Naannoo Amaaraa bakkeewwan tokko tokkotti guyyoota lamaan darban maaltu uumame?

Madda suuraa, Bahirdar City Communications
Naannoo Amaaraa bakkeewwan tokko tokkotti humnoonni nageenyaa tarkaanfii olaantummaa seeraadha jedhan fudhachuu eegaluu isaanii hordofee guyyoota lamaan darban walitti bu'insa uumameen namootarra miidhaan gahuun himameera.
Goojjam Bahaafi Lixaa , Walloo Kaabaa bakkeewwan tokko tokkotti walitti bu'insi dhalateen lubbuun namaa ammatti lakkoofsi hin beekamne darbuu isaa jiraattonniifi maddeen hospitaalaa BBC Afaan Amaaraatti dubbataniiru.
Pirezidantiin naannoo Amaaraa Doktar Yiliqaal Kaffaalee guyyoota muraasa dura ibsa kennaniin naannoo misoomni tasgabbaa'aafi waaraa keessatti mirkanaa'uufi lammileen yaaddoo nageenyaa malee nagaan bahanii galan akka ta'uuf hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu cimaan raawwatamaa jiraachuu dubbatanii akka turan ni yaadtama.
Kanaaf ammoo pirezidaantichi mootummaan naannichaa uummaticha balaa kamirraayyu eeguudhaaf dandeettii akka qabu eeruun, faallaa kanaan naannicha keessatti meeshaa waraanaa hidhatanii gareewwan sosocho'an gocha isaaniirraa akka of qusatan akeekkachiisanii turan.
Walitti bu'insa miidhaa qaqqabsiise
Kana hordofees, naannicha keessa bakkeewwan tokko tokkotti gaggeessitoota gareewwan hidhataniifi miseensota garee hidhatanii kanaa irratti, akkasumas bakkeewwan isaan itti argamanitti tarkaanfii "olaantummaa seeraa kabachiisuu" fudhatan waliin walqabatee muddamni uumamuu jiraattonni BBC Amhaaraatti himaniiru.
Keessumaa magaalaa Moxaa Goojjam Bahaatti argamtu keessatti Kamisa gaafa Caamsaa 19, 2022 irra eegalee muddamni akka jiru jiraattonni kan dubbatan yoo ta'u, walitti bu'insa kana hodofee dhalateen namoonni BBC Amhaaric dubbise lakkoofsa namoota lubuun darbee addaa adda ta'e ibsaniiru.
"Ka'umsi isaa Faannoo hidhannoo hiikkachiifna jechuun humnoota nageenyaan kan jalqabamedha. Sababa muddama sanaatiin Faannoonis hidhannoo hin hiikkannu jechuudhaan bakka qabatanii turan," jedhan jiraataan maqaan isaanii akka hin eergamne barbaadan yeroo waan ijaan argan dubbatan. Jiraattonnis Faannoon hidhannoo hiikkachuu hin qabu jechuun mormii dhageessisaniiru jedhan.
Miseensa Faannoo naannawaa sanaa maqaan isaa Tafarii Daamxee jedhamu dubbisuun Roohitars akka gabaasettis, gaafa Kamisaa humnoonni nageenyaa Federaalaafi naannoo miseensota Faannoo hidhatan waliin walitti bu'uu isaanii ibseera.
Kanaan booda muddamni ture hammaatee walitti bu'insa jiraattotaafi loltoota kuffiyyaa diimaa godhatan gidduutti uumameen daa'imman dabalatee yoo xiqqaate namoonni ja'a ajjeefamuu isaanii jiraattonni BBC Amhaaraatti himaniiru.
Haata'u maleee, maddeen dhaabbileen fayyaa magaalattii keessa jiran irraa waa'ee miidhaa namoota irra gahee qulqulleeffachuuf yaalii taasifameen namoonni lama rasaasaan dha'amanii kan du'aniifi 15 kan ta'an ammoo miidhaan sadarkaa gara garaa akka isaanirra gahe gara hospitaalaa geeffamuu isaanii ogeessi fayyaa akka maqaan isaanii hin eeramne fedhan BBC Amharic'tti himaniiru.
Sababa hokkarri magaalattii keessatti uumameenis daandiin magaalattii keessa qaxxaamuru cufamuu isaarraa kan ka'een tajaajilli geejjibaa gufachuufi, interneetiinis addaan cituu, manneen barnootaa, baankonniifi dhaabbileen tajaajila kennan biroon cufachuu isaanii dubbataniiru.
