Somaaliyaan loltoota ishee 5000 Ertiraatti leenji'an biyyatti deebisuufi

Kana dura haadholiin Somaaliyaa achi buutee ijoollee isaanii gaafachuuf daanditti bahanii ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kana dura haadholiin Somaaliyaa achi buutee ijoollee isaanii gaafachuuf daanditti bahanii ture

Loltoonni Somaaliyaa yoo xiqqaate 5,000 ta'an Ertiraarraa yeroo dhihootti gara biyyaa akka deebifaman Pirezidantiin Somaaliyaa dhihoo aangoorraa ka'an Mohaammad Abdullaahi Farmaajo mirkaneessaniiru.

Manni Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii baatii Guraandhalaa keessa gabaasa baaseen waraanni Somaaliyaa waraana Ertiraa waliin ta'uun lola Tigraayirratti hirmaachuu himee ture.

Sanadi qabiinsa mirga namoomaa Ertiraarratti fuulleffate kuni loltoonni Somaaliyaa leenjiirra turan gara dirree waraanaa Tigraay geeffamuufi Aksumiis akka turan oddeeffannoo jedhu qabatee ture.

Mootummaan Somaaliyaa garuu Eertiraa keessa loltootni Somaaliyaa homtuu hin jirani jechaa ture. Taatullee, boodarra Eertiraa keessa loltoonni jiraachuu amaneera.

Haa ta'u malee, waa'ee lola Tigraay irratti hirmaachuu isaanii waan mirkaneesse hin qabu.

Kana dura mootummaan Somaaliyaa himannaa loltoonni biyyattii humnoota TPLF loluurratti hirmaatan jedhu hin fudhanne.

Mootummaan Itoophiyaas isa loltoonni Somaaliyaa hirmaataniiru jedhu sobadha jechuun isaa ni yaadatama.

Guyyaa Wiixataa Pirezidantiin Somaaliyaa duraanii Mohaammad Abdullaahi Farmaajo Pirezidantii haaraa Hasan Sheek Mohaammadif aangoo dabarsanii kennaniiru.

Hassan Sheek Mohaammad [bitaa] morkataa isaanii Mohamed Abdullahi Farmajo (mirga] mo'acuun haloo bahatani

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Hassan Sheek Mohaammad [bitaa] morkataa isaanii Mohamed Abdullahi Farmajo (mirga] mo'acuun haloo bahatani

Sirna magaalaa guddoo biyyattii Moqaadishootti taasifameen ture Pirezidantiin duraanii Farmaajoon Ertiraatti loltoonni 5,000 leenjii fudhatan akka turan ifatti kan dubbatan.

Waggoota shaniif biyyattii bulchaa kan turan Farmaajon loltoonni kunneen leenjii isaanii waggaa darbe xumuruu himan.

Haa ta'u malee, haala siyaasaa Somaaliyaa keessa tureeniifi filannoorratti dhiibbaa akka hin uumne yaadda'un biyyatti deebisuu tursuu isaanii dubbatan.

Baallii yeroo walii dabarsan Farmaajoon faayilii loltootaa Pirezidantii haaraa biyyattiif Hasan Sheek Mohaammudiif kennamuu mirkaneessaniiru.

Kana dura biyyattii 2012 - 2017 kan bulchaniifi irra deebiin aangootti kan deebi'an pirezidantiin haara akuni loltoonni Ertiraa keessatti leenji'an biyyatti atattamaan akka deebi'an himan.

Dabaluunis, ''biyyattii bilisa baasuuf hojjetu,'' jechuun dubbachuu isaanii miidiyaaleen Somaaliyaa gabaasaniiru.