Filannoo Itoophiyaa 2021: Waliigalteen tibbanaa ABIN fi Baaldaraas Finfinneerratti taasisan maali?

Madda suuraa, ABN fi Balderas
Torban darbe paartileen mormituu lama Baaldaraas Dimookiraasii Haqaafi Warraaqsi Biyyaalessaa Amaaraa [ABIN] filannoo Itoophiyaa jahaffaa dura wal ta'umsa tolfachuu beeksisaniiru.
Paartileen kunneen akka beeksisanitti waliigalteen isaanii kuni filannoo boodallee hanga mootummaa 'qindoominaa' hundeessutti kan deemudha.
Ibsa dhaabbileen kuni baasaniin ''…fedhiifi mul'ata filattootaa galma geessisuuf ABIN fi Baaldaraas wal ta'insa siyaasaa waliin dalaguuf murteessuu keenya ummata Itoophiyaa, ummata Amaaraafi ummata Finfinneef gammachuun ibsina,'' jedha.
Waliigalteen ijoo dhaabbilee lamaanii Finfinneerratti yoo ta'u, kunis paartileen kunneen bakka deeggarsa cimaa qabna jedhan xiyyeeffatanii akka hojjetan akka isaan gargaaru ibsaniiru.
Maaltu walitti isaan fide?
Filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa jahaffaa baatii Caamsaa irratti dhaabbilee eegaman keessa paartileen lamaan kuni tokkodha.
Dhaabni waggoota muraasa dura keessumaa sabboonummaa Amaaraa bu'uura godhachuun hundaa'e ABIN, naannoo Amaaraa keessa deeggarsa akka qabu amanama.
Hoogganni isaa Iskindir Naggaa hidhaa kan jiru Baaldaraas immoo, keessumaa magaalaa Finfinnee irratti xiyyeeffachuun komii fi gaaffii dhiheessaa ture.
Baaldaraas 'Faayidaa Finfinnee eegsisuuf' jechuun sochii Iskindir hundeessedha. Sochiin kun Finfinnee bu'uura godhachuudhaan gara paartii siyaasaatti guddateera.
Kanaaf wantoonni isaan walitti fidan maali jennee kan gaafanne Itti gaafatamaan Waajjiraa dhaaba Baaldaraas Obbo Galataaw Zallaqaa dhimmoota ijoo lama kaasu.
Kunneenis dhimma Finfinneefi dhimma sirna federaalizimii sab - daneessaa biyyattiin ittiin bulaa jirtudha.
Kanaan ala qeeqxonni, dhaabbilee siyaasaa lamaan kunniin finxaalessummaan himatu. Dhaabi kuni garuu himannaa kana ni balaaleeffata.

Madda suuraa, Getty Images
Dabalataan, dhaabni Baaldaraas maqaa Itoophiyaatin saba tokkoof qabsaa'a kanneen jedhan jiru isa jenneef Obbo Galataaw deebii kana kennan.
''Himannaa bu'uura hin qabnedha,'' jechuun warruma qabsoo saba tokkoof qabsaa'anitu himata akkanaa nurratti dhiheessani jedhu.
''Paartii saba osoo hin qoodin miseensa gochuu danda'u qindeessine'' jechuun himannaa kana akka hin fudhanne ibsu.
Waliigalteen kuni maali?
Ibsa paartileen lamaan waliigaltee tolfachuu isaanii ibsan irratti akka eerametti, paartiin tokko hojii akkasumas ergama dhaaba biraa akka deeggaru ibseera.
Filannoo dhufuurratti ''ummanni biyya keenyaa keessumaa ummanni Amaaraafi Finfinnee balaa itti aggaamame walta'umsaan ofirraa qolachuun ala falli biraa akka hin jirre waliigalteerra gahameera jedhe,'' ibsi waloo dhaabbileen kunniin baasan.
Waliigalteen ijoo dhaabbilee kanaa ''Filannoo irratti waliin hojjechuuf, ergasii booda mootummaa qindoominaa hundeessuuf waliigalle,'' jedhan Obbo Galataaw.
