Naannoo Amaaraa: Waldiyaatti Raayyaa Ittisaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti maaltu uumame?

Madda suuraa, Komunikeeshinii Waldiyaa
Dilbata Eebla 10, 2022 Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kaabaa magaalaa Waldiyaa fi naannawa magaalattiitti walitti bu’iinsa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi hidhattoota Faannoo ofiin jedhan jidduutti uumameen lubbuun namaa darbuu aanga'oonni himan.
Hogganaan nageenyaa Godina Walloo Kaabaa koloneel Haayilamaariyaam Ambaayee BBCtti akka himanitti walitti bu’iinsi Raayyaa Ittisa Biyyaa fi hidhattoota Faannoo jidduutti uumame, "keellaarratti sakatta’amaa, hin sakatta’amnu" sababa jedhuuni.
"Olola feesbuukirratti hafarfamuun, hoggaansi keenya hidhameera jechuun hidhattoonni Faannoo iddoo birootii dhufan dhukaasa banan" jedhu aanga'aan kun.
Sababa kanaan qaamolee lamaan jidduu walitti dhukaasuun akka ture kan himan Koloneel Haayilamaariyaam, "taatullee walitti bu’iinsa sana otoo yeroo dheeraaf hin turiin dhaabuun danda’ameera" jedhan.
Itti-gaafatamaan kominikeeshinii godina Walloo Kaabaa Obbo Habtamaariyaam Asaffaa BBCtti akka himanitti walitti bu'iinsi jalqaba kan uumame iddoowwan Gobbiyyee fi Roobiit jedhamanittidha.
Walitti bu’iinsi kan uumame hogganaan Faannoo hidhameera jedhamuu hordofee, hidhattoonni Faannoo naannicha jiran wayita dhufan, raayyaan ittisaa tasgabbeessuuf yaalaa osoo jiruu ta'uu himu Obbo Habtamaariyaam.
Obbo Habtamaariyaam akka jedhanitti taanaan iddoowwan lachuutti walitti bu’iinsa tureen miidhaan namarra qaqqabe hin jiru.
Haata'u malee Dilbata halkan walitti bu’iinsa magaalaa Waldiyaatti ka’een hidhataa tokko dabalatee lubbuun nama nagaa tokkoo darbuu BBCtti himaniiru.
Hogganaan nageenyaa godina Kaaba Walloo koloneel Haayilamariyaam gama isaaniin, dhukaasa magaalaa Waldiyaa keessa tureen namoonni miidhaman jiraachuu eeruun, miidhaa dhaaqqabe garuu fuulduratti qulqulleessanii akka ibsan dubbatan.
Jiraataan magaalaa Waldiyaa maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan tokko akka jedhanitti, Dilbata halkan naannoo sa’aatii 1tti dhukaasni meeshaalee gurguddoo magaalattii keessatti dhaga’amaa ture.
Sababii kanaan lubbuun nama nagaa tokkoo darbuu fi sirni awwaalcha isaas bulee Wixata raawwatamuu himaniiru.
"Magaalicha keessa gamoo hidhattoonni Faannoo keessa jiraatanirratti walitti dhukaasaa turan, miidhaan hangamii akka dhaqqabe hin argine. Qeesiin tokko du’aniiru, karaa sana otoo darbanii rukutaman, isaan awwaalleerra," jedhan jiraataan kun.

Dhukaasni dhagaa’amaa ture otoo baay'ee hin turiin dhaabachuu kan himan jiraataan kun, maddi walitti bu’iinsa isaanii maal akka ta’e akka hin beekne dubbatu.
Wixata kaleessaa garuu Waldiyaa, Roobit fi Gobbiyyeen nagaa akka qaban jiraataan kun himaniiru.
Walitti bu'iinsi qaamolee lamaan jidduutti uumamee ture jaarsummaan furmaata akka argate aanga'oonni godinichaa BBCtti himaniiru.
"Humnoota maqaa Faannootiin socho’aniifi diina qolachuuf, akkasumas ergamtoota adda baasuuf caaseffamni garaa garaa diriirfameera" kan jedhan Obbo Habtamaariyaam, "isa qulqulleessuuf hojiin eegalame waan tureef, carraa kanatti gargaaramuun humnoonni muraasni hojii isaanii nurratti raawwatan" jedhu.
"Raayyaa Ittisaa fi Faannoon addaan bahuu oduun odeeffamu dhara," jedhan Obbo Habtamaariyaam.
"Faannoon hirkoo Raayyaa Ittisaa keenyaati, Raayyaan Ittisaas reeshiniis, meeshaas deeggarsaan faannoof dhiyeessa," jechuun waldhabbiin ture mariin furamuu dubbataniiru.

Faannoon gurmuu dargaggootaa waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti Raayyaa Ittisaa fi Humna Addaa naannoo Amaaraa walin hiriiruun finciltoota Tigraay akka lolaniif mootummaan naannichaa leenjisee hidhachiisaa turedha.
Sarbama mirgoota namoomaa Naannoo Tigraay keessatti raawwatamaniin walqabatee humnoota mootummaan waliin maqaan kan dhahamu humni kun, finciltoonni Tigraay naannoo Amaaraa keessaa guutummaatti bahuun booda mootummaa jalaa bahee addatti dargaggoota filachuun leenjisuu fi hidhachiisuu itti fufeera.
Aanga'ootni mootummaa Naannoo Oromiyaa 'humnoota fiinxaleeyyii' jechuun kan waaman hidhattoota Faannoo, haleellaa xumura ji'a darbee lubbuu milishoota 26 galaafateef itti gaafatamtoota taasisaniiru.
Mootummaan Naannoo Amaaraa baatilee muraasa dura Faannoo hidhannoo hiiksisuun wal-qabatee falmii miidiyaa hawaasaa irratti ka'eef deebii yoo kennu, mootummaan naannichaa Faannoo hidhachiisuu fi caalaatti cimsuu malee hidhannoo hiiksisuu yaada akka hin qabne himee ture.













