Dhimma keessoo hanga nageenya biyyaa, yaadoota Kora sabaa KFO irratti ka'an

Madda suuraa, HAMZA BORANA
Korri Sabaa dhaaba Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) lammaffaa Bitootessa 26-27, 2022 Finfinneetti gaggeefamaa tureen hooggantoota dhaabichaa, miseensota koree hojii raawwachiiftuufi koreewwan kaanis filachuun imala isaa fuulduraa ibsuun goolabameera.
Dhaabichi kora isaa kanarratti pirrofeesar Mararaa Guddinaa irra deebiin dura taa'aa, Obbo Baqqalaa Garbaa dursaa dura-taa'aa itti aanaa, Obbo Jawaar Mohaammad ammoo ittaanaa dura ta'aa dhaabbicha gochuun filateera.
Koree hojii raawwachiiftuu dhaabichaaf miseensota 17 akkasumas koree giddugaleessaaf miseensota 85 filateera.
Koree hojii raawwachiiftuu keessatti miseensa ta'anii kanneen filataman keessa miseensonni buleeyyiin alatti miseensota haaraa filataman keessa Obbo Hamzaa Adanee (Hamzaa Booranaa), dabalatee kaaniis ni argamu.
Kora kana irratti Obbo Xurunaa Gamtaa, Barreessaa olaanaa, Obbo Hamzaa Adaanee Itti aanaa Barresssaa, Obbo Dajanee Xaafaa Itti gaafatamaa Siyaasaa ta'anii filatamaniiru.
Itti dabaluun Obbo Mootii Begii itti gaafatamaa dhimma Hawaasummaa, Obbo Sulxaan Qaasim Itti Gaafatamaa quunnamtii hawaasaa, Obbo Girmaa Guutamaa itti gaafatamaa Koree Odiitiifi Inispeekshinii Naamusaa ta'uu filamaniiru.
Kora gabaasa raawwii hojii darbaniirrate mari'atee raggaasise, dambii haaraa fooyya'e raggaasiseefi karoora fuuladuraarratti mariyate irratti bakka buutotni dhaabota siyaasaa biroos argamanii haasaa taasisaniiru.
Maaltu jedhame?
Erga hidhaa waggaa tokkoo oliirraa hiikamanii akka durii miidiyaa hawaasaa fi miidiyaalee idilee kaan irratti yaada isaanii ibsaa kan hin jirre Obbo Jawaar Mohaammad waltajjii kana irratti jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo gidduu wal-hubachuufi waltumsuun akkasumas tokkummaan jabaachuu qaba jedhan.
''ABO waliin nu hidhan malee waliigaltee mallatteessinee filannootti seenuuf qophii turre. Nu hidhanii waraqaan keenya cicciramtee baddus onnee keenya keessa nuufi ABO'n tokko waliin jirra.''
Namootaafi humnoota siyaasaa Oromoo biyya keessaafi ala jiran waliinis ni hojjeta jedhan.
Erga miseensa KFO ta'anii waggaa lamaa ol booda dura taa'aa itti aanaa ta'uun kan filataman Obbo Jawaar amma haaraa hooggansatti warri filataman hooggantootaa buleeyyiirraa muuxannoo akka fudhatan, barnootaa qabaniin ammoo akka jabeessan dubbatan.
''Kan booda wanni hin danda'amne kana gootan malee isin diigna kan jedhu. Wayyaaneen hin dandeenye, Bilitsiginaan hin dandeenye... ana mataa koo ergan bahee, KFO keessaa yoo baate kana sii goona kana siigoona jedhu dibbin jennee duuna malee waan itti amannerraa duuba hin deebinu,'' jedhan Obbo Jawaar.
''ABO walakkaa ool fudhatee Biltsiginnaan ABO diiguu hin dandeenye. ABO'n diigameeraa? hin diigamne'' jedhan.
Godinaan qoodanii yaaduufi sodaachisuun hin ta'u waldhageenyee sirreessina jedhan.
