Walitti bu'iinsa Godina Addaa Saba Oromootti mudateen namoonni ajjeefaman, manneen gubatan

Guyyoota sadan darban walitti bu'iinsa Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo Aanaa Dhummuugaa fi Aanaalee ollaa (Amaaraa) gidduutti mudateen lubbuun namaa darbuu, manneen gubachuu fi saamichi gaggeeffamuu jiraattonni fi aanga'oonni mootummaa himan.
Walitti bu'iinsi akkasii darbee darbee kan mudataa ture ta'us, kan ammaa garuu kan eegale Dilbata darbe, Ebla 17, 2022 dhukaasa hidhattoonni ijoollee horii eegdurratti raawwataniin ta'uu jiraattotaa fi aanga'ootarraa iyyaafanneerra.
Gama godina addaan qaamni meeshaa waraanaan haleellaa raawwate garee Faannoo jedhamu jedhu, warri gama kaanii ammoo hidhattoota ABO Shaneetu haleellaa raawwate jedhu.
Dubbiin akkamiin eegale?
Rakkoon kun kan mudate daangaa Godina Addaa Saba Oromoo Aanaa Jiillee Dhummuugaa fi aanaa ollaa kan taate Efraataa Giddim irratti.
Jiraataan Aanaa Jiillee Dhummuugaa sodaa nageenyaaf maqaasaanii ibsuu hin feene, Dilbata darbe gaafa Ebla 17, 2022 hidhattoonni Amaaraa nama maasaa isaa keessa jiru irratti haleellaa banuun ijoollee lama mukatti erga hidhanii booda lolli baname jedhan.
Akka namni kun jedhanitti kanaan duras gareen Faannoo Amaaraa qonnaan bulaa loon bishaan obaafatu Shawaa Roobiititti arganii 'maaliif bishaan asitti obaasta?' jedhanii, loon 39 jalaa fudhatan.
''Mootummaanis wayita qabu, abbaa loonii Kamiseetti hidhe, warra irraa fudhate gadi dhiise. Kanarraa lolli eegale.''
Akka jiraataan kun jedhanitti haleellaa kanaan namoonni 12 du'anii hedduun madaa'aniiru.
Aanaalee Naannoo Amaaraa Godina Kaaba Shawaa kanneen akka Efraataa Gidim, Qawat akkasumas magaalota akka Shawaa Roobit fi Axaayyee waliin aanaalee fi gandoonni waldaangessan martuu rakkoo walitti fufaa keessa jirus jedhan.
Gama aanaa Efraataa Gidim irraas miidhaan qaqqabuu kan dubbatan jiraataan kun, ollaan Molaalee jedhamtu akka gubatte himan.
''Qaamoleen hidhannoo guuttatanii naannoo Amaaraa irraa dhufan kunneen nuti nama homaa harkaa hin qabnetti dhukaasu. ABO Shanee jedhanii nu haleelu. Garuu qaamni isaan jedhan kun as hin jiru,'' jedhan jiraataan kun.
Qajeelcha aadaa fi turizimii Godina Addaa Saba Oromootti aanga'aa duraanii kan turaniifi amma aanaa Jiillee Dhummuugaa magaalaa Baatee akka jiran kan himan abba Ammee Xayyaar rakkoon kun irra deddeebiin mudachuu himanii, kan ammaa garuu wanti hammeessee fi adda godhu humni Faannoo jedhamu of gurmeessee as ba'uusaati jedhan.
''Miidiyaasaaniitiin Shanee jedhanii maqaa moggaasanii uumatarratti haleellaa banu. Nu bira kan jiru Shanee osoo hin taane uummata. Dilbata dheengaddaa hidhattoonni kunneen dhufanii ganda Wasan Qurqur keessatti ijoollee ooyiruu keessa jirturratti meeshaa dhukaasanii nama sadi madeessanii horii ajjeesanii deeman, lolli achirraa eegale'' jedhan.
Akka namni kun jedhanitti hooggantoonni mootummaa gama lachuu waliin dubbatanii dubbicha qabbaneessuuf yaalanis, warri faannoo garuu humna poolisii federaalaa fi humna addaa naannoochaan ol waan ta'aniif ajaja fudhachuu didan, itti dhukaasanii madeessan.
Qaamoleen mootummaa maal jedhan?
