Ruwaandaan baqattoota UK irraa simachuuf waliigaluun maal agarsiisaa?

Madda suuraa, Getty Images
Yunaayitid Kingidom (UK)n godaantota karaa seeraan alaa gara biyyashee galan gara Ruwaandaatti dabarsuudhaaf mootummaa Kigaalii waliin waliigalteerra geesse.
Akka waliigaltee kanaatti UKn godaantota karaa ulaa Ingilish Chaanaal jedhamuun gara biyyashee seenuun kolu-galtummaa gaafatan gara Ruwaandaatti gaggeessiti.
Ruwaandaan ammoo baqattoota UK irraa fudhattu gaaffii kolu-galtummaa isaanii ni qoratti.
Gaaffii baqattootaa deebii kan argatu yoo ta'e ammoo Ruwaandaa keessa akka jiraatan hayyamamaaf. Baqataan Ruwaandaa keessa jiraachuu hin barbaadne ammoo gara biyya dhaloota isaatti ykn ammoo gara biyya sadaffaa simachuu danda'uutti dabarfamuu danda'a.
Ruwaandaan gocha ishee kanaaf UK irraa maallaqa guddaa fudhatti jedhameera.
Kun osoo kanaan jiruu, waliigaltee UK fi Ruwaandaa kana mormiin cimaan mudateera. Quuqamtoonni mirga namoomaa Ruwaandaan biyya mirgoonni namoomaa itti hin kabajamneefi nageenyi isheellee amansiisaa hin taanedha jedhu.
MM UK Booris Joonsan gama isaaniitiin biyyoota nageenyi isaanii amansiisaa ta'an keessaa Ruwaandaan tokkodha jechuun dinqisiifatu.
Namoonni Ruwaandaa argan garuu wanti biyyattii keessatti argan isaan ajaa'ibsiisuu dubbatu.
Baayyee qulqullooftuufi magariisa qalbii namaa hawwataniin kan guutamtedha. Tajaajilli interneetii magaalattii keessa jiru baayyee amansiisaadha.
Lammileen Ruwaandaa hunduu gibira sirriitti kan kaffalan yoo ta'u, tajaajilli kamiyyu amansiisoodha.
Mootummaan Pool Kagaameen Ruwaandaan biyyoota addunyaa nageenyi isaanii amansiisaa ta'e keessaa tokkodha jedha.
Weerara koronaavaayiras akka fakkeenyaatti yaa fudhannu.
Ruwaandaan oduun weerara dhibee kanaa guyyaa dhaga'ameerraa tarkaanfiiwwan bu'a qabeessa ta'an fudhachuu irraa duubatti hin deebine. Dhorkaawwan sochiifi qajeelfamawwan biroon haalaan hojiirra oolfamaa turan.
Yeroo ammaa kana uummata Ruwaandaa waliigalaa keessaa harka dhibba keessaa 60 kan ta'u talaallii argateera.
Wanti gaarii ta'e kun akkuma jirutti dhimmoonni nama yaaddessanis hin dhiban.
Fakkeenyaaf, namni tokko gara mana dhugaatiitti goree dhimma wal falmsiisu tokko kaasee yaada isaa ibsachuun hin hayyamamu.
Namni akkasii amala hin taane agarsiiseera jedhamee gara aanga'ootatti gabaafamuu danda'a.
Mootummaan Ruwaandaa wanta yaaddoodha jedhuuf obsa hin qabu.
"Ruwaandaan Siwiizerlaand Afrikaa fakkaatti. Haata'u malee, biyyattiin baayyee sodaachiftuufi mirga namaa ukkaamsitudha," jechuun Ruwaandaa ilaalchisuun BBCtti dubbatte Mikeelaa Roong.
Yeroo hundaa ji'a ji'aan Sanbata dhuma ji'aa irra lammiin Ruwaandaa hunduu naannawaa jiranii walitti bahuudhaan waloon qe'ee isaanii qulqulleessuu aadaa godhataniiru.
Daandiiwwan ni qulqullaa'u, balfis ni sassaabamu akkasumas bishaan kuufaman jiraanaan akka dhangala'an taasifamu. Aadaan kun 'Umugaandaa' jedhama. Afaan ummatichaatiin hojii hawaasaa akka echuuti.
Lammiin Ruwaandaa akka maqaan isaa hin eergamne barbaade tokko akka jedhutti Umugaandaa keessatti akka hirmaataniif seerri dirqisiisu jiraachuu baatus garuu tarii mootummaatti gabaafamuun danda'a sodaa jedhuun hojii kanarratti hirmaatu.
Ruwaandaan akka waliigaltee Yunaayitid Kingidam waliin taasiftetti dhaabbileen godaantota simatan kan gurmaa'an ta'ee akka baayyeen keenya beeknu dunkaanota pilaastikaan guutaman miti.
Ruwaandaan uummata miliyoona 13 kan qabdu yoo taatu, hanga ammaatti Mootummoota Gamtoomanii waliin waliigaluudhaan bara 2019 irraa kaastee Afrikaanota kolu-galtummaa gaafatan 900 Liibiyaa irraa fudhatteetti.