''Fakkeenyaaf amma Finfinnee keessa ABIN hin dorgomu. Finfinnee guutummaan guututti Baaldaraasif dhiiseera,'' jechuun BBC'tti dubbatan. Kana jechuun paartileen lamaan Finfinnee keessa wal hin dorgoman jechuudha.
Kanaafis, 'humna guutuun' Finfinnee keessa duula na filadhaa akka taasisaa jiraniifi adeemsa isaanii kanas paartiin waliin qindoomina uume akka deeggarsa kennaafi jiru dubbatu.
Dhaabni ABIN dhaaba sadarkaa biyyaatti galmaa'e wanta ta'eef, sadarkaa biyyaatti dorgoma. Baaldaraas garuu Magaalaa Finfinnee qofaaf galmaa'e.
Akka dhaabni hoogganaan isaa mana hidhaa jiran jedhutti walta'uumsi kuni paartilee lamaaniifu faayidaa qaba.
Sagalee qooddachuun waan xiqqaatuuf ''Carraan injifachuu Baaldaraas dabaleera'' yaada jedhu qabu.
''Sagalee qabnu walitti qabnee teessuma federaalaa gara caalu qabannee mootummaa hundeessinee rakkoo Itoophiyaa furuudha abjuun keenya. Qindoominni keenya ijoo kanadha,'' jedhan.
Ejjennoo Finfinneefi Federaalizimii irratti
Dhimmoota ijoo namoota siyaasaa Itoophiyaa keessatti madda mormiifi waldhibdee ta'un yeroo dheeraaf turan keessaa, dhimmi Finfinneefi federaalizimii biyyattiin itti bulaa jirtu tokkodha.
Paartileen kuni walitti dhufuu isaaniif wanti ijoon ejjennoo walfakkaataa qabaachuu isaanii ibsu. Akka fakkeenyaatti tokko dhimma magaalaa Finfinneeti.
''Eeyyee. Wanti walitti nu fide tokko isadha,'' jedhu Obbo Galataaw waa'ee Finfinnee yoo dubbatan.
''Finfinneen kan lammiilee Itoophiyaa hundaati. Kan buluu qabduus jiraattotaani,'' yaada jedhu paartileen lamaan ittiin waliigalu jechuun ibsu.
Heera Itoophiyaa bara 1995 barraa'e irratti Ummanni Oromoo magaalaa Finfinneerraa 'faayidaa addaa' akka qabu eera. Ta'us, seerri kuni yeroo dheeraaf hojiirra hin oolle.
Faallaan immoo Finfinneen bu'uura seenaa irratti hundaa'uudhaan bulchiinsa Oromiyaa jala akka galtuuf hojjenna jechuun kana dura dhaabi Adda Bilisummaa Oromoo akka biyyatti deebi'en ibseera.
Ta'us, ABO'nis ta'e KFO'n 'bahuuf dirqamne' jechuun filannoo baranaarratti akka hin hirmaanne beeksisaniiru. Mootummaan garuu himannaa paartilee kanaa hin fudhatu.
Dhaabbileen lamaan kuni garuu adeemsa kanarraa mormii ibsaniiru.
''Gamtaa Itoophiyaa kan diigudha'' jechuun ''Finfinneerratti faayidaa addaa qabna kan jedhan irratti ni qabsoofna,'' jechuun himu Obbo Galataaw. Ibsa dhaabbileen lamaan baasan irrattis kana ibsaniiru.
Finfinneen 'state/bulchiinsa of dandeesse akka taatu barbaanna' jechuun ''State jechuun haala amma jiruun naannoo jechuudha'' jechuudha jechuun himu.
Dabalataan, waa'ee Itoophiyaa irratti ilaalcha jirutu akka waliin dalagnu sababa ta'e jedhu.
''Siyaasi saba irratti bu'ureeffate diigamee Itoophiyaan sirna federaalaa sivikii ta'etti akka ceetu dhaaba abjuu qabu waan ta'ef, [ABIN] waliin hojjechuuf waliigalleerra,'' jedhan qondaalli dhaaba Baaldaraas kuni.















