Wallagga Lixaa: MM Abiy Ahimad haleellaa hidhattootaa Baabboo Gambeel balaaleffatan

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, PM Office Ethiopia

MM Abiy Ahimad ibsa Kamisa ganama baasaniin ajjeechaa lammilee nagaa irratti raawwatame ni balaaleffanna jedhan.

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Baabboo Gambeelitti haleellaa hidhattoonni raawwataniin namoonni nagaa 28 ajjeefamuu Poolisiin Oromiyaa beeksiseera.

Komishinarri Komishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa miidiyaa biyyaalessaa EBC'f akka himanitti haleellaan kun halkan sa'aatii sadiitti raawwate.

''Ummata walitti qabanii haleellaa raawwatan,'' jedhan.

Kanneen du'an 16 dhiirota yoo ta'an, 12 immoo dubartoota ta'u poolisiin himeera. Dabalataan, namoonni 12 madaa'uu isaanii hime.

Ajjeechaan raawwatame "haleellaa shororkeessuummaati" kan jedhe ibsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa, wanti raawwate "gocha hammeenyaafi gara-jabinaa" jechuun ibse.

MM Abiy tarkaanfiin ajjeechaa kanaaf deebii ta'u walta'iinsa humnoota mootummaa federaalaa fi naannootiin fudhatamaa jiras jedhan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Jiraattonni achii maal jedhu?

Ajjeechaan kun kaleessa, Kibxata ganda aanichaa kan Bonee jedhamutti kan raawwate yoo ta'u, haleellaa kanas 'ABO - Shanee'tu raawwate jedha mootummaan.

Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaan ibsa gama dubbi himaa isaa Odaa Tarbii marsaalee hawaasaa irratti baaseen ajjeechaa lammilee nagaa kana keessaa harka hinqabu jechuun waakkate.

Abbaa ijoollee torbaa ta'uu kan himan dhalataan saba Amaaraa jiraataa ganda haleellaan kun itti raawwatee kan ta'an akka jedhanitti, haleellaan kun Kibxata galgala sa'aa 1:30 irratti eegale.

Maqaan isaanii akka hin dhahamne kan gaafatan jiraataan kun dhukaasa akkuma dhagaahaniin ijoollee isaanii waliin gara bosonaatti baqatanii haleellaa kana ooluu himu.

Daa'imman dubartootaa fi manguddoonni ajjeefamuu fi manneenis gubachuu himan namni kun.

Jiraataan kun namoota 28 Roobii kaleessaa awwaaluu fi namoonni 18 ammoo gara hospitaala Najjoo geeffamuu BBC'tti himan.

1px transparent line
1px transparent line

Jiraataan biraa BBCN dubbine kan bara 1977 A.L.I gara sana dhufanii jiraachuu akka eegalan himan, ijoollee isaanii afur waliin gara bosonaa baqatanii lubbuu ofii oolfachuu dubbatu.

Akka namni kun jedhanitti namoonni ajjeefaman 30. Poolsiin Oromiyaa namni 28 ajjeefamee, 12 miidhamuu hime.

Jiraattonni ganda Bonee BBC'n dubbise kunneen akka jedhanitti ajjeechaan kun kan raawwate erga hidhattoonni jiraattota bakka tokkotti walitti qabanii dhukaasa irratti bananiin booda.

Dargaggoonni 15 kan horii tikaaf gara ganda ollaatti bahanis hidhattootaan ajjeefamuu hin oolle jedhu jiraattonni kunneen.

Baabboo Gambeel

Poolisiin Oromiyaa ajjeechaa kana hordofee tarkaanfii fudhateen hidhattoota sadi ajjeesuu himulleen, jiraattonni garuu humni addaa Oromiyaa bakkicha kan gahe Roobii erga barfatee booda ta'uu dubbatu.

Ammas gara qe'ee isaaniitti deebi'uuf yaaddoo waan qabaniif bosona keessa bulaa akka jiran himu.

Amma dura hidhattoonni 'rakkoon isin mudatu hin jiru, eessayyuu hin dhaqinaa nuun jedhanii turan' jedhu namni abbaa ijoollee torbaa ta'uu himan.

Namoonni haleellaa kanaan ajjeefaman irra hedduun dhalattoota saba Amaaraa ta'uu miidiyaan naannoo Amaaraa dabalatee, rogeeyyiin marsaalee hawaasaa ni himu.

Poolisiin Oromiyaa garuu kanneen ajjeefaman keessa dhalattoonni saba Oromoos akka jiran beeksiseera.

Jiraattota akkasumas bulchiinsa aanichaarraa yaada dabalataa argachuuf yaaliin goone nuuf hin milkoofne.

Mootummaan hidhattoonni haleellaa kana raawwatan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan yeroo mara 'ABO-Shanee' jedhee waamu akka ta'e hima.

"Tarkaanfii ol'aantummaa Seeraa kabachiisuu mootummaan ummata waliin ta'uun fudhateen humni ABO Shanee kun dadhabaa kan deeme ta'us, abdii kutannaan haleellaa suukanneessaa lammiilee nagaarratti raawwachuu itti fufeera" jedhe ibsi MNO.

Waraanni Bilisummaa Oromoo kan mootummaan 'ABO-Shanee' jedhee waamu erga bara 2018 mootummaa waliin lolatti jira.

Godinaalee Lixaa fi Kibba Oromiyaa hidhattoonni kunneen fi humnoonni mootummaa wal lolaa jiran keessatti yeroo gara garaa lammiilee nagaa irratti ajjeechaan raawwataa akka ture dhaabbileen mirgoota namoomaa gabaasaa turan.