Heerri mootummaa Ertiraa maaliif hojii malee waggoota 25'f ture?

Madda suuraa, AFP
Qabsoon hidhannoo Ertiraatti waggoota 30'f gaggeeffamaa ture Caamsaa 1991tti olaantummaa loltoota bilisummaa Dargii waliin wal lolaa turaniin xumurame.
Ittaansees waggaa lamaan booda Ertiraan rifarandamiin miseensa Biyyoota Gamtoomanii ta'uuf gaggeessite deeggarsa ummata %99.8 argate.
Akkasumas duula dheeraa waggaa sadii kan ummanni bal'aa hirmaachiseetiin, Ertiraan Caamsaa 23, 1997tti heera mootummaa ragaasifte.
Haata'u malee, waggoota 25'f heerri motummaa raggaasifame kuni saanduqa pirezidantii biyyattiitti itti cufamee taa'eera.
Kanaanis, biyyattiitti filannoo biyyaaleessaa gonkumaa gaggeeffamee hin beeku; seerriifi sirni haqaa kallattii barbaadamu qofaan akka adeemu ta'e.
Kana malees, Ertiraan UN fi dhaabbile idil-addunyaatiin sarbama mirgoota namoomaa cimaan himatamu itti fufte. Waggaa waggaanis dargaggoonni kumaatama hedduun lakkaa'aman biyyattii baqachuuf dirqaman.
BBC Tigrinyaa dura taa'aa komishinii heera motummaa Ertiraa duraanii, Dr Berakat Haabtasillaasee fi miseensa komishinichaa kan turan biraa lama, Balaayinash Arayaa fi Paawuloos Tasfaagoorgiis dubbiseera.
Yaadni heera qopheessuu attamiin ka'e?
Kaayyoon qabsoo hidhannoo bara dheeraaf gaggeeffame inni duraa heera mootummaa, walqixxumaa fi sirna dimokiraasii ijaaruuf ture.
Battaluma bu'aan riifarandamichaa ifa ta'eettis, xiyyeeffannaan biyyaa gara heera mootummaa wixinneessuutti deebii'e.
Dr Barakat Haabtasilaasees sababii lamaaf akka Komishinii heera mootummaa sana hoggananiif filataman.
Tokkoffaa, heerri mootummaafi heera mootummaa qopheessuun damee ogummaa isaaniiti. Inni lammaffaan ammoo sababii hidhata EPLF, gartuu Asmaraa bilisoomse waliin qabaataa turaniifidha.
Haaluma kanaanis Dr Bereket Haabtasillaasee bara 1993 keessa (karaa Hagoos Gabrahiyoot, US'tti ergamaa US yeroo sanaatiin) ergaan telegiraamii Pirezidaanti Isaayaas Afawarqee irraa qaqabe.
Ergicha keessatti Pirezidaant Isaayaas Dr Barakat akka Komishinii Heera Mootummaa hoggananiif gaafatan.
Haata'u malee Dr Barakat sababii dhimma maatiif jecha gaaffii kana dida. Tibba qabsoo hidhannootti hojiidhuma EPLF raawwachuuf jecha baroota dheeraaf maatiirraa adda bahuun turan.
Pirezidaantichi garuu irra deddebiin gaafatan. Hiriyoonniifi waahillan qabsoos hojicha akka tole jedhaniif kadhatan.
Wayita gara Finfinnee imaleettis, dhimmicharratti Isaayyaas waliin fuulaa fuulatti mari'achuuf carraa argatee ture.
Achinis waa'ee dirqama komishinicha hogganuuf isarra kaa'ameefi hojii inni raawwatuuf deeggarsa maallaqaa Isaayaas isaaf kanfaluuf waadaa seenee irratti waliin mari'atan.
Hundeeffama komishinii Heera Mootummaa Ertiraa
Paarlaamaan Ertiraas kutannoo sirna dimokraasitiif qabu karaa labsii 37/1993tiin seeraan mirkaneesse.
Komishiniin Heera Mootummaas Labsii lakkoofsa 55/1994 kana gaazeexota biiyyattii irratti maxxanfame jalatti hundeeffame. Komishinichis miseensoota 50, kanneen 22 isaanii dubartoota ta'an qaba ture.
Ebla 1994 keessaa, Komishinichi simpoziyeemii qopheessuun hojii wixinee heera motummaa ifatti eegalu beeksiise.
Simpoziyeemicharrattis hayyuuleen Ertiraa kabajamoon, eksipartoonni biyya alaa, bakka buutoonni imbaasiiwwan alaa irratti qooda fudhataniiru.
Yeroo sanattis, heera motummaa qabaachuun akka barbaachisaa ta'u ilaalchisuun Pirezidant Isaayyaas haasaa dheeraa taasisanii ture.
