Filannoowwan Itoophiyaa shanan darban attam turan?

Madda suuraa, Mustafa Ferhat Beksen
Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa adeemsisuuf qophiirra jirti. Paartiileen siyaasaa 'dhiibamu' himatan keessaa hafan illeen, yeroo amma Boordiin Filannoo sagantaa qabateen yeroon paartileen siyaasaa kaadhimamaa itti galmeessan xumurameera.
Buufataalee filannoo 673 keessatti filannoo biyyaalessaa adeemsifamuuf torbee 12 qofatu hafe
Waggaa soddomaa oliif biyyattii kan hogganaa ture Addi Dimookiraataa Warraaqsa Uummattota Itoophiyaa (ADWUI) erga aangoo qabateen as filannoon aanaa, godinaa fi manni mareef adeemsifamaa tureera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa heeraan erga labsameen as walumaagalatti filannoowwan shan biyyattii keessatti adeemsifamaniiru. Kanaan alatti filannoowwan naannoo fi rifarandamiii dabalatee filannoowwan 14 adeemsifamaniiru.
Gara duubaatti deebi’uun filannoowwan shanan darban ummannni hangam filate, lakkoofsi dorgomtootaa hangam tureefi filannicha eenyu mo’ate seenaa jedhu ilaalla.
Filannoo A.L.I bara 2007
Filannoon isa amma filatamuuf qophiirra jiramu dura filannoo taasifamedha.
• Ummanni filachuuf galmaa’e miiliyoona 36 fi kuma 851 fi 461 ture.
• Nama galmaa’e keessaa miiliyoona 34,351,444 kan filate yoo tahu kunis 93.2 % jechuu dha.
• Filannicharratti paartileen siyaasaa dorgoman 58 turan.
• Kaadhimtootni kuma 1,828 mana maree bakka bu’oota uummataaf dhiyaataniiru.
• Kaadhimamtoonni 3,991 tahan mana maree naannoof dhiyaataniiru.
• Kanneen armaan olii kan paartii bakka bu’an yoo tahu dhuunfaadhaan mana maree bakka bu’oota uummataaf sagal, mana maree naannoof immoo sadii dhiyaatanii turan
• Bu’aa filannoo kanaa yoo ilaallu ADWUI’n teessoo 500 jechuunis harka 82.4 argateera. Kanneen keessaa teessoon 212 ykn 38.8% dubartootaan kan qabame dha.
• Mana maree naannolee yoo ilaallu paartilleen deeggartootaa (Aggaar jedhaman) hundi teessoo hunda argatanii turan.
• Kanneen keessaa 800 yookiin 40.3 % kan tahan dubartoota turan.
Filannoo A.L.I bara 2002
Filannoon seen-qabeessa jedhamu darbee bara 2002'tti filannoon biyyaalessaa marsaa arfaffaa kan taasifame Caamsaa 15/2002 ture. Filannichi naannolee hundaafi bulchiinsota magaalaa lama keessatti adeemsifameera.
• Paartileen siyaasaa 63 hirmaataniiru.
• Paartileen kunneen kaadhimamtoota 2,188 bakka bu’oota uummataaf dhiyeessaniiru.
• Mana maree naannoof immoo 4,746 dhiyeessaniiru.
• Kaadhimamtoonni 34 dhuunfaadhaan mana mareef dorgomuuf dhiyaataniiru.
• Kaadhimamtoonni dhuunfaa 11 immoo kan naannoof dhiyaatanii turan.
• Baay’inni uummataa filachuuf galmaa’e 31,926,520 ture
• Kan galmaa’e keessaa 29,832,190 ykn 93.4% filannoo irratti kan hirmaate yoo tahu lakkoofsi filattota dubartootaa 47.6% ture.
Filannoo naannolee filannoo 547 mana maree bakka bu'oota ummataaf taasifametti dhaabi ADWUI dhaabbilee naannolee arfan bulchaniifi dhaabbilee deeggarsaan teessuma 99.6% irra aane.