Madda suuraa, AFP
Wiirtuun baqattoonni keessatti keessummeeffaman 'Gaashora' jedhamu kolu-galtoonni harki caalaan ammoo Liibiyaa irraa dhufan.
Kolu-galtoota gara wiirtuu kanaa akka galan kanneen taasifaman keessaa walakkaa ol kan ta'an gara Siwiidin, Kanaadaa, Noorwey, Firaansiifi Beeljiyeemtti dabarfamaniiru.
Wiirtuun UN jalatti bulu kun baqattoonni gidiraa hedduu dabarsaniif tajaajilawwan gara garaa kenna.
Ogummaa jireenya haaraa akka jalqabaniif isaan gargaarus ni baratu. Wiirtuun kun leenjii ogummaa konkolaachisuu kan qabu yoo ta'u, baqattoonni kolu-galtummaa gaafatan afaanotaafi ogummaawwan biroo barachuu ni danda'u.
Bara darbe karoora amma UKn raawwachuuf jirtu kana yaaddee kan turte Denmaark Gamtaan Afrikaa murtee ishee mormuun ibsa baasee ture.
"Tarkaanfiiwwan kana fakkaatan jibba Afrikaanotaaf qaban kan agarsiisudha," jedhee ture Gamtaan Afrikaa.
Afrikaan baqattoota addunyaarra jiran keessaa harka dhibba irraa 85 kan ta'u kan keessummeessitu yoo ta'u yeroo baayyee baqattoonni dunkaana walitti muddameefi jireenyaaf hin mijanne keessa jiraatu.
Gama biraatiin biyyoonni guddatan garuu baqattoota harka dhibba keessaa 15 ta'an qofa simachuun keessumeessu. "Murtoo namoota kolu-galtummaa gaafatan daangessuufi qabuu fedhudha. Rakkoowwan Afrikaa jiran jalaa baqatanii biyya isaaniirraa namoota godaananiif gara Ruwaandaa deemuun baayyee isaan kan sodaachisudha," jetti Mikeelaa Roong.

Madda suuraa, AFP
Wiirtuun baqattootaa amma UKn Ruwaandaa keessatti hundeessuu namoonni kolu-galtummaa gaafatan Ruwaandaa keessa yeroo dheeraaf akka turaniifi jireenya isaanii lafa qabsiifataniif isaan gara gaara jedhameera.
Ruwaandaan baqattoota hangamii akka fudhachuu dandeessu ifa kan hin goone yoo ta'u, MM UK Booris Joonsan garuu waggoota itti aanan keessa baqattoota kuma kudhaniin lakkaa'aman kolu-galtummaa gaafatan Ruwaandaa tursiisuuf karoorfamuu isaa ibsaniiru.
Mikeelaa Roong akka jettutti magaalaa guddoo Kigaalii irraa kan hafe naanawaanbiraa baayyinaan lammileen qonnaa irratti bobba'anii jiraatan kan itti baayyatanidha.
Naanawaa lafti bajjii qonnaaf oolu martinuu faayidaarra ooluun isaa ammoo baqattoonni kunneen akkamiin jiraatu kan jedhu gaaffii cimaa taasia.
Bara darbe pirezidantiin Ruwaandaa Pool Kaagaamee namoomaaf jecha wiirtuuwwan baqattootaa akka hundeeffaman akka hayyaman ibsanii ture.
Haata'u malee, xiqqoo ta'anillee paartileen mormitootaa murtichi maallaqa argachuuf malee namoomaaf jedhamee kan taasifame miti jechuun mormanii turan.
Biyyoonni warra Lixaa baayyeen dugaaggaa sanyii waggootaan dura raawwatameen booda guddina dinagdeefi jijjiirama Ruwaandaan argamsiiftee ajaa'ibsiifataa jiru.
Ruwaandaan baqattoota biyyoota Afrikaa irraa gara biyyoota Awurooppaa deemuu barbaadanniif dahoo kennuudhaaf waliigaluun ishee tarii Waxabajji dhufu kora biyyoota Koman-walz gaggeeffamuuf jiru keessummeessuuf fedhii qabdurraa kan madde akka ta'e kan himanis jiru.














