Baabboo Gambeel: "Nuti yeroo yeroon ibsa gaddaa baasuun nu nuffisiiseera" - Aganyawu Tashaagar

Obbo Aganyawu Tashaagar - Pireezidantii Naannoo Amaaraa

Madda suuraa, AMMA

Ibsa waa'ee suuraa, "Rifaasisaadha, mootummaan naannoo keenyaa akka malee gaddeera"

Mootummaan federaalaa Itoophiyaa ajjeechaa fi buqqa'iinsa dhalattoota saba Amaaraa irratti fuulleffate ariitiin akka furu pireezidantiin naannoo Amaaraa Obbo Aganyawu Tashaagar waamicha dhiyeessan.

"Nuti yeroo yeroon ibsa gaddaa baasuun nu nuffisiiseera" jedhan pireezidantichi.

Pireezidantichi kana kan jedhan Kamisa wayita haleellaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Baabboo Gambeelitti hidhattoonni raawwatan ilaalchisuun ibsa kennanitti ture.

Ajjeechaa Kibxata darbe ganda Bonee jedhamtutti raawwateen namoonni nagaa 28 ajjeefamuu Poolisiin Oromiyaa beeksisee ture.

MM Abiy Ahimad akkasumas mootummaan naannoo Oromiyaa ajjeechaa kanaan gadda itti dhagaahame ibsanii, kanneen haleellicha raawwatan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu himan.

Mootummaan haleellaa kana 'ABO-Shanee' jedhee kan waamu hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromootu raawwate jedha. Isaan garuu ni waakkatu.

Aganyawu Tashaagar maal jedhan?

Ajjeechaa fi buqqa'iinsi naannolee Itoophiyaa gara garaa keessatti dhalattoota saba Amaaraa irratti raawwatamu hir'isuu osoo maluu yeroo gara yerootti dabalaa jira jedhan.

Kanaaf sababni ammoo jibbaa fi seenessa jibbaa saba Amaaraa irratti waggoota darban facaafamaa bahe ta'uu dubbatan.

1px transparent line
1px transparent line

"ABO-Shanee gareen jedhamu Amaara addatti baasee haleeluun garee beekamudha" kan jedhan aanga'aan kun, naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti gareen 'Bilisa Baasaa Gumuz' lammilee Amaaraa ajjeesaa fi buqqisaa jiru jedhan.

Naannooleen rakkoo kana furuuf hojjetaa akka jiran ni beekna rakkinichi garuu hammaachaa jira jedhu Obbo Tashaagar.

"Dhumaatii suukkanneessaa" jechuun kan ibsan ajjeechaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Baabboo Gambeel ganda Boneetti raawwatameen "daa'immani fi haadholiin ajjeefamaniiru, lammileen buqqa'aniiru" jedhan.

"Rifaasisaadha, mootummaan naannoo keenyaa akka malee gaddeera" jedhan.

"Ibsa gaddaa baasuun nu nuffisiiseera"

"Mootummaan 'Juuntaa Wayyaanee' guyyaa 15 keessatti dhabamsiise, rakkoo kana maaliif furuu dadhabe gaaffii jedhu akka kaafnu dirqamaa jirra" jedhan aanga'aan kun.

Mootummaan federaalaa rakkoo kana yeroo gabaabaa keessatti furmaata waaraa akka itti kennu Obbo Aganyawu gaafataniiru.

"Gadda onnee nama cabsutu nu mudachaa jira. Nutis yeroo yeroon ibsa gaddaa baasuun nu nuffisiiseera. Mootummaan xiyyeeffannaa itti kennee fala akka dhahu feena."

"Rakkoon kun kan hin furamne taanaan waldanda'anii waliin jiraachuu uummattootaa kan miidhu waan ta'eef mootummaa naannoo keenyaa yaaddesseera" jedhan.

Baabboo Gambeel

Mootummaan federaalaa, kan naannoo Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz tarkaanfii irra hin deebi'amne akka fudhatan waamicha dhiyeessan.

Naannoleen sochii seera kabachiisuuf godhan irratti tumsuu fi waliin hojjechuuf qophiidha.

"Ijaarsa biyyaa irratti jidduu keenya garaagarummaan siyaasaa jiraachuu danda'a, garuu daa'imman maal godhan? Haadholiin maal godhan?" jechuunif gaafatan.

Mootummaan naannoo Amaaraa dhimma kanarratti walgahuun mari'achuu fi fala barbaaduun murteessaa akka ta'e amana jedhan.

"Osooma du'aa jirru tokkummaa Itoophiyaaf ni dhabbanna" kan jedhan aanga'aan kun, "nu ajjeesuudhaan ilaalcha Itoophiyaaf qabnu akka jijjiirru qaamoleen yaadan itti hin milkaa'an" jedhan.

Haleellaa tibbanaa kana mana maree beektota Amaaraa dabalatee dhaabbilee siyaasaa mormituu naannichaa fi rogeeyyii dhalattoota saba Amaaraa hedduu dheekkamsiiseera.

Kanneen marsaalee hawaasaa irratti yaada isaanii ibsan hedduun duguuggaa sanyiitu saba Amaaraa irratti raawwatamaa jira jedhu.

Komiishiniin poolisii naannoo Oromiyaa haleellaan miilanaa addatti saba Amaaraa irratti kan fuulleffate miti jedheera.

Ajjeechaawwan akkanaa godinaalee Lixa Oromiyaatti yoo raawwataman kun kan jalqabaa miti. Bitootessa darbe ajjeechaa wal fakkaataa Godina Horro Guduruu Wallaggaatti raawwatameen namoonni 22 ajjeefamuun ni yaadatama.

Sadaasa darbe ammoo Wallagga Lixaa Gullisootti lammileen nagaa 50 ol hidhattootaan ajjeefamanii turan.

Waraanni Bilisummaa Oromoo mootummaan 'ABO-Shanee' jedhee waamu kan erga bara 2018 mootummaa waliin lolatti jiru ajjeechaawwan kana waliin maqaan dhahama.

Ajaajaan Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii lixaa Marroo Dirriba ibsa yeroo gara garaa miidiyaaleef kennaa tureen ajjeechaa kana keessaa akka harka hin qabnee fi qorannoon walabaa akka godhamu gaafata.

Godinaalee Lixaa fi Kibba Oromiyaa hidhattoonni kunneen fi humnoonni mootummaa wal lolaa jiran keessatti yeroo gara garaa lammiilee nagaa irratti ajjeechaan raawwataa akka ture dhaabbileen mirgoota namoomaa gabaasaa turan.