'Caasaawwan akka Faannoo Lixa Tigraay keessaa bahuu qabu' - Amnastii

Gabaasni dhaabbilee lamaa kunis miseensoonni humna Addaa Naannoo Amaaraa dargaggoota Tigraay gara 60tti siqan riqicha Takazee bira geessuun ajjeessaniiru jedhan

Madda suuraa, John Holmes for Human Rights Watch and Amnesty Int

Ibsa waa'ee suuraa, Gabaasni dhaabbilee lamaa kunis miseensoonni humna Addaa Naannoo Amaaraa dargaggoota Tigraay gara 60tti siqan riqicha Takazee bira geessuun ajjeessaniiru jedhan

Obbo Fisahaa taklee Dhaabbata Amanastii Intarnaashinaal kan Afriikaa Bahaatti qorataadha. Dhaabbanni isaanii dhaabbata Humaan Raayitis Woch waliin ta'uun gabaasni har'a ifa taasiseefi kan lixa Tigraay irratti xiyyeeffatu ilaalchisuun BBC waliin turtii taasisaniiru.

BBC: Gareewwanis ta'anii namoonni dhuunfaa humnootii Tigraayiifi naannoo Tigraay adda addaa irratti xiyyeeffachuun hojii rogeessummaa hojjatan, kan lixa Tigraayiitti raawwatame gochaa duguggaa sanyiitii (Genocide) malee saba tokko lafarraa balleesuu (ethnic cleansing) miti yoo jedhan dhagahamu. Gabaasni keessan ammoo gocha saba tokko dhabamsiisuutu raawwatame jedheera. Yaada dhumaa kanarra attamiin geessan?

Obbo Fissahaa፡ Himannaan gocha duguuggaa sanyii kun waraana kaaba Itoophiyaa keessatti bal'inaan ka'a. Haata'u malee nuti gabaasa keenya kan qopheessinu ragaalee walitti qabne irratti hundaa'uun. Ragaan gabaasa kanaan walitti qabne akka agariisuutti naannicha saba tokkoo irraa bilisa gochuu malee duguggaa sanyii jiraachusaatiin ragaan agarsiisuu hin jiru.

Haata'u malees kana jechuun ammoo, gutummaa guutuutti gochi akkasiin hin jiru jechuu osoo hin taane, osoo eddoo adda baasuun qorannoon kan gaggeeffame ta'ee wanti sadarkaa sana irra gahu argamuu danda'a ta'a. Garuu nuti dubbachuu kan dandeenyu haaluma ragaa arganneetiin qofadha. Haalli kun hin raawwatamne jechuun mirkanneessuu osoo hin taane, ragaa irratti hundaa'uun yakkoonni raawwataman naannicha sanyii tokko irraa qulleessuudha kan jenne. Kana jechuun garuu yakkoonni raawwataman salphaadha jechuu miti.

Duguggaa sanyii yoo ilaalluu ammoo, addunyaarratti yakka olaanaa fakkaata. Haata'u malee yakka idil-addunyaa irratti yakki wal caalsiifamu hin jiru. Yakka idil-addunyaa irra kan kaa'aman yakkoota afur. Yakka namoomaa irratti raawwatamu, yakka waraanaa, duguggaa sanyiifi weerara. Isaan kunneenis yakka cimaa waan ta'aniif asi keessatti hammataman, tokko tokkoorra hin jirus.

Duguggaan sanyii yakkawwan namoomaa irratti raawwataman keessatti kan hammatamu yoo ta'u, yakkiiwwan kunneen hundi kan duguggaa sanyii waliin xiyyeeffannaan wal qixa ta'e kennamuufiidha.

BBC፡ Gabaasa keessan keessatti deeggartoota idil-addunyaa kan jettan Eertiraa qofaadha moo ykn biyyoonni biraas hirmaatanii agartanii jirtu? Gama xila Tigraay ilaaluun jechuu kooti?

Obbo Fissahaa፡ Loltoota Eertiraatiin alatti biyyoonni qaamaan eddichatti argamuun hirmaannaa qabu jennu hin jiru. Miseensoonni raayyaa Eertiraa jalqaba waraanichaatii kaasee loltoota Itoophiyaa waliin ta'uun lolaa turan. Keessattuu haleellaawwan meeshaa gurguddaatiin wal qabtee naannoo bulchiinsa Eertiraa Omhaajaar jedhamuun beekamu irraa haleellaa raawwataa akka turan ni beekama. Naannoolee biraa keessas galuun sarbana mirgaa irratti hirmaachuun isaanii ni yaadtama. Kanaafuu gabaasa kanaan jechuu kan barbaadne loltoota Ertiraati.

BBC፡ Gabaasa keessaniin motummaan caasaawwan al-idilee akka diiguuf gaafattanii jiru. Waraanichi ammatti gama lamaaniinuu sadarkaan irratti argamu ni beekama. Ittigaafatamummaan isaanii akka mirkannaa'uuf gaafachuun keessan akkuma jiruutti ta'ee, caasaalee akka Faannoo jiran haa diigaman jechuun yaadni gorsaa dhiyaate hangam hojiirra oolfamuu danda'a?

Obbo Fisihaa: Yaadni gorsaa akkanaa kunis kan yeroo baayyee kennaman ykn ejjannoon irratti fudhatamu miti. Kan haala salphaadhaan irra gahamus miti. Haata'u malee haala jiruu fi sarbama mirgaa caasaawwan milishaa akka Faannoo jiran raawwatan irraa ka'uun, naannawan lixa Tigraayiitti argaman keessattuu dhalattoonni Tigraay hidhaarratti argaman, humnootiin kunneen achi turuunsaanii balaa olaanaa qabaata.

