Nageenya Oromiyaa: ABIN isa KFO’n rakkoo nageenyaa Oromiyaaf hidhattoota Amaaraa himate balaaleffate

Asxaa KFO fi ABIN

Rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaatti mul'atuuf humnoonni nageenyaa naannoo Amaaraa itti gaafatamoodha jechuun ibsa Kongireesin Federaalawaa Oromoo (KFO) baase, Warraaqsi Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) qeeqe.

ABIN ibsa guyyaa Kibxataa baaseen, ''Morkii siyaasaa humnoota siyaasaa Oromoo garagaraa gidduutti taasifamaa jiruun, boora'uufi nageenyaa naannoo Oromiyaatti mudateen, saba Amaaraafi humnoota siyaasaa Amaaraa komachuu... cimsinee balaaleeffanna,'' jechuun ibsa KFO'f deebii kenneera.

KFO'n ibsa isaa keessatti hidhattoota Amaaraa malee hidhattoota gama Lixaafi Kibba Oromiyaa sosso'aniifi mootummaan rakkoo nageenyaaf sababa jechuun yeroo dheeraaf himatu, hin himanne.

Koreen Hoji-raawwachiiftuu KFO walgahii idileesaa dhiyeenya geeggeesseen booda ''haala yeroo ammaa biyyiifi ummanni keenya keessa jiru'' irratti mari'achuun ibsa ejjannoo baaseera.

Kanaanis hidhattoota ''naannoo Amaaraatii dhufan'' ittiin jedheen daangaa Oromiyaa keessa galuun, ''weerara lafaafi daangaa babal'ifannaa raawwachuun, akkasumas namoota nagaa ajjeesaa, qonnaan bultoota qe'eerraa buqqisaa; naannoo Oromiyaa iddoo hokkora walirraa hin cinnetti geeddaraa jiru,'' jedhe.

KFOn dabaluun keessattuu ''duulli waraanaafi weerarri lafaa'' kun godinaalee Oromiyaa Wallaga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Shawaa Lixaa, Shawaa Kaabaa fi Shawaa Bahaatti, ''bifa qindaa'aa ta'een geggeeffamaa jira,'' jedha.

KFOn akka fakkeenyaatti waan Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Qimbibititti raawwate jedhe kaasa.

Aanaa kanarraa lafti hektaara 280 ta'u, qonnaan bultoota Oromiyaa irraa kaasuun kan fudhatame ''Humna Addaa Poolisii Mootummaa Naannoo Aamaaraatin akka ta'e gabaasni miidiyaan mootummaatuu baasan saaxilee jira,'' jedha.

Dhaabi waggoota muraasa dura hundaa'eefi saba Amaaraaf akka qabsaa'u kan hime ABIN garuu himannaa kana akka hin fudhanne ibse.

Deebii kenneen, naannoleen KFOn ibsa isaa keessatti eere kunniin ''dhalattoota nagaa Amaaraa irratti irra deddeebiin iddoowwan ajjeechaafi buqqa'insi itti raawwatudha,'' jedhe.

Iddoowwan kanattis ''ifatti hidhattoonni ABO-Shanee itti socho'aniifi iddoowwan gara caalu kan to'atanii jiran,'' tahuusaaniitiin, rakkoo nageenyaaf itti gaafatamummaa kan fudhatan humnoota siyaasaa naannoo Amaaraa tahuu kuffiseera.

Rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa mudatuuf jiraattonni keessumaa gama Lixa Oromiyaa hidhattoota WBO kan mootummaan 'ABO- Shanee' jedhu, hidhattoota Amaaraafi Gumuuz himatu.

Gama kaaniin, dirqama ummata tiksuu qabu guutuu dhabuu, seera malee ajjeechaa raawwatuufi kaaniniis humnoonni mootummaa ni himatamu.

KFO dabalatee paartileen mormituu Oromoo sochii hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoofi badii garaagaraa himataman ifatti yoo balaaleeffatan hin mul'atu.

