Paartiin Badhaadhina hoggantoonni naannoo daldala simintoofi jimaa keessa hin seenne jedhe

Obbo Taayyee Danda'aafi Obbo Hangaasaa Ibraahim qondaalota olaanoo dhaabichaa hooggansa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ajjeechaafi malaammaltummaan himatanidha

Madda suuraa, Hangasa Ibrahim/Facebook. OBN

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Taayyee Danda'aafi Obbo Hangaasaa Ibraahim qondaalota olaanoo dhaabichaa hooggansa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ajjeechaafi malaammaltummaan himatanidha

Paartiin Naannoo Oromiyaa bulchu qorannoo taasise jedheen hoggantoonni paartichaa daldala jimaafi simintoo keessa akka hin seenne mirkaneesse jedhe.

Ibsa Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa gaafa Roobii baasen waa'ee ajjeechaa Abbaa Gadaa Karrayyuufi kaan qoratamaa jiraachuufi fuulduratti akka ibsamu hime.

Eega dhaabichi ibsa baase booda qondaalonni olaanoo dhaabichaa kana dura himannaa kana dhiheessan homaa hin dubbanne. BBC'n yaada isaanii argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Taaten kuni Komishiniin Farra Malaammaltummaa Oromiyaa kan yeroo ammaa qoratee himachuuf aangoo hin qabne haala malaammaltummaa Oromiyaa keessa qorachuuf yaada akka qabu yeroo ibsetti dhagahame.

Torban muraasa dura qondaaltonni olaanoo dhaabichaa hooggansi keessumaa kan naannoo Oromiyaa ummata tajaajiluu dhiisee daldala keessa seene jechuun himatanii turan.

Kunis, ijoo dubbii ta'ee ture. Dhimma kana irratti hooggansi olaanaa dhaabichaa baatii Mudde keessa walgahee mari'atuu ibseera.

Dhaabichi sababa waraana biyyattii keessa tureeniifi kaaniin dhimoota ijoo naannicha ilaallatan marii tolchee taa'e furuurratti akka hanqina itti uume ibseera.

Dabalataan, sochii qondaaltonni dhaabichaa miidiyaa hawaasummaa gubbaa taasisan qeeqee ture.

Walgahii sana irratti hoggansi olaanaa naannichaa marii taa'un himannaa qondaaltonni isaa dhiheessan akka qoratamu koree hundeessee ture.

Koreen kuni qorannoo gaggeesse jedheen waan irra gahe dhihoo 'hooggansa olaanaaf' dhiheessuu dhaabichi ibsa baasen beeksiseera.

Ibsa isaa keessatti himannaa qondaaltonni dhaabichaa muraasni miidiyaa hawaasummaa gubbaa dhiheessan ''shakkiifi hamii'' bu'uureffate jechuun ibse.

Himannaan dhihaate ''daldala Simintoo hoggansi ol'aanaan naannoo monoppooliidhaan qabateera jedhu'' ta'u kan ibse dhaabichi kanas qorachuu isaa ibse.

Qorannoo adeemsise jedheenis kanneen himannaa dhiheessan, maddeen qondaaltonni odeeffannoo irraa arganne jedhan akkasumas warshaalee simintoo eeraman dhaquu hime.

''Hoggansi ol'aanaan ofiifis ta'e maatii isaatiin daldalaafi raabsaa simintoo keessatti hirmaannaa akka hin qabne qorannoofi xiinxala ragaa guutuu taasifameen mirkanaa'eera,'' jechuun ibse.

Gama kaaniin daldala Jimaa keessas hooggansi naannoo jiraachu isaa qorachu kan hime dhaabichi waan argadhe jedhe hooggansa naannoof dhiheessuusaa hime.

''Hamiifi shakkiin dhiyaate hunduu dhara ta'uufi hirmaannaan hoggansa ol'aanaa naannoo daldala Jimaa keessa kan hin jirre ta'uu,'' jechuun ibsa baase keessa eere.

Dhimmoota qondaaltonni dhaabichaa kana dura kaasan keessaa tokko ajjeechaa Karrayyuutti raawwatedha.

Ajjeechaan baatii tokko dura raawwateen Aabbaa Gadaa Karrayyuu dabalatee miseensota Gadaa 14 galaafateera. Qondaaltonni dhaabichaa hooggansa mootummaa naannootti quba qabanii turan.

Ta'us, naannichi kana dura hidhattoota mootummaan ABO - Shanee jedhee waamu himate. Jiraattonni BBC'n kana dura dubbise mootummaa himatani.

Malaammaltummaa Oromiyaatti

Malaammaltummaan Oromiyaatti ''sadarkaa hammaataarra jira'' jechuun kana dura Komishinarri Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Obbo Huseen Usmaan miidiyaa biyya keessaaf himanii turan.

Dhimma kana ilaalchisuun baatii darbe kan dubbisne Komishinarri I/Aantuu komishichaa Aadde Abbaayinash Tafarraa ''Keenninsi tajaajilaa kennamaa jiru rakkoo keessa jiraachuu'' irra gahamu himan.

Sadarkaa federaalaatti qorannoo malaammaltummaa taasifameen qaala'iinsa jireenyaafi hojii dhabdummaatti aansuun malaammaltummaan yaaddoo ta'u ibsan.

Haa ta'u malee, komishinichi akka haaraatti erga hundaa'e booda aangoo duraan qabu dhabeera.

''Ittisa yakka malaammaltummaa qofa hojjechaa jirra. Hin himannu, hin qorannu, adabsiisaa hin jirru,'' jedhan Aadde Abbaayinash.

Himachuun gara Waajjira Abbaa Alangaa, qorachuun waajjira poolisii dhaquu himan.

Dameewwan lamaan dhaabi biyya bulchu qoradhe jedhe kan namoota hedduu hirmaachisuufi qarshiin hedduu kan keessatti socho'udha.

Jimaan fakkeenyaaf gama Baha Itoophiyaatti lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman galii guyyuu irraa argataniin kan itti jiraataniifi byyoota ollaattillee ergamuun galii guddaa biyyaaf argamsiisudha.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Jimaa malee guyyaa takka ooluu dandeessaa?

Haa ta'u malee, qorannoo dhaabichi taasise jedheen alatti ragaan qabatamaa jiraachuufi qondaaltonni himata kana jalqaba dhiheessan ragaa qabatamaa qabaachuun isaanii hin beekamu.

Naannolee Itoophiyaa keessaa guddicha kan ta'e Oromiyaa kan bulchaa jiru Paartiin Badhaadhinaa filannoo biyyaalessaa jahaffaa olaantummaan irra aaneera.

Filannoo kana irratti paartileen mormituu dhaabicha morkachuu malan filannoo hirmaachuurraa of qusachuun isaanii ni yaadatama.