Waliigaltee UK-Ruwaandaa: 'Motummaan UK abbaa irreetti na ergaa laata?'

Namtichi kaampicha keessaa suudunaakanawwan fuullee taa'aa jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Kaampiin Kaaleeye bara 2016tti kan cufame yoo ta'u, garuu naannicha keessaa namoonni gara 1,500 ta'an akka jiraatan tilamamama
    • Barreessaa, Daani'ee Heenariitiin
    • Gahee, Gaazexessaa fi hojjataa Dokumantaarii BBC

Wayita Sagantaa BBC Focus on Africa'f gara Kaaleey imaleetti Kaasinoo (tirgaa) nan arga jedhee hin yaadneen ture.

Magaalaa buufata Faransaayi tun baayyee tirgaan hin beekamtu ture, garuu manni tirgaa hoteela kiyya alaa namoota balaa cimoo fudhatan arguuf akka turree na yadachise.

Nutis namoota kaampicha keessa jiraatan waliin yeroo dabarsine.

IsaanIis aanga'ootaan bara 2016 keessa ifatti gadhiifamanii ture. Garuu amoo eejjansiiwwan gargaarsaa namoonni gara 1,500 bakka nuti dowwataa jiru keessa akka jiraatan himu.

Jireenya fooyya'aa barbaacha

"Irfaan" kan karaa duubaa mul'attuudi Daani'eel Henaarii BBC irraafi nama turjumaanaan deeggaru karaa bitaatiin
Ibsa waa'ee suuraa, "Irfaan", lammii Ertiraa fi mucaa waggaa 16 yoo ta'u, baatiiwwan 18n dura biyyaa bahuun Biriteen keessatti koolugaltummaa gaafachuuf turte

Namoonni asitti argaman hundi Biriteen gahuuf hawwu. Irfaanis akkasuma- garuu hanga ammaatti aluma dhaabatee jira.

Mucaan kunis qofaas jira hanga nama turjumaanaan gargaaruun wal arguutti.

Ertiraadhaa erga bahee baatiiwwan 18 kan guutee yoo ta'u, imalasaa cimaa tureenis biyyoota akka Liibiyaa, Xaaliyaaniifi Beelijiyeem keessa darbeera.

Mucaan guddataan kuni jireenya fooyya'aa barbaacha biyya akka baqate dubbata.

''Ertiraa keessa bilisummaan hin jiru. Wayita waggaa 18 guuttee tajaajila loltummaa kennuun dirqama,'' jedha.

Waliigalteen motummaa UK fi Ruwaandaa jidduutti taasifame yoo kaayyoo isaa kanarratti dhiibbaa wayi qabaate baruun barbaade.

Tikkeetii imala tokkichaa gara Ruwaandaatti

Dargaggoota ibidda marsanii qaqqaamataa turan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kaaleeyiitti halkan keessa dargaggoonni ibidda marsanii: Karoorawwan falmisiisaan mootummaa UK baqattoota gara Ruwaandaa dabarsu ifa taasiseera

Akkasumas kanneen haaraa chaanaalii Ingilizi qaxxaamuruun dhaqqabanis akka Afrikaa- Ruwaandaatti kolugaltummaa gaafataniifi jireenya achitti jalqabataniif ni ergamu.

Motummaan UK's imaammanni haaraan kun namoonni gara sana akka hin imalleef ni dhorka.

Garuu kanneen mirgaaf falman namoonni akka Irfaan fa'i waan lafa UK hin qaqqabneetti koolugaltummaa gaafachu sababii hindandeenyeef jecha bidiruuwwan fi konkolaataawwan fe'umsaa fayyadamuuf deebisanii mallatteessaniiru jechuun falmu.

Ifaan baatii lamaa oliif maatii isaa waliin akka wal hin quunnamiin natti himeera.

''Maatiinkoo eessa akkan jiru hin beekan. Haalli itti wal qunnamnu hin jiru.''

Namni turjumaanaa kan hojjattoota eejansiiwwan gargaarsaa baqattoota Kaaleeyi keessatti gargaaran keessa tokko waliin hojjatuus, osoo waan Ifraan jedhu hiikaa jiruu miira cimaa keessa gale.

Innis mataasaa lafatti gadi qabuun irqinfatee bo'uu eegale. Nagaa ta'usaan gaafadhe, innis nagaadha jechuuf mataa raase.

Namni turjumaanaa kunis bayyanatee haasa'uu eegale.

''Obboleessaafi obboleettiiwwan kiyyan yaade. Waggaafi walakkaaf daandii irran ture. Maal keessa akka jiran hin beeku,'' turjumaanichis waan Ifraan duraan jedhe hiikuu danda'e.