Humnootiin kunneen naanniicha keessaa bahuu qabu. Sarbamawwan mirgaa naannoolee biraatti raawwatan waan beeknuufi balaa olaanaa waan qabaatu jechadha hidhannoosaanii hiikkachuun akka bittinnaa'an kan jenne.

BBC፡ Yaadi kan biraan ammoo kan hin baratamnee fi akkaan ulfaataadha, humni nageenya kabachiisu yaa seenu kan jedhuudha. Isin yaada kana fudhattanii, nagaa kabachiistonni akka seenaniif jaarmiyaa dhimma ilaalutti dhiyeessitaniittuu?

Obbo Fissahaa: Yaadni nuti jalqabarratti qabannee socho'aa jirru haaraan, humni nagaa eegsisu yaa seenu kan jedhuudha. Kun garuu waliigaltee gama lamaaniin akka sumas hooggansa gamtaa Afrikaan ta'uu qaba jenna. Kana kan jennuuf haala lixa Tigraay jiru waan hubanneefi. Naannoo yeroo dheeraaf gama lamaanuu irratti walfalmaa turaniidha. Rakkoo yeroo dheeraaf ture booda waraanni kun dhalate, waraana kana hordofee ammoo dhibdee hamaatu uumamaa jira.

Kanaafuu rakkoon lixa Tigraay salphaatti furama jennee hin yaadnu. Kunimmoo hawaasa gama lamaanuu naannawa kana jiraatan rakkoo hamaaf saaxileera.

Rakkoon kun hanga furmaata argatutti eeguun aarsaa hin taaneef waan nama saaxiluuf, lammiilee nagaa eeguuf qaamni nageenya eegsisu naannawa kana qubachuu qaba.Haala qabatamaa jiru ilaalcha keessa galchuun yaada dhiyeessineedha.

Dhimma kanarratti Gamtaa Afrikaas ta'e, Dhaabati Biyyoota Gamtoomanii tarkaanfiin fudhatan tokkollee hin jiru. Argannoo gabaasa keenya keessatti eerree fi haala yaaddessaa jiru irraa ka'uun jaarmiyaaleen kunneen akka itti yaadaniif yaada kana dhiyeessine. Gabaasa keenya jaarmiyaalee kunneeniif dhiyeesuun alatti qaamaanis argamnee waliin ni mari'anna jennee karoorsineerra.

BBC፡ Gaaffiin lafaa lixa Tigraayitti ka'u kutaalee biyyattii biroo waraannii keessa hin jirretti wayita ka'us ni dhageenya. Naannoo kanatti waggoota kurna sadan darbaniif gaaffiin eenyummaa ka'aa kan turee fi yeroo ammaa naannawa kana kan bulchan hanga mana maree federeeshiniitti gaaffii kana dhiyeessaniiru. Goolamni naannoo Tigraay kun rakkoo walfakkaataa kutaalee Itoophiyaa biroo keessatti mudataa jiruuf barumsa akkamii kenna jettu?

Obbo Fissahaa: Itoophiyaa keessatti erga heerri mootummaa amma hojiirra jiru ragga'ee fi daangaan bulchiinsaa daanga'ee jalqabee gaaffileen eenyummaa fi lafaan walqabatan hedduun ni ka'u.

Dhimmi lixa Tigraay dhiyeenya ijoo dubbii ta'us, bakkeewwan hedduutti rakkoon walfakkaataan ka'aa jira.

Walitti bu'iinsi Afaar fi Somaalee, Naannoo Sidaamaa hundeessuu keessatti lubbuun nama hedduu gaaga'amuu, Walaayitaa akkasumas Gujii keessatti rakkoowwan ka'an Kanaan walfakkaatu.

Wayita gaafiiwwan ka'aniitti deebiin hin kennamneef. Gama heera motummaanis ta'e karaa biraatiin furmanni waaraa hin argamneef. Sirriiyyuu qaamoota gaaffiiwwan kanneen mana mare federeshiniifi haala adda adaaatiin kaasan haala adda addaatiin hidhuufi ajjeessuun gaafficha ukkaamsuuf yaalamaa ture.

Lixa Tigraayiirrattis akkumantti kan ture. Gaaffii waggoota 30 ol tureedha. Gaaffiin sun garuu mana maree federeshiniitiin kan gaafatanis akkasumas kanneen karaa hiriira nagaatiin gaafachuuf hiriiranis yoo ajjeefaman kan hubanne.

Bara 2016tti Gondar irratti namoonni baayyeen ajjeefamusaanii ni yaadanna. Bara 2019tti Amanastiin Gondar irratti gaaffiifi deebii taasisee ture.

Naannoolee Walqaa'iitii namoota eddoowwan akka Daanshaa, Maayikaayidiraa, Diiviishinii, Humaraa, Adi Gush irraa dubbifneera. Gabaasa kana keessatti hammanneerras. Namoonni kunneenis gaffii kana gaafachu isaanii qofaaf kan hidhamaa, dararamaafi mana saanii irraa buqqaafamaa jiraachu turan. Muziiqaa Amaariiffaa haalli itti dhaggeeffachuun rakkisaa ture fa'I akka turedha kan beeknu.

Qorannoon lixa Tigraay irratti hojjannee sirriitti kan mul'isuus gaaffiileen kunneen deebii argachu akka qaban, yoo ta'u baate garuu boombii kiyyeeffame akka ta'e fi dhoka'unsaa akka hin hafneef agariiftuudha.

Mootummaan gaaffiiwwan kanneeniif haalaan deebii kennuu qabaata. Yaaliiwwan gama mootummaatiin taasifamanis gabaasa keenya keessatti kaafneerra. Fakkeenyaaf komishinii rakkoolee bulchiinsa daangaa akka hiikamuuf ijaarame naannoon Tigraay hin fudhanne ture.