Haati seeraa torbaniif achi buuteen dhibe dhiyeenya magaalaa Hoolataatti reeffi ishee argame

Madda suuraa, Social Media
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejereetti kan hojjechaa turte haati seeraa Wayinasheet Abbabaa, bakka jiraattu magaalaa Hoolataa keessaa erga dhabamtee torbee tokko booda reenfishee argamuu maatiin BBCtti himan.
Obboleessishee Dr Makonnin Abbabaa, reenfi Wayinasheet laga handaara magaalaa Hoolataatti argamu keessatti akka argamee fi guyyaa Kamisaa akka awwaalamte himan.
“Guyyaa Masqalaa wajjiin oollee boorumtaa isaa mana isheetti deebitee, galgala naannoo sa'aatii sadiitti ‘nagaan galtee’ jennee waliin haasofnee turre. Gaafa Roobii dhabamte,“ jechuun Dr Mokonnin himaniiru.
Ishee argachuuf nama isheef mana kireessetti yemmuu bilbilan ‘manni banaadha garuu isheen hin jirtu’, yeroo lafa hojii isheetti bilbilan ammoo ‘hojii hin seenne’ deebii jedhu akka argatan himan.
Torban tokko guutuuf yeroo adeemu Roobii barii reeffii ishee laga keessatti akka argame Dr Mokonniin BBCtti himaniiru.
Du'a haadha seeraa Wayinasheet Abbebe irratti odeeffannoo qaama nageenyaarraa barbaannee gara waajjira Nageenyaa Magaalaa Holotaatti bilbillus, argachuu hin dandeenye.
''Reeffi ishee kan argame Hoolota darbee nannoo Walmaraa jedhamutti... afaan ishee carqiin hidhamee ture,'' jechuunis dubbatan.
Aadde Waayinasheet abbaa warraa ishee Adaamaa jiraatu waliin erga gaa’eela dhaabbatanii gara waggaa sadii ta’eera.
Tarii diina ykn nama aarii irraa qabu qabdi ture gaaffii jedhuuf Dr Mokonniin ''homaa nuti waan akkasii hin beeknu'' jechuun, ''galgala tokko garuu qoosaa haa ta’uu dhugaa haa ta’uu haala hin beekneen, bilbilli bilbilameefii akka ishee gadi isiinii lakkisnuuf birri 400,000 fidaa nuun jedhani,” jedhu.
“Eessa jirti sagalee ishee na dhageessisi jennaan na dide. Boorumtaa isaa deebisee bilbillaan, ‘bilbilakoo nama biraatu qabate kaleessa, abbaa kana siin jedhe hin beeku’ naan jedhe.”
“Ati eenyu jedhee gaafannaan ‘ilmuma Oromooti bosonan jira’ naan jedhe.”
Namatu nu jalaa bade yoo agartan naa himaa jechuun nama bilbilaan hasoofsise kanatti yemmuu himu ‘gaafadheen siif bilbila’ deebii jedhu kennuufis, deebisee akka hin bilbilleef Dr Mokonnin himaniiru.
Ejeree keessa haadha seeraa taatee hojjachuu erga eegalte gara ji’a kudhanii akka ta’e kan himu obboleessi ishee “wanta rakkoo uumuufi namaa waliin wal dhabdee hin qabdu, kana natti hin himne,” jedha.
“Waan Rabbi nutti ergee hin beeknu, dhugaan maal akka ta’e.”
Yeroo isheen dhabamteetti ishee barbaachuuf, qaamolee seeraa waliin ta’uun waan hunda akka hojjatan kan himan Dr Mokonnin, sababa ayyaanaan eegumsaaf waan ko’oomaniif karaa qamoolee nageenyaan xiqqoo haalli lafarra harkifatus gargaarsa akka argatan himu.
Reeffi ishee kan argame qamoolee nageenyaan yoo ta’u, haala isaan itti argatan garuu ammatti akka ifa hin taasifamneef himaniiru.
Awwaalcha ishee booda hanga humni danda’eetti duuba deebi’uun wanta uumame ni gaaffana kan jedhan Dr Mokonnin “kan dhugaa baasu Waaqni dhiiga ishee lafatti hin hambisiin jenna malee maal jenna” jechuun obboleetti isaaniif haqa akka barbaadan BBCtti himaniiru.














