Shawaa Bahaa Fantaalleetti poolisoota federaalaa dabalatee milishoonni 26 hidhatootaan ajjeefaman

Konkolaataawwan Daandii qarqara dhaabbatanii jiran

Madda suuraa, Kereyu Press/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Sababa dhukaasaatiin daandiin guddichi Finfinnee-Jabuutii sa'aatiiwwaniif cufamee ture

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee naannoo Qorkee jedhamutti guyyaa Kibxataaa Bitootessa 29, 2022 haleellaa raawwatameen milishoonni godinichaa 26 ta'an ajjeefamanii, 15 kan ta'an ammoo madaahan. Jiraataan dubbifni kan ajjeefaman 27 ta'u jedhu.

Qaamni hidhateefi eenyummaan isaa ammatti adda hin baane milishoota gareen socho'aa turan irratti dhukaasa banee miidhaan qaqqabeera jedhan bulchaan godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo.

''Qaama hin beekamne kan hidhatee jirutu milishaa keenyarratti tarkaanfii fudhate...milishaan hojiidhumaaf baheeti gamtaadhaan hogguu deebi'u qaamni hidhatee qophaayee jiru kun rukute. Kana keessatti namni 15 ta'u madaaheera, hanga ammaa namni 18 ta'u kan du'e jira'' jedhan.

Hoogganaan qajeelcha Poolisii Godina Shaawaa Bahaa komaandar Eebbisaa Asaffaammoo hoogganaa milishootaa dabalatee milishoonni 26 ajjeefamaniiru jechuun OBN'tti himaniiru

Milishoota madaahan keessa kan miidhamni isaanii jabaa ta'e akka jiraniifi ammaaf yaala argachaa akka jiran Obbo Abbaabbuun BBCtti himaniiru.

''Humni haleellaa raawwate humna ijaaramee gurmaaye fakkaata, meeshaa hammeenya qabuun rukutaa turani'' jedhu.

Eenyummaa qaama haleellaa raawwate kanaa ammatti akka adda hin baafne himan Obbo Abbaabbuun.

Gama naannoo Amaaraan bulchaan aanaa Minjaar Shankooraa Obbo Taaddesee Boosat, Aanaa Minjaar Shankooraa iddoo Awuraa Godaanaa jedhamutti haleellaa Kibxata sa'aa booda raawwatameen lubbuu namaafi qabeenyarra miidhaan guddaan qaqqabuu ibsaniiru.

Haleellaan kun qaamolee ''farreen nageenyaati'' jedhaniin raawwatamuu malee qaama kanaan raawwatame hin jenne.

Qaamoleen hidhatan kun meeshaalee waraanaa garee fi dhuunfaa gurguddaa hidhachuu isaanii ibsi waajjirri Komunikeeshinii Aanaa Minjaar Shankooraa fuula feesbuukii isaarratti baase ni hima.

''Tarii qaamoleen farra nageenyaaa eenyummaan isaanii adda hin baane kun itti karoorsanii naannicha mancaasuun jiraattota buqqisuuf kan bahan ta'uu tilmaamuun ni danda'ama'' jedhan.

Lakkoofsa namoota miidhamanii garuu aanga'aan aanaa Minjaar Shankoraa kun hin dubbanne. Rakkoo naannoo daangaatti mudatu kana mariin haala waaraa ta'een furuuf akka hojjetamu himaniiru.

Aanga'oonni lamaan bakka haleellaan itti raawwate, argama isaa fi moggaasa gara garaa fayyadamuun ibsan.

Obbo Abbaabbuun Aanaa Fantaallee iddoo Qorkee jedhamtutti haleellaan kun akka raawwate yoo himan, Obbo Taaddeseen ammoo Aanaa Minjaar Shankooraa iddoo Awuraa Godaanaa jedhamtu jechuun himan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa maal jedhe?

Biiroon Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ibsa Roobii galgala baaseen "humni finxaaleyyii Minjaar keessa socho'u miliishaa ummataa Naannoo Oromiyaafi Poolisii Federaalaa daandii imalaa jiran irratti haleellaa raawwatan gaaga'amni qaqqabeera" jedhe.

"...taatee suukanneessaafi jibbisiisaa... humnoota finxaaleyyii ummattoota obbolaa Amaaraafi Oromoo walitti buusuuf tirtiranii.." raawwatame jechuunis ibse.

Lakkoofsa namoota du'anii ilaalchisee ibsichi waan jedhe hin qabu.

Badii gaheen gaddi guddaan itti dhagaahamuu ibsee, "mootummaan Naannoo Oromiyaa tarkaanfii madaalawaafi seera-qabeessa ta'e fudhachuuf qaama dhimmi ilaallatu hunda waliin hojjechaa jira" jedhe.