Bakka Bu'aan paartii uummata Affaar Musaa Adam ''waggoota lamaan darban wanti nuti hin taane hin jiru, jabaannees, gadi jennees buluu yaallee dadhabnee'' jechuun dhaabbileen siyaasaa wal-hubatanii hojjechuu akka qaban dhaaman.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti eegaleen walqabatee ''nagaa jechuun nama nyaata, qabsoo nageenyaa jechuun nama nyaata'' jedhan.
Dhaaba haaraa ODA jedhu kan hundeessanii turan Obbo Sulxaan Qaasiim guutummaatti KFO'tti makamuu himuun dhaloonni haaraan kun jijjiirama KFO'tti dabalamee dhiiga haaraa itti maka jedhan.
''Guyyaa har'aa hooggansiifi miseensonni paartii ODA ifatti qabsoo Oromoo utubuudhaaf KFOtti makamuu keenya ni ibisna.''
'Araarri Oromiyaarraa eegaluu qaba'
Dura taa'aan KFO Proofeesar Mararaa Guddinaa waraanni Kaaba Itoophiyaatti dhalate mudachuu isaan dura yeroo mudateefi isaan boodas rakkoon sun karaa nagaa akka furamuuf yaadni dhiyeessaa turan boodatti dhiibamee waraanatti galamuu yaadatanii amma dubbii araaraa ka'uun gaarii ta'uu dubbatan.
Achumaan walqabsiisuunis murteen dhukaasa dhaabuu mootummaan Kaaba Itoophiyaatti labse Oromiyaa keessattis labsamuu akka qabu kaasaniiru.
''ijoollee Oromoo bosona jiranis haa injifatan, warri masaraa mootummaa keessa jiranis haa injifatan, garuu waraanni kun uummata Oromoo gatii guddaa kaffalchiisa... adaraa Waaqaa, warri dandeessan itti yaadaa jedhaati itti himaa. Saba Oromoo balleessitanii hin badiinaa, taphni kun nuun baasu."
Itti dabaluunis "Isuma Tigreef kennitan sana, warreen bosona Oromiyaa jiraniifis kennaa" jedhan Proofeesar Mararaan.
Bara bulchiinsa ADWUI mana hidhaa keessatti dararaa hedduu keessa kan darbeefi miilla isaa lamaanis dhabe obbo Kaffaayalaw Tafarraa waltajjii kanarratti argamee tokkummaan akka cumu dhaameera.
''Rakkoo bara dheeraaf turee ammallee adeemaa jiru furuuf amanamummaa fi tokkummaan'' cimuu qaba jedhe.
''Araarri Kaabarratti labsame Oromiyaatti hin labsamne, kun hunda keenyatti nutti dhagaahama. Maaliif jennaan kaleessa dhiigaa turre har'as dhiiguu maatii keenyaa dhagahuun nama rakkisa'' jechuun Oromiyaa keessatti nagaan akka ba'u gaafateera.
Bara dhufaa darbaa Oromiyaa keessatti lolli hin dhaabbanne kan jedhu obbo Kaffaayalaw, lolli kun akka dhaabatu dura Oromiyaarratti osoo xiyyeefatamee jedheera.
''Araarri jalqaba Oromiyaarraa, asii jalqabuu qaba jedheen yaada. Osoo araara buusuun barbaadamee jalqaba Oromiyaarraa labsamuu qaba sababni isaas saba guddaadha, lammaaffaa ammoo carraaduma as teenyee dubbachuuyyuu kan fide dhiiga ijoollee Oromooti. Kun dagatameera. Dogoggora.''
Oromoon amma du'a bareera kan jedhu obbo Kaffaalaw kun baayyee nama sodaachisa Du'a xiqqeessuufi hambisuu qabna, Oromiyaan nagaa argacuu qabdii jechuun dhaabaa fi uummata Oromoof dhaamsa qabu dabarse.
