• Inni hafe paartii tokkoofi dorgomaa dhuunfaa tokkoon qabame
•Mana maree nannnolee yoo ilaallu ADWUI fi dhaabbileen deeggarsaa teessuma hunda fudhataniiru.
•Paarlaamaa keessa hammi miseensota dubartootaa 12.4% ture
•Mana maree naannoottimmoo dubartoonni teessuma argatan 15.3% dha
Filannoo A.L.I bara 1997
Siyaasa Itoophiyaa keessa filannoon bara 1997 taateen guddaa kan irratti raawwate ture.
Dirreen siyaasaa yeroo kaanirraa banamuu, falmiin cimaa taasifamuu, walta'uumsi paartileen mormituu uumaniifi duulli gaggeeffame ummanni akka eegu taasisee ture.
•Ummanni filachuuf galmaa'e miiliyoona 27, kuma 372 fi 888
•Kanneen galmaa'an keessaa ummanni filate miiliyoona 22, kuma 610 fi 690
•ADWUI'n teessuma paarlaamaa 327 irra aane
•Qinijjiit Tokummaafi Dimookiraasiif teessuma 109
•Gamtaan Humnoota Dimookiraasii Itoophiyaa (Hibrat) teessuma 52
•Warraaqsa Federaalistii Dimookiraataa Oromoo (Ofeden) teessuma 11 irra aanan
•Dhaabbileen deeggartoota (Aggaar) ADWUI fi paartileen kaan teessuma hafan irra aanan
•Mana Maree Naannolee ilaalchisuun immoo ADWUI/DHDUO 387, Hibrat 105, Ofedeniifi Qinijjit teessuma 43 argatan
•Naannoo Amaaraatti Sochii Warraaqsa Dimookiraatawaa Ummata Amaaraa (BEADEN) teessuma 187, Qinijjit teessuma 107 argatan
•Tigraayitti TPLF/ADWUI teessuma 151 argate
•Affaaritti ABDEPA teessuma 84, B/Gumuuz, Gaambeellaa, Somaaleefi Harariitti deeggartoonni ADWUI teessuma gara caalu yoo fudhatan Gaambellaa, B/Gumuuz fi Harariitti Qinijjit teessuma jaha argateera.
Filannoo A.L.I bara 1992
•Filannoof kan galmaa'an ummata miiliyoona 21, kuma 655 fi 752
•Kanneen galmaa'an keessaa miiliyoona 19, kuma 602 fi 783 filaniiru
•Teessuma paarlaamaa kan injifate ADWUI dha. Teessumni paartileen afran argatanis; DHDUO 176, BEADEN 124, TPLF 38, akkasumas DEHIDEN (kan Kibbaa)teessuma lama argate.
•Teessuma 13 hafan paartileen garaa garaa fudhataniiru
•Mana maree naannolee yoo ilaallu ADWUI teessuma 1,102 naannoleefi magaalaaleetti yoo injifatu, kanneen dhuunfaan dorgoman 27's naannolee garaagaraatti teessuma argataniiru
Filannoo A.L.I bara 1987
• Ummanni filannoof galmaa'e miiliyoona 21, kuma 337 fi 379
•Kanneen galmaa'an keessa ummanni filate miiliyoona 20, kuma 68 fi 513
•Kan paartii bakka bu'aniifi dhuunfaan dorgoman dabalatee miseensonni paarlaamaa 546 turan. Kana keessaa dubartoonni 10 qofa. Filmaata hunda keessaa 10 kan dhuunfaan dorgoman turani.
•Mana maree naannolee yoo ilaallu dhiironni 1,355 fi dubartoonni 77 manneen maree naannolee saglan jiran keessatti teessuma argataniiru.
•Kanneen keessaa kanneen dhuunfaan dorgoman 47 turani
•Filannoo kana irratti paartileen 43 irratti hirmaataniiru