Dhaabni ABIN gama isaatiin hidhattooti Amaaraa badii garaa garaan Naannoo Oromiyaa keessatti isa himataman yeroo balaaleeffatu hin mul'atu.

Torban muraasa dura mootummaan haleellaa Faannoon raawwate jedheen Fantaalleetti humnootni nageenyaa mootummaa 26 ajjeefamaniiru.

Ibsa ABIN baase kanaan: ''Iddoowwan kaneennitti boora'uu nageenyaafi tasgabbiif Amaarri kan gaafatamuu malu, gaafa ABO-Shaneen Amaaraadha, akkasumas hidhattoonnis qonnaan bultoota Amaaraati kan jedhaman yoo tahe qofa.

''KFOn ABO-Shanee fi hidhattoota, Amaarummaan akka hin himanne ni abdanna,'' jedhe.

Gama kaaniin KFOn, waraanni mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) - kan mootummaan ABO-Shanee jedhu gidduutti adeemaa jiru akka dhaabbatuufi garaagarummaa isaanii mariin akka furan gaafachuusaa, ABIN akka deeggaru himeera.

KFOn ibsa Wiixata baaseen: ''... yeroo adda addaatti walwaraansi kun mariidhaan dhaabbatee, qaamoleen wal waraanaan gara dirree siayaasaa dhufuun, Oromiyaafi ummata keeenyaaf nagaaf tasgabbii akka buusaan gaafachaa tureera,'' jedheera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattoota ''Shororkeessaa'' jedhuun Waraana Bilisummaa Oromoo-WBO ''guutummaatti barbadeessuuf, duula cimaa eegaluu'' beeksiseera.

Dabalataan, qaamota 'Finxaaleyyii maqaa Amaaraan socho'an' jedhu irrattis duula akka gaggeessu hime. Mootummaan qaamolee hidhatan lamaan finxaaleyyummaan himata.

WBOn gama dubbi himaa isaatiin waan jedhe, humnoota mootummaa wajjiin ''waraana cimaa'' gaggeessaa akka jiru himeera.

Tuullaa midhaanii gubate

Madda suuraa, Komunikeeshinii Baakkoo Tibbee

Ibsa waa'ee suuraa, Tuullaa xaafii qonnaan bultoonni Aanaa Bakkoo Tibbee hidhattoonni 'Shanee' nu duraa guban jedhan

ABIN ibsa Kibxataan ''hidhattoonni ABO-Shanee'' jeequmsa nageenyaafi tasgabbii Naannoo Oromiyaa keessatti raawwachaa jiran dabalataan; naannolee Beenishaangul-Gumuuz, Sidaamaa, Kibbaafi Amaaraa keessa, lammiilee nagaa fi misooma uummataa irratti haleellaa raawwachaa turan jechuun himata.

Iddoowwan Oromiyaa keessaa hidhattoonni kunniin to'ataniifi socho'anitti, hidhattoonni naannoo Amaaraa keessaa dhufan weerara gaggeessan jechuun ibsi bahuun isaa akka isa ''gaddisiise'' paartichi himeera.

Hidhattoonni ABO-Shanee jechuun mootummaan waamu dhalattoota Amaaraa godinoota Wallaggaafi Shawaa Lixaa keessa jiraatanirratti haleellaa raawwachuu jiraattonniifi qondaaltonni himu. Garichi kana ni waakkata.

Faallaan immoo jiraattonni Oromoo 'Shanee' qallabdu, dahoo kennituufi jedhamanii hidhattoota Amaaraan akka manniifi qe'een isaanii gubatu himan.

Taateen kuni Naannoo Benishaangul Gumuz keessattiis wal fakkaata.

Warraaqsi Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) ibsa kanaan, ''sirna siyaasaa faayidaafi mirgi lammiilee Itoophiyaa hundi itti kabajamu uumuuf'' KFO dabalatee humna siyaasaa seera-qabeessa tahe kamuu wajjiin ''walitti dhiyeenyaan'' hojjechuuf qophiidha jedheera.