Aanaalee Shawaa Kaabaafi Godina Addaa Saba Oromootti komaand postiin hundeeffame

Madda suuraa, RIBI
Raayyaan Ittisa biyyaa Itoophiyaa rakkoo nageenyaa biyyattii keessatti bakkeewwan garaa garaatti mudatan ilaalchisuun ibsa kaleessa galgala baaseen, naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaafi aanaalee bulchiinsa Godina Addaa Saba Oromootti komaand postii hundeeessuu beeksise.
Komand postiin kunis dhaabbilee nageenyaa federaalaa fi godinaalee sadan dabalachuun kan hundeeffame jedhameera.
Komaand postiin hundaa'e kunis gareewwan naannichatti badiinsa raawwatan irratti tarkaanfii fudhachuun olaantummaa seeraa kan kabachiisu ta'uu ibsi kun eereera.
Dhorkaawwan kaa'aman
Haaluma kanaanis nageenya naannichaa bakka duriitti deebiisuuf dhorkaawwan garaa garaa kaa'amusaaniis ibsi kun ifa taasiseera.
Dhorkaawwan kaa'aman keessaa tokko, daandii ollaa aanaalee Dabira Siinaa hanga Kombolchaatti argaman irratti karaa mirgaafi bitaatiin fageenya kilometira 20 keessatti meeshaa waraanaa qabatanii socho'uun cimsee dhorkameera.
Lammaffaa daandii cufuu dabalatee, bataskaanaa fi dhaabbilee motummaa akkasumas mana jireenyaa dhunfaafi qabeenyaa barbadeessuun ykn gochaa kanarratti gareefi dhuunfaan hirmaachuuf socho'uun dhorkameera.
Paartiin siyaasaa, caasaan motummaafi gareewwan gochoota dhorkaman kanneeniifi dhorkaawwan komaandi poostichi baasuu keessatti hirmaatan irratti tarkaanfii seeraa kan fudhatu ta'un beekamu qaba jechuun akeekkachiseera.
Raayyaan ittisa biyyaa ibsa baasee kanaani, keessattuu guyyoota sadan darban keessa aanaalee Shawaa kaabaafi godina Addaa Oroomootti humnootii hidhachuun lubbu namaafi qabeenyaa irraan badiinsa qaqabsiisan to'achuuf hojjachaa jiraachu beeksiiseera.
Namoota sababii kanaatiin lubbunsanii darbeef gaada itti dhagahame ibsuun maatiif jajabina hawwee jira.
Qaamooleen daandii cufuu dabalatee nageenya hawaasaa boreessuu irratti hirmaachaa jiranis gochaa kanarraa akka of qusataniif cimsuun akeekkachiseera.
Erga Naannoo Amaaraatti bulchiinsa Godina Shawaa Kaabaa fi Godina Addaa Oromootti umameen wal qabatee lubbuun namoota hedduun badee, namoonni kumaatamaan lakkaa'aman qee'ee isaanii irra bu'anuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Madda suuraa, NORTH SHEWA ZONE AMINISTRATION/FB
Keessattuu erga namoonni wallaansa fayyaa dabalataa barbaacha gara Axaayyee hospitaala Ifaati dhufan saddeeti haala sukkaneessaa ta'een ambulaansii keessaa buufamuun ajjeeffamanii booda, naannichatti muddamni cimee itti fufuunsaa jiraattootaafi aanga'oota naannichaa irraa BBC odeeffate ture.
Kana malees biyyatti keessatti edoowwan garaa garaatti gareewwan ummata walitti buusuun lubbuu namoota nagaafi qabeenyaa irraan balaa qaqabsiisan irattis tarkaanfii fudhachu eegalu beeksise.
Isaan keessaa rakkoo nageenyaa karaa Matammaatiin ummata baroota dheraaf waliin jiraataa ture Qimaantiif Amaaraa jidduutti umamee humnootii nageenyaa federaalaafi naannichaa akkasumas jaarsoolii waliin ta'uun rakkinicha karaa nagaatiin hiikuuf hojii guddaan hojjatamaa jiraachu ibsi kun beeksiiseera.
Kana malees Wallaga karaa Bureetiin olaawwan Giddaa Ayyaanaa, Angar Gutteetti yaaliiww saba Amaaraafi Oromoo nagaadhaan bara dheeraaf waliin jiraataa ture walitti buusuuf taasifamee hirmaannaa hawaasaatiin gara nagaatti deebiisuun danda'ameera jedhe.
Akkasumas ''gochii wal dhabdee ummattoota Afaariifi saba Isaa Afaar kan barootaf nagaan waliin jiraataa ture jiduutti sochii daldala galiifi al-ergaa gufachiifuuf yaadamee taasifame jedheen,'' himaannaa hawaasaatiin to'annoo jala olfamu ibsichi himeera.
















