Shawaa Lixaa Daannootti namoonni 13 ajjeefaman, manneen 97 gubatan

Kaartaa Oromiyaa

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Daannoo ganda Adilaa Daallee jedhamtu keessatti haleellaa hidhattoonni Amaaraa jalqaba torban kanaa raawwataniin namoonni 13 yoo ajjeefaman, manneen 97 gubachuu bulchiinsi Aanaa Daannoo hime.

Haleellaan kun A.L.I Wiixata, Amajjii 23 bara 2014 kan raawwate ta'uu bulchaa itti-aanaan aanichaa Obbo Samu'eel Tashoomaa BBC'tti himan.

"Beekamtii bulchiinsa aanaa fi qaama nageenyaa aanichaa malee, maqaa opireeshinii Shanee/diina barbadeessina jedhuun dhukaasa banameen lubbuun namoota nagaa 13 darbeera" jedhan aanga'aan kun.

Lubbuu namaa darbeen alatti manneen jireenyaa 97 gubachuu, midhaan dabalatee qabeenyi mana keessa ture barbadaa'uu himu.

Haleellaa kana hidhattoota ykn milishoota sabaan Amaara ta'antu raawwate jedhu.

Haleellaa lubbuu namoota galaafate kana hordofee koreen dhimmicha qoratuu fi itti-gaafatamummaan akka jiraatu taasisu, akkasumas kanneen buqqa'an deebisee ijaru hundaa'ee gara bakka taateen kun uumameetti bobba'uus himan.

Uummata waliin mariin godhamaa jira jedhu.

Aanaa Daannoo keessa erga waggaa tokkoo as ajjeechaa fi buqqaatiin bakka hedduutti raawwatamaa ture kan jedhan aanga'aan kun kanaaf hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo komatu.

"Maqaa ABO-Shaneetiin humnooti socho'aan uummataa fi caasaa mootummaa irraa meeshaa hiikuun, sabaan Amaara yoo ta'e ati Amaara ajjeesuun, qabeenyi irraa fuudhamuun, mana jalaa gubuun raawwatamaa ture" jedhu.

Waraanni Bilisummaa Oromoo sabaan adda baasuun haleellaa raawwachuu akkasumas namoota nagaa ajjeesuu irra deddeebiin waakkata.

Eenyummaan hidhattoota ykn milishoota Amaaraa 'maqaa Shanee barbadeessina' jedhuun beekamtii bulchiinsa aanaa malee namoota nagaa irratti haleellaa kana raawwatanii qixaan adda hin baane.

Hidhattoonni kun "iddoo gara garaa irraa dhufan odeeffannoon jedhu jira. Deebi'eemmoo dhalootaan naannoo kana kan ta'anis jiru jedhama," kan jedhan aanga'aan kun kana qabatamaan mirkaneeffachuuf garuu qorannoon godhamaa jiraachuu himan.

Qaamolee badii kana raawwachuun shakkaman keessaa kanneen to'annoo jala oolan jiraachuu gaafatamanii, odeeffannoo akka hin qabne dubbatan.

Kutaalee Oromiyaa iddoowwan dhalattoonni saba Amaaraa qubatanii jiranitti irra deddeebiin ajjeechaa fi qe'eef qabeenyarraa buqqa'uun ni gabaafama.

Maddi ijoo rakkinichaa hidhattoonni WBO dhalattoota Amaaraa naannolee kana jiraatan irratti haleellaa yoo raawwatan hidhattoonni Amaaraa ammoo hawaasa nagaa irratti haleellaa raawwatu jedhu aanga'oonni mootummaa.

Walitti bu'iinsa akkaataa kanaan uumamuun Oromiyaa keessatti namoonni hedduun qe'eerraa buqqa'anii rakkoof saaxilamuu himatu.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti waajjirri gargaarsa namoomaa qindeessu OCHA, Godinaalee Wallaggaa Bahaa fi Lixaatti buqqaatonni 250,000 caalan kanneen gargaarsa barbaadan ta'anis garuu gargaarsi ga'aan godhamaafii hin jiru jedhe.

Abbootiin warraa qe'eesaaniirraa buqqa'an 37,000 caalan da'oo fi meeshaalee gargaarsaa barbaadu, garuu erga Amajjii bara darbeetii gargaaramaa hin jiran jedhe dhaabbati kun.

Naannawa kanatti akka fedhan socho'anii gargaarsa kennuun rakkisaa waan ta'eef daa'imman, harmootiin hoosisan, akkasumas haadholiin ulfaa rakkoo hanqina nyaata madaalawaaf saaxilamanii jiraachuus ibseera.

Meeshaalee wal'aansa fayyaa fi kaan garas geejjibsiisuun sochii hidhattootaan gufachuu fi lammiileen naannawa kanaa hanqina bishaan dhugaatiifis saaxilamuu ibseera OCHAn.

Haala rakkisaa kana keessatti barattoonni kumaatamatti lakkaa'aman maneen barnootaa cufamuurraan kana ka'e miidhamuus ibseera.