Dargaggoota ibidda marsanii qaqqaamataa turan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gargaarsa eejansiiwwan gargaarsaa fi teekinolojiitiin, kanneen Kaaleey keessatti koluugaltummaa gaafatan kaampii yerootiin ala jireenyi maal akka fakkatu beeku

"Osoo argamtee gara Ruwaandaatti ergamte maaltu si mudata?'' jedheen gaafadheen.

''Innis Biriten biyya seeraan bultu. Motummaan UK gara Ruwaandaatti na ergaa? Inni abbaa irreeti'' jedhe.

''Yoo didan waanan Ruwaandaa keessa turu natti hin fakkaatu.''

Ruwaandaan dhaabbilee mirga namoomaa kan akka Komishinii Mirga Namoomaa fa'iin akka biyya abbaa irreetti ilaalamti. Pirezidantii biyyattii Pool Kaagaameen erga bara 1994 kaasee biyyattii bulchaa jiru.

Erga biyya wal dhabdee sabaa fi duguggaa sanyiitii raafamaa turte bulchuuf gara aangootti dhufaniis, mootummaa paartii tokkichaa hogganaa jiru jedhamuun qeeqamu.

Dunkaana Kaaleey keessa jiraachuu

Irfaan namoota kaa biraa waliin Kaaleey dunkaana keessa, riqiicha jalaafi gamoowwan duwwaa fa'i jiraateera
Ibsa waa'ee suuraa, Irfaan namoota kaa biraa waliin Kaaleey dunkaana keessa, riqiicha jalaafi gamoowwan duwwaa fa'i jiraateera

Irfaan UK keessatti kooluugaltummaa gaafachuuf kutateera. Faransaay irra achiitti caalaa kunuunsa akka argatu amana.

Kaaleen mallattoo rakkina baqattoota Awurooppaa ta'eera. Namoonni imala bidiruuwwan xixiqqoo balaafamoo ta'aniitiin ykn konkoolaataa fe'umsaa ykn baabuuraan gara UK qaqabuu yaalu.

Adooleessa 2016 keessa, osoo aanga'oonni Faransaayii kaampicha hin diigiin baatii sadiin dura, lakkoofsa Dhaabbata Mit-Motummaa Gargaarsa Baqattootaan taasifameen namoota 7,000 ta'utu achi jiraataa ture.

Har'a garuu Irfaan fi kaan Kaaleey keessa dunkaanaafi bakka bulmaataa kanneen akka gamoowwan duwwaa fi riqicha jala fa'i bulaa jiru.

Haallisaa baayyee cimaafi wantoota jireenyaaf barbaachisan haalli itti argatanis baay'ee murtaa'aadha.

Eenyumtu dhugaatti asi turu hin barbaadu, garuu ammoo jiraataa jiru. Biritish keessatti jireenya haaraa jiraachuuf abdatu.

''Biritish keessatti namoonni ni gargaaramu, barachuu ni dandeessa,'' jedha.

Baqattoota Yukireen

Deeggarsa eejansiiwwan gargaarsaa fi teeknolojiiwwan haaraatiin, baqattoonni Kaaleeyi keessaa jireenyi kaampichaan alaa maal akka fakkaatu ni beeku.

Haalli baqattoonni Yukireen aanga'oota UKn itti keessummeefaman gaaffiiwwan kaaseera.

''Warra Yukireen waliin wal bira madaalchifamuu hin dandeenyu. Isaan hoteela keessa jiraatu,'' jedhan dargaggeessi dubbise tokko.

"Aanga'oonni Awurooppaa haala ummata Yukireeniif kunuunsa itti taasisaniin, waa'ee keenyaa dhimma hinqaban.''

'Yoo gara Ruwaandaatti nu eerguuf yaalan, omtuu hin fudhatu,' jechuun BBCtti hime dargaggoota kaampicha keessa jiraatan keessaa tokko

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, 'Yoo gara Ruwaandaatti nu eerguuf yaalan, omtuu hin fudhatu,' jechuun BBCtti hime dargaggoota kaampicha keessa jiraatan keessaa tokko

"Yoo gara Ruwaandaatti nu erguuf yaalan, homtuu hin fudhatu,'' jedhe.

Dargaggoonni nuti dubbifne kunis, akka egereensaa ifa ta'e amana. Rakkoon isaan keessa darban guyyaa tokkoo akka gatii baasuu yaada.

"Jireenyi baay'ee cimaadha, garuu dandamachuu baranneera. Wanti hunduu gaarii ni ta'a,'' jedha Irfaan.

Innis ta'e warra kaan yoomiifi attamiin wanta gaarii sana bira akka gahan garuu hin beekan.

*Maqaan dargaggoo kanaatis haaluma gaaffii isaatti jijjirameera.