Baqataan Ruwaandaa Kaatediraalii Naantesitti ibidda qabsiisuu amanuu abukaatoon isaa hime

Kaatediraalii gubate

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Kaatediraalii miidhaan ibiddaa qunname

Baqataan lammii Ruwaandaa tola ooltummaan Kaatediraalii Naantes Faransaayitti argamu to'ataa ture gubuu isaa amanuu abukaatoon isaa hime.

Ibiddi kuni torban darbe kaatediraalii waggaa dheeraaf ture midhe.

Sababa kanaaf, yeroo darbe erga gadhiisame booda Sambata galgala deebi'ee hidhamuun isaa gabaafameera.

Sababni ijoo ibidda itti qabsiise ammaaf hin baramne.

Abukatoon isaa Kuweentin Chaabert ripportarootatti akka himetti erga raawwatu isaa amanee booda 'keessi isaa boqote' jedheera.

Baqataan tola ooltummaan kaatediraalicha to'ataa ture maqaan isaa hin ibsamne. Kana dura kaatediraalii kana eenyu akka gube qorachuuf gaafatame ture.

Guyyaa ibiddi qabate dura balbala kaatediraalichaa kan cufe lammii Ruwaandaa kana ture.

Kana dura qondaaltonni ibiddichi bakkeewwan sadiiti gubachuu eegaluu isaafi beekaa namaan raawwachuu akka hin oolle akka shakkan ibsanii turan.

Abbaan alangee Naantes Piyerree Seenes gaafa Sambataa akka ibsetti baqataan maqaan isaa hin dhahamne kuni ''qabeenyi ibiddaan akka baduufi barbadaa'u'' taasisuun himatameera.

Himannaa kanaan hanga waggaa 10 adabamuu danda'a jedhan. Dabalataan, dolaara 175,000 adabamuu mala jechuun AFP'n kan gabaase.

Hojjettoonni ibidda dhaamsan 100 qooda fudhachuun bakkeewwan ijoo kaatediraalichaa akka hin gubanne to'ataniiru.

Kanaanis, Ministirri Muummee Faransaay Jiyaan Kaasteks isaan jajaniiru.

Ji'oota 15 durallee kaatediraalii Nootira Daam jedhamuufi magaalaa Paarisitti argamu ibiddaan haalaan hubamuun isaa ni yaadatama.