Abbootiin Gadaa Karrayyuu humnoota mootummaan 'murtii seeraa malee ajjeefaman' - KMNI

Madda suuraa, Marsaalee Hawaasaa
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qorannoosaa jalqabaa dhimma ajjeechaa jila abbaa Gadaa Karrayyuurratti baaseen, Abbaa Gadaa Karrayyuu dabalatee namoonni 14 humnoota mootummaan ajjeefaman jedhe.
Qaamoleen bulchiinsaa fi nageenyaa yaa'a Gadaa Karrayyuurratti ajjeechaa raawwatan yakkisaanii qixa sirrii ta'een qoratamee seeraan gaafatamuu qabu jedhe.
Maatiin namoonni jalaa du'anii fi kanneen qaama miidhaman beenyaa isaaniif malu argachuu qabus jedheera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa amma dura ajjeechaa kana kan raawwate hidhattoota 'Shanee' ta'uu himee ture. Haata'u malee qondaalli olaanaa fi miseensi paarlaamaa ajjeechaan kun qaamolee mootummaan raawwatuu saaxilan.
Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa A.L.I Sadaasa 22, 2014 Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaalleetti bakka Gadaan Michillee Karrayyuu qubatee jirutti haleellaa irra ga'een namoonni hedduun du'uu fi kaan madaa'uu eeruu isa ga'erraa ka'uun qorannoo gaggeessuu akka eegale hime.
Komishiniin kun Muddee 7-12, 2014 bakka haleellaan itti mudatetti argamuun miidhamtoota, kanneen ijaan argan fi maatii warra ajjeefamanii gaafachuun qorannoo gaggeessuu hime.
Sadaasa 21, 2014 qaamoleen nageenyaa gandootaa Aanaa Fantaallee daawwatanii osoo gara Finfinnee deebi'anii jiranii, bakka Haroo Qarsaa jedhamutti guyyaa keessaa sa'atii 8:00 irratti, qaamolee hidhatan kan eenyummaansaanii hin beekamneen haleelamuu adda baasuu ibse komishiniin kun.
Haleellaa kanaan miseensonni poolisii 11 du'uu fi 17 kan caalan ammoo madaa'uu kan ibse komishiniin kun, dhumaatiin yaa'a Gadaa Karrayyuu kana hordofee mudate jedhe.
Sadaasa 22, 2014 qaamoleen nageenyaa madda rakkoo mudatee sakatta'uuf gara Karrayyuutti deebi'anii, guyyaa keessaa sa'atii 6:00 irratti bakka yaa'i gadaa Michillee qubatee jiru-ganda Xuuxxittii, iddoo addaa Deeddittii jedhamtu ga'uun warra gadaa keessaa namoota 39 to'achuu, kanneen ijaan argan irraa iyyaafachuu ibse.
Komishiniin kun ibsa Amajjii 25, 2014 baase keessatti miseensota gadaa gara bosona Cabbii Aanolee geeffaman keessaa 14 rasaasaan akka ajjeefaman ibsee ture.
Namoonni ajjeefaman-Abbaa Gadaa Kadir Hawaas, Boruu Fantaallee, Fantaallee Boruu, Qumbii Gurraachaa(Qaalluu), Bulaa Fantaallee, Roobaa Hawaas, Boruu Godaanaa, Jiloo Daadi'oo, Bulgaa Boora'uu, Jiloo Diidoo fi Boruu Jiloo kanneen jedhaman dabalatee walumaagalatti namoota 14 ta'uu ibse.
Namoonni kunneen lafarra akka ciisan erga dirqisiifamanii booda, rasaasaan ajjeefamuu fi namoonni lama ammoo fiiganii akka jalaa miliqan kanneen ijaan argan irraa odeeffachuu ibse komishinichi.
Poolisoonni erga namoota ajjeesanii booda reenfa waan dhowwataniif, bakkeetti kaan dhowee, kaan ammoo bineensi nyaachuu kanneen boodarra reenfa namootaa kaasanii awwaalan irraa dhagahuus himeera.
Namoonni kunneen garaan gombifamanii mataa fi duubaan rasaasaan rukutamuu mallattoon akka agarsiisus ibseera komishiniin kun.
Yaa'a gadaa keessaa namoota 39 qaamoleen nageenyaa mootummaa guyyaa sana qaban keessaa 23 achi buuteensaanii dhabamee erga turee torbee lama booda reenfi miseensa gadaa Jiloo Boorayyuu jedhamanii maatiidhaaf kenname.
Reenfa kan kenne poolisoota mooraa humna addaa naannoo Oromiyaa magaalaa Mojoo yoo ta'an, qaamni nama kanaa akkaan tumamee, mataan baqaqee akka ajjeefame maatiirraa dhagahuu ibse komishiniin kun.
Miseensonni gadaa Karrayyuu kaan ammoo torbeewwan muraasa booda mana hidhaatii gadi dhiifaman, akka komishiniin kun jedhutti.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa itoophiyaa miseensonni gadaa Karrayyuu 14 bakka humnoonni nageenyaa fi bulchitoonni naannawa sanaa jiranitti seeraan ala haala suukanneessaan poolisootaan ajjeefamuu ragaa amansiisaa qabaachuu ibseera.
Miseensota humnaan ugguramanii harka poolisootaa turan keessaa namni tokko osoo mooraa humna addaa Oromiyaa magaalaa Mojootti to'annoo jala jiruu haala suukanneessaa fi karaa seeraan ala ta'een ajjeefamuus ragaa amansiisaa qabaachuu hime.
Komishinarri Komishinichaa Daani'eel Baqqale(PhD) qaamoleen yaa'a gadaa Karrayyuurratti ajjeechaa raawwatan, akkasumas kanneen miseensota poolisii irratti ajjeechaa raawwatan seeraan akka gaafatamaniif qorannoon yakkaa qixa sirrii ta'ee fi hatattamaan gaggeeffamuu akka qabu dhaamaniiru.
