Barbaachisummaa adeemsa wixineessuu heera mootummaa cimsuufi hirmaannaa ummataa mirkaneessuuf, Ertiraafi alaatti koreewwan adda addaa hundeeffamanii ture.
Seerri biiyyattiifi shariyaa qoratamaniiru; muxannoon biyyoota biraa ilaalamee; garaa garummaa sirnoota bulchiinsa adda addaa jidduu jiru ibsuuf seminaaronni gaggeeffamaniiru.
Balaayinash Araayaa, miseensa Komishichaa kan turte,''Erga heerri mootummaa barraa'een booda, Komishinichi marii dabalataatiif wixinicha ummataaf dhiyeesse.
''Dhumarattis, Heerri Mootummaa Ertiraa Caamsaa 23, 1997 paarlaamaan raggaasifame,'' jetti.

Madda suuraa, Getty Images
Heera Mootummaa waggoota 25'f girgijjiirra taa'ee
Heerri Mootummaa Ertiraa kunis raggaasifamee waggaa tokkoon booda hojiirra akka oolfamu eegamaa ture.
Garuu akka tasaa waraanni daangaa Ertiraafi Itoophiyaa jidduutti Waxabajjii 1998'tti eegale. Waraanni hamaan kunis bara 2000 xumurame.
''Qondaaltoo mootummaa olaanoo muraasnis yaada Ruwaandaa/US wal dhabdichi karaa mariitiin akka furamu jedhu Ertiraan fudhachu qabdi jedhanii ture.
''Haata'u malee Pirezidaanti Isaayaas Afawarqiin yaadicha diduu,'' Miseensi Komishinii Heera Motummaa duraanii kan biraa Paawuloos Tasfaagoorgiis dubbatu.
Waraana cimaan waggoota lamaaf gaggeeffameenis badii olaanaafi buqqaatii namoota hedduu qaqabsiisee ture.
Qondaaltoonni mootummaa muraasnis waraanicha haalaan hin gaggeessine jechuun pirezidaanticha qeeqan. Sababii kanaanis jidduusaaniitti qoodinsi uumame.
Dhumarattis waraanichi Waliigaltee Aljeersiin dhuma argate. Innis waliigaltee seeraa Ertiraafi Itoophiyaa jidduutti nagaa buuse ture. Waliigaltichis Muddee 12, 2000tti Aljarsi-Aljeeriyaatti mallattaa'e.
Humnootiin nagaa eegdota Motummoota Gamtoomanis daangaa irratti bobbaafamani.
Qondaaltonni mootummaa jijjirama barbaadan muraasnis, ministirootaafi jeneraalota dabalatee, heerri mootummaa hojiirra akka oolfamuuf gaafatan.
Pirezidaanti Isaayyaas garuu waamicha akkasi taasisuuf yeroosaa miti jechuun didan.
Kanaafu, gareewwan lamaan; pirezidaantichaa fi deeggartoota isaafi kanneen jijjiramaaf gaaffii dhiyeessan, jidduutti mormiin cime.
Miseensoonni garee jijjiramaaf gaafatu 15 (kan G-15 jedhamanii) Pirezidantiin hojiisaa raawwachu hin dandeenye jechuun himatan.
Fakkeenyaaf, walgahii koree jidduu galaa idilee fi gubii biyyaaleessaa hin gaggeessine jechuun himatan.
Garichis xalayaawwan ifatti miseensoota Adda Dimokiraasiif Haqa Ummataa (People's Front for Democracy and Justice- PFDJ) fi ummatatti barreessaa turan.
Kanaan boodas battalumatti, gaazexootaaf gaaffiifi deebii kennuu eegalan. Wal dhabdeenis cimaa adeemee.
''Haata'u malee, Isaayaas Afawarqee kan dura qabsaa'aa bilisummaa ture, dhimmicha bal'isuun ilaaluu hin dandeenye.
''Sababii mul'ata dhabuurraa ka'eetiin erga yeroo sanaatii kaasee Ertiraan booddeetti deebi'uu eegalte,'' jedhan Dr Barakati. Wanti eegamaa ture kamuu gonkumaa akka hin guutamne dubbatu.
Balaayinash Arayaa, miseensoonni duraan Isaayaas waliin waggoota 30f waraanaa turan miseensota pireessi odeessaalee sana qilleensa irra oolchan dabalate, heerri mootummaa hojiirra akka oolfamuuf gaafachuu isaanitiif, hundisaanii mana hidhaa buufaman agartee nahu dubbatti.
Balaayinash carraawwan haala malee dabarfaman yaaduudhaanis, silaa Ertiraan filannoowwan afur gaggeessuun heerri mootummaas hojiirra oolu danda'a ture jetti.
''Ertiraan osoo waadaa heera mootummaa hojiirra oolchuu kabajjee turte ta'e, silaa dargaggoota sihee biyyaa baqataa jiran oolchuu ni dandeessi turte, biyyoota ollaa waliinis nagaan jiraatti turte'' jetti. akkasumas badhaadhuunis.