Hoogganaan Kominikeeshinii aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Umar Aliyoo lolli kun hidhattoota Faannoo jedhamaniin guyyaa sadi dura eegaluu himan.
''Dilbata darbe gaafa Ebla 17, 2022 hidhattoonni Amaaraa Faannoo jedhaman qonnaan bultoota ofitti makuun Aanaa Efraataa Gidim karaa ganda Molaalee as dhufuun ijoollee horii tiksitu qawweedhaan rukutan,'' jechuun walitti bu'iinsi achirraa dhalachuu ibsan.
Dhukaasa sanaan mucaa tokko madeessanii loon irraa saamanii deeman kan jedhan Obbo Umar, ''Kanaan duras ijoollee laga Nageessoo jedhamurratti horii bishaan obaasan fi qonnaan bultoota naannawa sanaarratti doorsisii fi haleellaan raawwataa ture,'' jechuun rakkoon yeroo mara jiraachuu ibsan.
''Guyyaa sana lolli kan eegale ganda Muxxee Facaa Araddaa Kollash jedhamu keessatti yoo ta'u, lolli kun akka hin babal'anneef bulchiinsa Aanaa Efraataa Gidim waliin dubbannus, qaamni faannoo jedhamu hooggansa naannochaaf waan hin bitamneef cabsee darbee haleellaa itti fufe.''
Waajjirri Kominikeeshinii Aanaa Efraataa Gidim ibsa fuula Feesbuukiisaa irratti baase keessatti, hidhattoonni ABO-Shanee Aanaa Efraataa Gidim gandoota akka Addis Aalam, Nageessoo fi Zanboo ollaa Molaalee jedhamu keessatti haleellaa raawwachuun qabeenya barbadeessuu fi lubbuu namaa gaaga'uu ibse.
Obbo Umar akka jedhanitti lola kanaan gandoota Muxxee Facaa, Xuquree Wadaawoo fi Wasan Qurqur keessaa yoo xiqqaate namoonni 3,000 ta'an buqqa'uu fi yoo xiqqaate namoonni 10 ajjeefamuu, 40 kan caalan madaa'uu himan.
Kanneen madaa'an buufata fayyaa magaalaa Baxxee fi kaan ammoo darbanii magaalaa Kamiseetti ergamuun hospitaalatti yaalamaa jiru jedhan Obbo Umar.
''Humna addaa fi Poolisii Federaalaa galchinee turre. Isaanirrattiyyuu deebisanii dhukaasa banan. Haala kanaan humna addaa naannoo Amaaraa keessaa yoo xiqqaate namni sadi ajjeefameera.''
Gaafa Wiixataa humna addaa 300 caalu galchuu fi ergasii haalli haga tokko tasgabbaa'uu, daandiinis banamuu himan.
Jiraattonni Aanaa Efraataa, Qawut fi Shawaa Roobit dhukaasni kan tasgabbaa'e fakkaatus, ammallee yaaddoo keessa jiraachuu raadiyoo Jarman Doych Veeleetti himaniiru.
Bulchaan Aanaa Efraataa Gidim Obbo Chirootaaw Baasaazzin aanichatti hidhattoonni haleellaa raawwachuun ollaa Molaalee jedhamtu gubuufi qonnaan bultoota lama ajjeesuu himan.
Kanneen ijaan argan ammoo yoo xiqqaate torba du'aniiru jedhan.
Akka ibsa Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Efraataa Gidimitti, aanga'oonni mootummaa aanaalee, humnoonni addaa, poolisiin federaalaa bakkichatti argamanii rakkoo kana tasgabbeessuuf yaalanis hidhattoonni ABO Shanee haleellaa irratti raawwataniiru.
Haleellaa kanaanis qaamolee nageenyaarra miidhaan cimaa fi salphaan ga'uu kan ibsu waajjirri kun, ammallee taatu rakkoo kana furuuf mariin itti fufuu ibseera.
Bulchiinsi Kaaba Shawaa gamasaan haleellaa raawwateen manneen gubachuu fi lubbuun namaa hedduun baduu himee, sababa rakkoo kanaa daandiin Magaalaa Dassee irraa Finfinnee geessu cufamee ture banamee, tasgabbiin uumameera jedhe.













