'Faannoodha kan jedhame sirrii miti' - bulchaa Minjaar Shankooraa

Konkolaataawwan Daandii qarqara dhaabbatanii jiran

Madda suuraa, Kereyu Press/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Sababa dhukaasaatiin daandiin guddichi Finfinnee-Jabuutii sa'aatiiwwaniif cufamee ture

Naannoo Amaaraa Godina Kaaba Shawaatti bulchaan Aanaa Minjaar Shankooraa haleellaa iddoo Qorkee/Awuraagodaanaa jedhamutti lubbuu namoota hedduu galaafate kan eegale milishoota Naannoo Oromiyaa Aanaa Fantaallee irraa dhufanidha jedhan.

Kibxataaa darbe Bitootessa 29, 2022 haleellaa raawwatameen poolisoota federaalaa sadi dabalatee milishoonni naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa 26 yoo ajjeefaman, 15 kan ta'an ammoo madaahuu bulchiinsi godinichaa beeksiseera.

Iddoon haleellaan itti raawwate daangaa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa irratti kan argamtu yoo ta'u, aanga'oonni Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee jalatti akka argamtu yoo ibsan kan naannoo Amaaraa ammoo Aanaa Minjaar Shankooraa jala jirti jedhu.

Mootummaan naannoo Oromiyaa ibsa Roobii galgala baaseen "humni finxaaleyyii Minjaar keessa socho'u milishaa ummataa Naannoo Oromiyaafi Poolisii Federaalaa daandii imalaa jiran irratti haleellaa raawwatanii gaaga'amni qaqqabeera," jedhe.

Naannoo Oromiyaatti bulchaan Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo qaamni haleellaa raawwate humnoota fiinxaleeyyii Amaaraa Faannoo jechuun of waamanidha jedhan.

''Humni haleellaa raawwate humna ijaaramee gurmaaye fakkaata, meeshaa hammeenya qabuun rukutaa turani'' jedhu Obbo Abbaabbuun.

Haata'u malee Naannoo Amaaraa Godina Kaaba Shawaatti bulchaan Aanaa Minjaar Shankooraa Obbo Taaddasaa Boosat "inni dogoggoradha" jedhu.

"Naannawa san humni ijaarame kamuu hin jiru. Faannoos kan jedhame sirrii miti. Faannoon naannawa magaalaa malee iddoo fagoo akka kanaa hin jiru. Kanaaf dogoggoradha" jedhan Obbo Taaddasaan.

"Miidhaa kan geessise nama keenya miti, nama keenyarra miidhaan gahe" jedhan Obbo Taaddasaan.

Akka aanga'aan kun jedhanitti milishoonni Oromiyaa Aanaa Fantaallee irraa dhufan haleellaa raawwatan ofirraa qolachuuf tarkaanfii jiraattonni naannichaa caasaan nageenyaa fudhataniin lubbuun namaa darbe.

Milishoonni naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee irraa ka'uun kallattii Adaamaatti imalaa turan magaalaa xiqqoo Qorkee/Awuraagodaanaa jedhamtu kana yoo gahan nama arrabsaa akka turanii fi meeshaas namarraa hiikuuf yaalii godhanii darbanii deeman jedhu aanga'aan kun.

Kana jiraattonni poolisii federaalaa naannicha eeguuf achi buufatee turetti gabaasanii akka turanillee dubbatu.

Milishoonni kun sa'aatii tokko booda humna dabalatanii akka deebi'an kan himan aanga'aan kun poolisoonni federaalaa dhaabsisanii eenyummaa isaanii gaafannaan poolisii federaalaa tokko itti dhukaasanii ajjeesuun gara magaalattii seenan jedhan.

San booda meeshaa waraanaa gurguddaa dhukaasuun nama ajjeesuu fi madeessuu itti fufan jedhan.

"Miseensonni milishaa keenya naannawa san turaniiru, humna milishaan alatti ammoo nuuf dhaqqabaa jedhee uummanni gaaf iyyatu humni nageenyaa keenya naannawa san ture birmatee uummatarraa qolatee jira" jedhan.

Akka Obbo Taaddasaan jedhanitti milishoonni naannoo Oromiyaa 20 ol kan ajjeefaman tarkaanfii ofirraa qolannaa uummatni naannawa sanii, milishaa fi qaamni nageenyaa birmatee dhufe fudhateeni.

Akka isaan jedhanitti poolisoota federaalaas itti dhukaasuun kan ajjeese milishaa naannoo Oromiyaa Aanaa Fantaallee irraa dhaqedha.

Kun wanta mootummaan Naannoo Oromiyaa fi bulchiinsi godina Shawaa Bahaa jedhuun wal faallessa.

"Humni finxaaleyyii Minjaar keessa socho'u milishaa ummataa Naannoo Oromiyaafi poolisii federaalaa daandii imalaa jiran irratti haleellaa raawwatan" jedhe ibsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa.

Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa Obbo Abbaabbuu Waaqoos poolisoota federaalaa fi milishaa Oromiyaa nagaan socho'aa turan irratti tarkaanfiin fudhatame jedhu.

"Hidhattootni [haleellaa raawwatan] dursa qophaayanii bakka qabatanii eeggachuu hin oolle jennee shakkina" jedhan Obbo Abbaabbuun.

Bulchaan Aanaa Minjaar Shankooraa Obbo Taaddasaa Boosat garuu, "humna milishaa nagaan socho'aa ture irratti haleellaan raawwatame kan jedhame sirrii miti" jedhan.

Gama naannoo Amaaraan namoonni ajjeefamuu fi kanneen madaa'an yaala argachaa jiraachuu kan himan Obbo Taaddasaan, lakkoofsi namoota ajjeefamanii adda hin baane jedhan.