"Finxaaleyyii gocha gara-jabinaa kana raawwatan sakatta'anii adda baasuudhaan seeratti dhiyeessuufi itti gaafatamummaa hordofsiisuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsina" jedhi ibsi kun.

1px transparent line

Haleellaan kun Kibxata sa'aa booda daandii guddaa Finfinnee fi Jabuutii wal qunnamsiisu irratti raawwatamuufi kanarraa kan ka'ees daandichi sa'aatiwwaniif cufamee akka ture bulchaan godina Shawaa Baahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo himaniiru.

Amma ''poolisiin federaalaafi Raayyaan Ittisa Biyyaa galee oppireeshinii gaggeessaa jira'' kan jedhan aanga'aan kun qaamoleen nageenyaa dabalataan bobbaafamanii nageenya naannichaa tasgabbeessuun daandiin cufamee tures banamuu himaniiru.

''Raayyaan ittisa biyyaa erga galee daandiin banameera'' jedhan.

Guyyoota itti aaananitti ''qaamni kun eenyu, eessaa dhufe? kan jedhu ni qulqullaa'a'' kan jedhan aanga'aan kun daangaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti qaamni hidhatee socho'u kan warra ''finxaaleyyii Amaaraa ijaaramanii walitti bu'iinsa sabaa uumuu barbaadaniidha'' jedhanii akka shakkan himaniiru.

Gama saniinis warri du'an akka jiran Obbo Abbaabbuun himaniiru.

Milishoota godinichaa 100 ta'an meeshaa waraanaa hidhatanii bobbiirra turan keessaa 18 yoo ajjeefaman, isaaniis dhukaasa ofirraa qolachuuf bananiin hidhattoota lakkoofsi isaanii ammatti adda hin baane ajjeesaniiru jedhan aang'aan kun.

Milishoota godinichaa waliin kan socho'aa turan miseensonni poolisii federaalaa sadii warra ajjeefaman keessa akka jiranis mirkaneessaniiru.

''Meeshaan milishoonni keenya qabatan kanaafi mitii kaaniifis gahaa ture'' jedhanii, miidhaan hanga kanaa kan dhaqqabeef "hidhattootni dursa qophaayanii bakka qabatanii eeggachuu hin oolle jennee shakkina" jedhan.

Sababni haleellaan kun raawwateef maal akka ta'e hin barree kan jedhan Obbo Abbaabbuun shakkiin isaanii ''saamicha daandii fi dhimma daangaa lafaa'' ta'uu danda'a kan jedhuudha.

Jiraataan naannichaa wanna ta'e arganiifi dhagahan gara naannoo sa'aa sagalii dhukaasni jalqabaa dhagahaamuu fi sana booda milishaan naannichaa humna dabalataa fe'ee deeggarsaaf yeroo socho'uu arguu BBC'tti himaniiru.

Warri haleellaa kana raawwate jalqaba iddoo qabatee konkolaataa haleeluun achii booda walitti dhukaasuun akka ture himaniiru.

Waraanni kun hanga galgala sa'aa 12 itti fufee milishaan gama Oromiyaan jiru waraana yeroo dhaabu dhukaasni dhaabachuu jiraataan kun himaniiru.

Ganama kanas humni federaalaa bobbaafamuu fi waan bulchaan godinichaa jedhaniin addatti lakkoofsi milishoota haleellaa kanaan ajjeefamanii 27 ta'uu jiraataan kun himaniiru.

Daangaa naannoon Oromiyaa gama Shawaa bahaan naannoo Amaaraa waliin qooddattu irratti walitti bu'iinsi daangaa lafaa irratti xiyyeefate irra deddeebiin jiraattota daangaarra jiran gidduutti yeroo raawwatamu ni dhagaahama.

Haata'u malee haleellaan qaama hidhateen qaama nageenyaa naannoo isa biraarratti raawwatamuu akka kanaa waan hin baratamne ta'uu Obbo Abbaabbuun himaniiru.

Godina Shawaa Bahaa keessa yeroo dhiyoon as walitti bu'iinsaa fi haleellaawwan raawwatamaniin lubbuun namoota hedduu darbaa akka jiru gabaasama jira.

Baatilee muraasa dura Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas dabalatee namoonni 14 humnoota mootummaan ajjeefamuun ni yaadatama.

Torbanoota dura ammoo naannoo aanaa Fantaalleetti dhukaasa dhalateen ijoolleen tapharra jirtu saddeet kan ajjeefaman yoo ta'u, sababni ajjeechaa kanaa "dhimma dhuunfaafi ABO-Shaneen walqabata" jedhan Obbo Abbaabbuun.

Torbanoota dura akkasuma godinuma kana Adaamii Tulluu magaalaa Bulbulaatti eebba milishootaa irratti boombiin dhoyee namootni afur ajjeefamanii turan.