Ilaalcha Motummaan Ertiraa Heera Mootummaatiif qabu
Gorsaan pirezidaanti Isaayyaas, Obbo Yemaana Gabra'aab fi qondaaltonni mootummaa kaan, akka waan duudhaafi naamusa heera motummaa sanaan hogganamaa jiraniitti dubbatu.
Fakkeenyaaf, feesitivaala bara 2013 Atilaantaatti gaggeeffamee irratti, gorsaan pirezidaantii kun heerri mootummaa yoom akka hojiirra oolfamu gaafatamanii ture.
Isaaniis Ertiraan chaartariidhuma heera motummaatiin hogganamaa akka jirtu himuun deebii kennan. Dabaluunis, yeroo haalawwan tasgabaa'aniitti filannoon biyyaaleessaa akka gaggeeffamus himanii ture.
Kanneen baayyeen ibsa qondaaltota mootummaatiin kenname dhagahanis dhuguma heerri mootummaa sun kan guyyaa tokkichatti hojiirra ni oolfama jechuun abdatanii ture.
Garuu ammoo yeroon adeemaa akkuma itti fufeen hojiirra oolmaan heerichaa baayyee xiqqaa ta'usaa baayyee amansiise.
Amajjii 2013 keessa, warraaqsi 'the Forto Rebellion' jedhamuun beekamuufi Koloneel Alii Hijaayiin hogganame mootummaa irratti qabsaa'u eegale.
Koloneelichiifi deeggartoonni isaas heerri mootummaa hojiirra akka oolfamuufi hidhamtoonni siyaasaa akka gadhiifamaniif gaafatan.
Hogganaan ribee lolaa sunis loltoota motummaatiin marfamnaan ofiin of ajjeesse.
Taatee kanaan duraafi boodas, haala motummaan ittiin deemaa jiruu, hojiirra oolmaa heerichaafi hidhamtoonni akka gadhiifaman dabalatee, lammiileen Ertiraa biyya alaatti argaman, mormiisaanii dhageessisaaa turan.

Pirezidaantichi yeroo Al-Jaazeeraan biyyattiin yoom akka filannnoo gaggeessitu gaafatamanii turaniitti, akkana jedhan. Aariidhaan 'tarii waggoota 30-40 booda; tarii isaan booda' jedhan.
Deebiin isaanii kunis heerri motummaa yoomu hojiirra akka hin oolfamen kan ibse ture.
''Pirezidaantichi sababii dogongorawwan irra dedebiin raawwatanitiif- dogongora silaa mana murti isaan dhaabuu danda'an- heera mootummaatiif xiyyeeffannaa homaatu hin kennan.
''Heerri motummaa silaa jalqaba akka inni aangoorra bu'an irratti xiyyeefata ture,'' jedhan Paawuloos.
Dr Barakat ammoo qaamoleen hawaasaa heerri mootummaa sun akka isaan bakka hin buune dubbatan akka jiran himu. Komiin isaaniis heerichi yeroo wixineeffamuutti keessa qooda hin fudhanneedha.
Itti dabaluunis, kanneen biraa heerri mootummaa haala pirezidaantichaaf aangoo baayyee kennuun wixineeffame kan jedhanis jiraachuu dubbatu.
Akkasumas kanneen sababii dhimmoonni lafaafi afaanii sirriin deebii hin arganneefuu irra deebiin ilaalamuu akka qabu kan kaasaniis jiruu jedhu.
''Komiin yeroo heerri motummaa sun wixinneeffamuutti adeemsicha keessatti qooda hin fudhanne jedhu kan fudhatama qabuudha,'' jedhu Dr Barakat.
''Nutis dirqama hamlee heera motummaa sana fooyyessuu, dabaluufi haaroomsuu qabna,'' jedhu.
Rakkoolee bakka heerri mootummaa hinjirretti uumaman
''Heera mootummaa qabaachuu dhabuun rakkoo akka qabu beekamaadha,'' jedhu Paawuloos. Itti dabaluunis abbaan irrummaa amma argaa jirruus bu'aa heera motummaa qabaachu dhabuu sanaati,'' jedhan.
''Abbootiin irree seerota cabsuufi malawwan isaan itti gaafatamoo taasisan balleessuun aangoorra turu.
''Kan Ertiraa keessatti ta'aa jiruus isuma kana,'' jechuun ibsan. Haata'u malee, tokkicha ummanni aangoo qabannaan dhumni abbootii irree badaa ta'us himan.
Dr Barakat warraaqsa aangoo bara 2011 (Spring Revolution) akka fakkeenyaatti kaasu. ''Ummanni tokkicha miilasaatiin dhaabbatee ni gaha jennaan kan isaan dhaabu hin jiraatu,'' jedhan.













