Somaaliyaatti 'Achi buutee ijoollee keenyaa nu beeksisaa' jechuun maatiin mootummaa gaafatan

Haadhoolii eessa buutee ijoolleesaanii gaafachuuf hiriira bahan keessaa

Somaaliyaatti maatiiwwan loltootaa kanneen leenjii loltummaatiif gara Ertiraatti ergamanii garuu eessa buutensaanii dhabame jedhamanii Moqaadisootti hiriira bahan.

Maatiiwwan kunneenis gabaasa UN dhiheenya loltoonni Somaaliyaa lola Tigraay keessatti hirmaataniiru jedhu hordofuun ture Kamisa darbe magaalaa Moqaadishootti hiriira bahuun mootummaan ijoolleensaanii eessa akka jiran akka itti himuuf kan gaafatan.

Riippoortarri BBC Somaali Moqaadishoorraa akka gabaasteetti, maatiiwwan hiriira bahan dhaadannoo mootummaan achi buutee ijoolleesaanii akka himu gaafatan qabachuun daandiitti bahan.

.

Maatiiwwan hiriira kanarratti hirmaatan keessaa tokko kan ta'an Jaamaa Abdullaahii Bulee, ilmasaanii Mohaammad Jaamaa kan Saawudii Arabiyaatti dhalate erga bakka jiru dhagahuu dhabee bubbuluu hima.

Haata'u malee, tajaajjilliwwan tikaafi ajajoonni isaanii himannaa maatiiwwan kunneen hiriiricharratti kaasan irratti hanga ammaatti yaada hin kennine.

Mootummaan Somaaliyaa yeroo baayyee himannaa loltoonni Somaaliyaa waraana Tigraay keessatti hirmaataniiru jedhu ni morma.

Maatiiwwan eessa buutee ilmaansaanii gaafachuuf hiriira bahan keessaa tokko kan ta'an Faadumoo Mohaammd Kheyre, ilmisaanii Yuusuuf Gaaraad Abdii kan umuriinsaa waggaa 18 eessa akka jiru hin beeku jedhan.

''Ilma kiyya Yusuuf timaatimii gurgureen guddifadhe. Kanaafuu, mootummaa Somaaliyaa ilma kiyya akka naaf deebiisaniin barbaada,'' jedhan haati kun.

''Tibba Eid torbaan lamaan dura naaf bilbiluun 'kaleen kiyya waan na dhukkubeef hospitaala galeera' naan jedhee ture.'' Akkasumas, ilmi adaadaa ishee harkaafi miilli miidhamuu akka dhagahan dubbatti Faadumoon.

.

Mootummaan maal jedhe?

Hiriira maatiiwwan kanneen gaggeeffame hordofuun Ministira Odeeffannoo Somaaliyaa Osamaan Abukaar Dubbeetiin Moqaadishootti ibsa gaazexessitootaaf kennaniin, loltoonni Somaalii leenjiif Ertiraa keessa akka turan mirkaneessaniiru.

Haata'u malee, Obbo Osmaan dhimmichi baayyee 'siyaasaan wal qabsiifameera' jechuun, humnootiin Somaaliyaa waraana Naannoo Tigraay keessatti hirmaataniiru gabaasa jedhu haalan.

Wasiir Dubbe

Madda suuraa, TQS

''Baayyee nama dhiba. Loltoonni Somaaliyaa Tigraay keessatti waraana irratti hirmaatan hin jiran,'' jedhan. Dargaggoonni keenya Ertiraa leenjiirratti argamu. Kan du'ee ykn miidhame omtuu hin jiru. Wayita leenjii xumuraniitti ni deebii'u,'' jedhaniiru.

Siriiyyuu Obbo Osamaan kaadhimamtoota pirezidaantummaa dhimmi leenjiitoota kanneenii ajandaa taasisan jechuun komatan.

''Qondaaltoonni siyaasaa kunneen waa'ee ajjeechaa daa'imanii Keeniyaan biyyattii keessatti raawwattu hin dubbatan. Garuu dhimmi leenjitoota kanneenii ajandaa taasifatan,'' jedhuun riipportatti himan.

UN waa'ee lolltoota Somaaliyaa maal jedhee?

Gabaasni torban kana UN baase, loltoonni Somaaliyaa leenjiidhaaf Ertiraatti argaman waraana Itoophiyaa kan Naannoo Tigiraay keessatti hirmaataniiru jedhe.

Dhaabbanni UN loltoonni Somaaliyaa humnootii Ertiraa waliin hiriiruun Tigraay magaalaa Aksuum keessatti lolaa turusaanii ilaalchisee gabaasnawwan na qaqabaniiru jedhe.

''Loltoonni Somaaliyaa Aksuumiitti mul'achusaanii gabaafameera'' jedha dhaabbatichi.

Haata'u malee, mootummaan federaalaa Somaaliyaa himannaa loltoonni biyyattii leenjiirra turan waraana Tigraay irratti hirmaataniiru jedhu kana hin fudhatu.

Dhaabbanni UN ammoo Waajjiirri Dhimma Alaafi Koreen Ittisa Paaarlaamaa Somaaliyaa pirezidaantiin biyyattii ergamtoota gara Ertiraatti erguun himannaa kana akka qulleesaniif gaafachusaanii gabaasa qabaachuu himeera.

Maatiiwwan ijoolleesaanii akka deebii'an gaafatan keessaa