Haaluma walfakkaatuun Goojjam Lixaa magaalaa Maraawwiitti, akkasumas Kaaba Walloo naannawaa Waldiyaatti muddamni wal fakkkaatu akka ture jiraattonni BBC Amharic dubbise ibsaniiru.

Madda suuraa, MOTTA CITY COMMUNICATION OFFICE
'Al-seerumma to'achuu'
Muddamni kun kan uumame humnoonni TPLF naannoo Amaaraa seenanii haleellaa raawwachuu isaanii hordofee bakkawwan hedduutti maqaa Faannootiin karaa al idileetiin ballinaan gurmaa'uun sochii seeraan alaa namootaafi gareewwan taasisan irratti tarkaanfii fudhachuu jalqabuu isaa hordofeeti.
Pirezidaantiin naannichaa Doktar Yiliqaal Kaffaalee akka dubbatanitti humnoonni nageenyaa naannichaa tarkaanfii seera kabachiisuu kan fudhatan Faannoo irratti osoo hin taane warreen maqaa garee kanaatiin gochawwan seeraan alaa gara garaa raawwataniifi nageenya naannichaa warra booressan irratti ta'uu isaa dubbachuun isaanii ni yaadatama.
Dabalataan ammoo, Biiroon Nageenyaafi Tikaa naannichaa namoonni naannicha keessatti meeshaa waraanaa hidhatanii jiran guyyoota afur keessatti meeshaa isaanii akka galmeessaniif, akkasumas bulchiinsi naannichaa leenjii akka kennu beeksiseera.
Tarkaanfiin mootummaan naannichaa seera kabachiisuudha jedhe kana hordofee miseensota Faannoo gidduutti mufuun kan dhalate yoo ta'u, naannicha keessatti waraana TPLF waliin taasifameen humnoota mootummaa cinaa hiriiruun kan waraane gareen Faannoo cinaatti dhiibameera jechuun Tafarraan Roohitarsitti dubbateera.
Akka maddeen jedhanitti, tarkaanfii naannichi fudhatu waliin walqabsiisee bakkawwan tokko tokkotti gaggeessitoonni Faannoofi miseensonni humnoota nageenyaan to'annoo jala oolfamuun isaanii ni dubbatama.
Aanga'oota bakkawwan hokkarri itti uumamaniirraas ta'e qaamolee naannichaa dhimmi ilaallatu irraa odeeffanno dabalataa argachuudhaaf yaalii BBCn irra deddeebiin taasise osoo hin milkaa'iin hafeera.
Mootummaa Federaalaa
Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa Jimaata galgala naannoo Amaaraafi kutaaleen biyyattii gara garaa keessatti tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiru ilaalchisuun ibsa baaseera. Olaantummaa seeraa kabachiisuun nagaafi tasgabbii lammilee kabachiisuun, akkasumas itti fufiinsa biyyattii mirkaneessuuf furmaata jiru tokkichadha jedheera ibsa isaa kanaan.
Al-seerummaafi nageenya boora'uu bakkeewwan gara garaatti mul'atu mootummaan akka to'atuuf uummatichi irra deddeebiin gaafachaa ture kan jedhu ibsi kun, manni-maree nageenyaa biyyaalessaa tarkaanfiin barbaachisaa akka fudhatamu murteessuu isaas yaadateera.
Tarkaanfiin kunis qaama humnoonni Federaalaafi naannolee Finfinneetti, Ormiyaatti, Somaaleefi naannolee biroo keessatti hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuuti jedheera.
Itti-dabaluunis, naannoo Amaaraatti, "daddabarsa meeshaa waraanaafi maallaqaa, gareedhaan gurmaa'anii meeshaafi qabeenya namoonni hortan saamuufi mancaasuu irratti kanneen bobba'an, lubbuu namaa ajjeesuun kanneen shakkaman, gareewwan walitti bu'insa uumuun akka naannichi hin tasgabboofne taasisan irratti tarkaanfiin bal'aan fudhatamaa jira," jedheera.
Kanaan walqabatees, meeshaaleen waraanaa dhuunfaafi garee baayyeen, qabeenyaa saamaaniifi sanadawwan gara garaa waliin to'annoo jala oolfamaa jiraachuu tajaajilli komunikeeshinii mootummaa kun ibsuun, dhimmi isaanii qulqullaa'ees mana murtiitti akka dhiyaatan ibseera.

















