’Lubbuu kiyyaaf sodaadhee ergan manaa bahee amma waggaa sadii taheera’ - Abbaa Gadaa Jiloo Maondhoo

Abbaa Gadaa Jiloo Mandhoo

Madda suuraa, Marsaalee Hawaasaa

Walitti Qabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoofi Abbaan Gadaa Gujii Jiloo Maandhoo qe'ee isaanii irratti haleellaan raawwatuu BBC’tti himan.

Roobii Kamisatti bari’u halkan keessaa sa’aatii torbatti haleellaan raawwachuufi waan mana keessa hin turreef irraa hafuu himan.

Haadha warraasaanii dabalatee miseensonni maatii yeroo haleellaan qaqqabu mana turan irrattis miidhaan akka hin qaqqabne dubbataniiru.

Haleellaa kanaaf hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO-Shanee jedhuun himatan.

Haata'u malee Dubbii Himaan WBO, Odaa Tarbii himannaa kanarratti deebii barreeffamaan BBC’f kennaniin, himannichi dhara jedhaniiru.

Hidhattoonni kunneen, ‘’lakkoofsa isaanii hin beeku motora afuriin dhufanii manatti dhukaasa banan, mucaa kiyya guddaa mana tures meeshaa harkaa qaba, innis itti dhukaasee, isaanis itti dhukaasaa turan.

''Rasaasa 47 dhukaasanii mana caccabsanii, buna kuntaalaan mana keessa ture mancaasani malee namnii fi horiin homaa hin taane,’’ jedhan.

Dhumarratti, ’’akka mallattoo agarsiisuutti fiishkaa afuufanii gadhiisanii deeman,’’ meeqa akka tahan namuu lubbuuf sodaatee hin argine jedhan.

Abbaan Gadaa Jiloo hidhattoonni kunneen maaliif isaanirratti akka xiyyeeffatan gaafa himan: ’’Isaan durumaayyuu natti qiyyaafatanii, natti bibilanii, 'Waraana Adda Bilisummaa Oromoo galaa jettee yeroo baay'ee kan bittinsu si’i' naan jedhan.

Waraana 600 tahu galchitee meeshaa irraa dhaalteetta, hamma meeshaa san fiddutti lubbuu kee ijibbaadhu jechuun yeroo hunda natti bilbilu, torbee kanallee dhufnee si jalaan baanerra jechuun na doorsisaniiru,’’ jedhu.

Abbaan Gadaa kun lubbuuf akka sodaatan himuun, ‘’waggaa sadii dura manaa baqadhee magaalaa keessa kireeffadhee bula,’’ jechuun BBCtti dubbataniiru.

Sababa kanaan mana isaanii baadiyyaa jiru akka hin deemne, cidha ilma isaanii akka hin hirmaanneefi taaziyaallee akka hin deemne ibsan.

Haala godina keessa jiru

Yeroo ammaa haalli nageenyaa naannoo Gujii akkami jechuun gaaffi gaafatamaniif, ‘’Gujii nagaa hin qabu,’’ jechuun deebisaniiru.

‘’Godina Gujii Lixaa aanolee 11 keessaa aanaa tokko ala kaan gabroomfatanii qaraxa kaffalchiisaa, gara namoota 2,000 ajjeesanii jiranii waggaa sadii as nagaan hin jiru,’’ jedhan

Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo ‘’mootummaa qofa deeggaru’’ jedhamuun komii irratti ka’uufis deebii kennaniiru.

‘’Ani Abbaa Gadaa Oromooti malee kan mootummaa qofa miti,’’ jedhan.

Hidhattootas, ’’kaambii isaanii deemee nagaa buusaa jedhee kadhadheera, afaan meeshaatiin malee hin araaramnu jedhan malee kan akka kiyya waa’ee nagaa labse hin jiru,’’ jechuun himu Abbaan Gadaa kun.

‘’Mootummaa kanaafi isaaniin walitti harkisee araarsuu waan fedhuuf na jibban malee ani gama tokkoon hin jiru,’’ jedhaniiru.

Waggoota darban hidhattoonni akka jireenya guyyuutti deebi'an abbootiin Gadaa sochii taasisaa turan.

Hidhattoonni gama Lixaafi Kibba Oromiyaa socho’an wantoota sukanneessaa dabalatee badiiwwan garagaraan himatamu. Isaan garuu kana ni waakkatu.

Kana dura Abbaa Gadaa Boranaa Kuraa Jaarsoofi kan Gujii Jiloo Maandhoo ‘'Shaneen nyaapha yookaan diina Oromooti’’ jechuun labsuun ni yaadatama.

Dubbii himaa WBO/ABO maal jedhan?

Himannaa mana Abbaa Gadaa Jiloo irratti miseensoota Waraana Bilisummaa Oromootiin haleellaan raawwatame jedhuurratti yaadasaanii kan gaafataman Dubbii Himaan WBO Obbo Odaa Tarii, ''himannaan humnootii keenyaarratti dhiyaate dharadha,'' jechuun deebii kennan.

''Waraanni Bilisummaa Oromoo sirna Gadaa akka bu'ura Oromummaatti waan ilaaluuf ni kabaja,'' jedhan.

Itti dabalunis, Obbo Odaan ''siriiiyyuu waan kana dura Karrayyuu irratti raawwatamee irraa ka'uun tarii qaamoolee biraatuu gochaa kana duuba jira ta'a jennee amanna,'' jedhaniiru.

Ajjeechaa fi badiiwwan yeroo garaa garaatti Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti mudataniif motummaan WBO himatulleen, garichi garuu himannaawwan kanneen hin fudhatu.