Jiillee Dhummuugaa: Walitti bu'iinsa lubbuu namoota 20 galaafate, aanga'oonni 'Shanee' fi 'Faannoo' himatu

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasaa/Facebook
Walitti bu'iinsa guyyoota darban Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo Aanaa Jiillee Dhummuugaa fi Godina Kaaba Shawaa Aanaa Efiraataa Gidim akkasumas aanaalee ollaa keessatti uumameen gama lamaaniinuu namoonni 20tti siqa ajjeefamuu aanga'onni himan.
Gama Aanaa Efiraataa fi Gidim irraa namoonni 9 ajjeefamuu fi 8 ammoo madaa'uu bulchaan Aanichaa Chirootaawu Baasaazzinawu BBCtti himaniiru.
Hoogganaan Kominikeeshinii aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Umar Aliyoo ammoo gama isaaniin yoo xiqqaate namoonni 10 ajjeefamuu, 40 kan caalan madaa'uu himan.
Bulchaan Aanaa Efiraataa fi Gidim haleellaa kanaaf hidhattoota 'Shanee' yoo himatan, aanga'aan Aanaa Jiillee Dhummuugaa ammoo hidhattoota 'Faannoo' ofiin jedhantu haleellaa kana raawwate jedhu.
Dilbata galgala Aanaa Efiraataa fi Gidim ganda Zangoo keessatti kan argamtu gooxii Molaalee jedhamtutti qonnaan bulaan tokko hidhattoota 'Shanee'tiin rasaasaan dhahamuu isaatiin lolli akka eegale himu Obbo Chirootaawu Baasaazzinawu.
Lolichi guyyaa itti aanus itti fufee lubbuu namaafi qabeenyarraa miidhaan guddaan gahuu himu.
Namoonni 9 yoo ajjeefaman, 8 madaa'uu akkasumas manneen 125 ta'an ibiddaan gubachuu, sababa kanaanis gandoota aanichaa gara garaa keessaa namootni 10,000 ol qe'ee isaaniirraa buqqa'uu dubbatu aanga'aan kun.
"Lolatu qabbanaa'e malee, jiraattonni manni isaanii jalaa gubateera, qabeenyi isaanii saamameera, maatiifi ijoollee isaanii gatanii kan wareegamanis jiru," jedhu Obbo Chirootaawu Roobii waaree BBCtti yoo dubbatan.
"Qonnaan bultoota keenyarratti lafa isaanii irratti weerarri raawwatame" jedhu aanga'aan kun.
Hoogganaan Kominikeeshinii aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Umar Aliyoo gama isaaniin "hidhattoonni Amaaraa Faannoo jedhaman qonnaan bultoota ofitti makuun Aanaa Efraataa Gidim karaa ganda Molaalee as cehuun ijoollee horii tiksitu qawweedhaan rukutan" jedhu akkaataa walitti bu'iinsi itti eegale yoo himan.
Dhukaasa sanaan mucaa tokko madeessanii loon irraa saamanii deeman kan jedhan Obbo Umar, ''kanaan duras ijoollee laga Nageessoo jedhamurratti horii bishaan obaasan fi qonnaan bultoota naannawa sanaarratti doorsisii fi haleellaan raawwataa ture,'' jedhu.
Obbo Umar akka jedhanitti lola kanaan gandoota Muxxee Facaa, Xuquree Wadaawoo fi Wasan Qurqur keessaa yoo xiqqaate namoonni 3,000 ta'an buqqa'uu fi yoo xiqqaate namoonni 10 ajjeefamanii, 40 kan caalan ammoo madaa'aniiru.
'Shanee' fi 'Faannoo'
Lolli kun akka hin babal'anneef bulchiinsa Aanaa Efraataa Gidim waliin dubbatanillee, qaamni faannoo jedhamu hooggansa naannichaaf waan hin bitamneef cabsee darbee haleellaa itti fufe jedhu Obbo Umar.
Bulchaan Aanaa Efiraataa fi Gidim Obbo Chirootaawu garuu humni Faannoo Aanaa isaanii keessa socho'u akka hin jirre dubbatu.
"Milishoota qonnaan bultoota ta'an hojii qonnaa isaaniirra turan irratti haleellaan raawwatame, sana booda milishoonni kunneen ofirraa qolachuu eegalan" jedhu.
Qaamolee nageenyaa mootummaa, milishootaa fi jiraattota malee qaamni hidhate ykn Faannoon walitti bu'iinsa kana keessa hin jiru jedhu aanga'aan kun.
Miseensonni Humna Addaa Naannoo Amaaraa haalicha tasgabbeessuuf osoo socho'anii ajjeefaman akkasumas madaa'an akka jiran garuu hin waakkanne.
Gama kaaniin hidhattoota 'Shanee' sirnaan gurmaa'anii fi meeshaalee waraanaa garee kan hidhatantu haleellaa kana raawwate jedhu.

Aanga'aan kun kana haa jedhan malee jiraataan Aanaa Jiillee Dhummuugaa BBCn dubbisee tokko, "ABO-Shanee jedhanii nu haleelu, garuu qaamni isaan jedhan kun as hin jiru,'' jedhan.
Aanga'aan duraanii qajeelcha aadaa fi turizimii Godina Addaa Saba Oromoo Obbo Ammee Xayyaar "miidiyaasaaniitiin Shanee jedhanii maqaa moggaasanii uumatarratti haleellaa banu. Nu bira kan jiru Shanee osoo hin taane uummata" jechuun BBCtti dubbataniiru.
Amma duras aanga'oonni Godina Addaa Saba Oromoo sochiin hidhattoota mootummaan 'Shanee' jedhee waamuu akka hin jirree fi uummatumatti moggaasni kun akka kenname dubbachaa turan. Uummata bira darbee hoggansi mootummaas 'Shanee' jedhamuu himaa turan.
Walitti bu'iinsa miilanaa "wanti hammeessee fi adda godhu humni Faannoo jedhamu of gurmeessee as ba'uusaati" jedhu Obbo Ammee Xayyaar.
Bulchaan Aanaa Efiraataa fi Gidim Obbo Chirootaawu sochiin hidhattoota 'Shanee' hin jiru kan jedhutti walii hin galan.

Shochiin hidhattoota 'Shanee' cimaan Aanaa ollaa kan taate Jiillee Dhummuugaa keessa akka jiru kan dubbatan aanga'aan kun, fedhi hidhattoonni kun saba walitti buusuuf qabanirraa kan ka'e irra deddeebiin walitti bu'iinsi akka dhalatu himu.
"Shaneen hin jiru jedhamaa ture garuu yeroo biyyi weeraramtee turte Juuntaa waliin hiriiree kan ture humni Shanee hedduun akka ture mul'ateera" jedhan.
"Sochiin Shanee to'annoo godinichaan [Godina Addaa Saba Oromoo] ala ta'e akka jiru ni beekama" jedhu.
"Tarkaanfiin irra hin deebi'amne humna hidhate, shororkeessaa jedhamee labsame kanarratti hin fudhatamu taanaan nagaan ni bu'a jedhamee hin yaadamu," jedhan.
Wayita ammaa hogganoonni Aanaalee lamaanii mata mataan uummata mariisisaa akka jiranii fi lolli uumamee tures qabbanaa'ee akka jiru aanga'aan kun ni dubbatu.
Bara darbe yeroo wal-fakkaataa walitti bu'iinsa Aanaalee Godina Addaa Saba Oromoo fi Godina Kaaba Shawaa keessatti uumamee tureen lubbuun namoota hedduu darbee, qabeenyis manca'ee ture.














