalu talent music scolarship' bara 2013'f bajata birrii 500,000 ramadamuu isaas dubbatan.
Dorgommii dandeettii aartii kana bifa itti fuffinsa qabun hojjechuuf Faawundeeshinii Haacaaluu hundeessuuf hojiin eegalamuusaas himaniiru.
"Beekkamtin isaaf kennamu guddatee bahu qaba. Beektootni keenyas waa'ee hojiilee Haacaaluu qoratanii goota itoophiyaa qofa osoo hin taanee sadarkaa addunyaatti akka beekkamu hojjechuu qaban" jedhan.
"Akkuma artiistin kun tokkummaa uummata Oromoof jiraatee du'e nutis tokkummaadhaan tumsinee karoora kana bakka guddaan gahuu qabna" jechuunis dhaaman.
Sagantaan yaadannoo Artiist Haacaalu Hundeessaa Yunivarsiitiin Jimmaa Roobii qopheesse kan pireezidaantiwwan dhaabbilee barnoota olaanoo irratti argaman ture.















