Siyaasa Oromoo: Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) keessatti tibbana maaltu uumame?

Madda suuraa, KFO
Tibbana Paartiin Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO)n, bakka lamatti qoodamaa jira jedhamuun miidiyaalee hawaasaa irratti namoota hedduun haasa'amaa ture.
Odeeffannoon kunis gaaffii fi deebii itti aanaa dura taa'aan paartii Koongirasii Federaalawaa Oromoo KFO Obbo Gabruu Gabramaariyaam gaazexaa biyya keessaa tokko waliin taasisanin walqabateeti.
BBCnis dhimmi kana adda baafachuuf jecha paarticha keessatti miseensaa fi hogganoota buleeyyii paartichaa Obbo Gabruu Gabramaariyaamii fi Obbo Xurunaa Gamtaa dubbiseera.
Itti gaafatamaa waajjira muummee paartichaa fi mieseensa koree hojii raawwachiiftuu kan ta'an Obbo Xurunaa Gamtaa, "miseensotuma koree keessaa namoonni tokko tokko yaadaa fi kaayyoo KFOn irratti hundaa'ee deemurraa hanga ta'e irraa goruu kan barbaadan, faayidaa dhuunfaaf jedhanii oduu adda addaa odeessan jiru" jedhu.
Dhaaba siyaasaa tokko keessa garaagarummaan yaadaa jiraachuu akka malu kan himan Obbo Xurunaan rakkoon dhaabicha mudatee ture ammatti babal'atee adeemaa akka hin jirre dubbatan.
"KFOn qoodamaa hin jiru, hin qoodamnes" jedhan Obbo Xurunaa Gamtaa BBC'tti kan himaniiru.
Gama biraatiin yaada isaanii BBC'f kan kennan Obbo Gabruu Gabramaariyaam, ibsi dhaabni isaanii torbee lama dura baase ejjennoo qabsoo karaa nagaa dhaabichi qabu kan faallessu, yeroosaa kan hin eegganne fi sirrii akka hin taane himan.
"Ani walgahii gaafa sanaarra hin jiru. Walgahii sanaan dura gaafa Roobiitti walgahii akka waaman gaafadhee osoo hin waamiin hafan. Adaamaa walgahiif wayitan adeemetti ibsi sun bahe. Ibsichi anaaf yeroosaa kan eeggate miti. Sirriis miti," jedhan.
Ibsi KFOn Sadaasa 24 baase maal hima?
Paartiin Koongirasii Federaalwaa Oromoo torbee lama dura ibsa qabxiilee jaha qabu baasen qaamoleen lolarra jiran dhukaasa akka dhaabaniifi namoonni sababa siyaasaan hidhaman akka hiikaman dabalatee mootummaan ce'umsaa hanga ji'oota 18 turu ijaaramee mariin akka eegalamu gaafate.
Haa ta'u malee Itti aanaa dura taa'aan paartichaa Obbo Gabruu Gabramaaram miidiyaa biyya keessaatti bahuun qabxii dhaabichi "mootummaan ce'umsaa yaa ijaaramu" jechuun kaase balaaleffatan.
Mootummaan ce'umsaa hundeeffamuu qaba kan jedhu "qabxii jijjiiramaa ijooti. "Kuni qaama olaanaan murteeffamuu qaba. Yaa'ii waliigalaatiin ta'uu baatullee yoo xiqqaate koree giddugaleessaan murtaa'uu qaba" jedhan Obbo Gabruun.
Haala siyaasaa biyyattiin yeroo ammaa itti argamtu keessatti dhaabichi yaada akkanaa kaasunsaa sirrii akka hintaane himan.
"Ejjennoon bu'uraa dhaaba keenyaa qabsoo karaa nagaati. Qabsoon karaa nagaa kun immoo mariidhaan waliigaltee biyyaalessaa ijaaruudha" kan jedhan Obbo Gabruun ibsi dhaabichi torbee lama dura baase garuu ejjennoo qabsoo karaa nagaa dhaabbichi qabu kan faallessu ta'uu dubbatu.
"Ibsichi koreen hoji raawwachiistuu manii guutee, irratti mari'atee kan murteessee 'haa bahu' jedhedha" kan jedhan itti gaafatamaan waajjira mummee Koongirasii Federaalawa Oromoo Obbo Xurunaa Gamtaa, dhaabichi ammallee qabsoo karaa nagaa duraan qabu bu'ureeffatee socho'aa akka jiru BBCti himaniiru.
KFOn qoodamaa jiraa?
Dhaaba siyaasaa tokko keessatti garaagarummaan yaadaa jiraachuu akka malu BBCti kan himan Obbo Xurunaa Gamtaa, "yeroo ammaa rakkoon sun babal'atee adeemaa hin jiru. Irratti mari'ataa jirra. Gara fulduraattis furmaata itti argamsiifna jennee amanaa jirra" jedhan.
Yeroo ammaattis "KFOn qoodamaa hin jiru, hin qoodamnes" jechuunis himan.
Garaagarummaan yaadaa akkanaa siyaasa keessa yeroo hunda kan jiru ta'uu kan himan Obbo Gabruu Gabramaariyaamis wanti tibbana uumames 'hooggansi KFO qoodamaa jira' jechuu kan dandeessisu miti jechuun BBCti himaniiru.
"Yaada kanarratti waliigaltee dhabuu jechuun iddoo lamatti qoodameera waan nama jechisiisuu miti" jedhan.
Dabalataan dhaabicharratti ololli oofamaa jiraachuu kan dubbatan Obbo Xurunaa Gamtaa, "kaayyoonsaa olola adda addaa gaggeessani hawaasa keenya keessatti KFO irratti jibba uumuudha" jedhan.
Koongirasiin Federaalawaa Oromoo A.L.I bara 2004 paartileen lama walitti makamuun hundeeffame.
Paartileen kun Waraaqsa Federaalistii Dimokiraatawaa Oromoo WFDO fi Koongirasii Uummata Oromoo KUO yemmuu ta'an paartileen lamaan namoota siyaasa gameeyyii of keessaa kan qaban turan.
KFOn yeroo ammaa dura taa'ummaa Proofeessar Mararaa Guddinaatin hoogganamaa jira.
Obbo Jawaar Mahaammadfi Obbo Hamzaa Adaana /Booranaa/ kunneen dhiyeenya paartichatti makamanfi yeroo ammaa hidhaarra jiranidha.
KFOn filannoon bara 2013 adeemsifame "adeemsi isaa sirrii miti, dhiibamnee keessaa baane" jechuun filannicharratti osoo hin hirmaatin hafuunsaa ni yaadatama.














