Siyaasa Somaaliyaa: Pirezidantiin haaraa Hasan Sheek Mohaammud eenyu?

Hassan Sheikh Mohamud

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroon bulchiinsa Hassan Sheek Mohamud waggaa afuritti xumurama
    • Barreessaa, Mohaammud Alii
    • Gahee, BBC News, Naayiroobii

Pirezidaantiin Somaaliyaa haaraan amma filataman kun hojichaaf nama haaraa miti. Bara 2012 hanga 2017tti pirezidantii saddeettaffaa Somaaliyaa tahuun tajaajilaa erga turan booda filannoo bara 2017 irratti amma aangoo kan gadhiisaa jiran pirezidaanti Mohaammed Abdullaahi [Farmaajoo]'dhaan mo'aman.

Pirezidantiin kuni Dilbata darbe biyya Gaanfa Afrikaa rakkoo nageenyaa keessa turte kana keessatti yeroo lammaffaaf pirezidaanti tahuun filamanii seenaa haaraa hojjetan.

Dorgommiin pirezidaantummaa kun falmii cimaan irratti mul'achuun gara gara marsaa saddaffaaf sagalee kennuutti cehee ture. Dorgommiin akkasii seenaa biyyattii keessatti mul'atee hin beeku.

Hasan damee barnootaa kan qo'atan yoo ta'u duulli filannoo isaanii Somaali tokkoomsuun ummata adunyaa kaan waliin nagaan akka jiraatan gochuu irratti xiyyeeffate.

Wiixata yeroo sirna kakuu galaniis kana osoo hin eeriin hin darbine.

''Waadaan isinii gala biyyoota ollaa fi michoota keenya idil-adunyaa waliin walitti dhiyaachuun ni hojjenna.''

Dubbiin isaanii araaraa fi nagaa fiduu irratti kan xiyyeeffatee fi lammiilee Somaaliyaa hundaaf wal qixaan akka hojjetan waadaa seenan.

Sirna sagalee kennuu marsaa sadaffaa irratti sagalee 214 argachuun garaagarummaa guddaadhaan morkataa isaanii aangoo irra jiran Faarmaajoo kan sagalee 110 argatan mo'atan.

Kun nama bara 2017 isaan injifate irratti akka haaloo bahuuti.

Waggoota lamaan darban Mooqaadishoo keessatti kan dabarsan Mohaammad Hasan filannichi yeroo kaa'ameef keessatti akka gaggeeffamuuf duula gaggeessaa turani.

Paartilee mormituu tokkummaa uumuun wixinee Farmaajoon erga aangoo isaanii waggoota lamaaf dheeressuuf yaalanii morman keessaa tokkodha.

Hassan Sheek Mohaammad [bitaa] morkataa isaanii Mohamed Abdullahi Farmajo (mirga] mo'acuun haloo bahatani

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Hassan Sheek Mohaammad [bitaa] morkataa isaanii Mohamed Abdullahi Farmajo (mirga] mo'acuun haloo bahatani

Guraandhala 2021, yeroo humnootni nageenyaa hoteela isaanii Moqaadishoo jiru cabsanii seenuun mormii paartileen mormitootaa karoorsaa turan dhaabsisuuf yaalan dhiibba keessa galanii ture.

Yeroo waraana waliinii Somaaliyaa waggoota 30 ture keessa hoggantoota muraasa biyyuma keessa turan keessaa isaan tokkodha.

Pirezidantiin gara aangootti dhufan kun biyya rakkoo hedduun muddama keessa galte Faarmaajoo harkaa aangoo fudhatu.

Goginsa hamaa UN biyyattii hongeef saaxila yoo deeggarsi ariifataan hin taaneef jedhe dabalatee Somaaliyaan rakkoo keessa jirti.

Ummatni miliyoona 3.5 tahu deeggarsa nyaataa ariifachiisaa kan barbaadan yoo tahu amma beelaaf saaxilamaniiru.

Kana malees qaala'insa jireenyaa biyyattii keessatti sababa waraana Yukireeniin hammaate dhaabsisuu irrattis hojjetu.

Rakkoon biraa inni isaan furuuf hojjetan ammoo wal dhabdee mootummaa federaalaa fi mootummoota naannolee biyyattii gidduutti uumamedha.

Kun bara bulchiinsa Faarmaajootti yaaddoo guddaa tahuun itti fufeera.

Pirezidantii Haaraa Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad

Madda suuraa, AFP

Rakkoo malaammaltummaa furmaata hin arganne

Xiinxaltootni akka jedhanitti pirezidaantichi hariiroo biyyoota akka Keeniyaa, Jabuutii fi Yuunaayitid Arab Imireetis cabeeru irratti hojjechuu qabu.

Pirezidantiin aangoo dabarsaa jiran Faarmaajoon yeroo garaagaraatti hariiroo Keeniyaa waliin qaban adda kutaniiru. Akkasumas daangaa galaanaa irrattis waldhabaa turan.

Bara 2012 keessa mootummaan Somaaliyaa biyyoota addunyaa kaan waliin hariiroo akka qabaatu kan dalagan yoo tahu, hariiroo biyyoota Afrikaa fi biyyoota Lixaa waliin qabanis deebisanii haaromsan.

Haa tahu malee, yakka malaammaltummaa akka malee babal'atee ture dhaabsisuu dadhabuu isaaniitiin hedduu ceepha'amaniiru.

Bara1955 kutaa Hiiraan jedhamtu gidduugaleessa biyyattii keessatti kan dhalatan Hasan, ollaa Mooqadishootti guddatani.

Bara 1981 digirii isaanii Yuunvarsiitii Biyyaalessa Mootummaa Somaaliyaa [Somali National University] jedhamu irraa teeknikal injineriingiidhaan eebbifamani.

Osoo digirii lammaffaa isaanii Yuunvarsiitii Bihooppaal, Indiyaatti, hin xumuriiniifi aangootti hin dhufiin dura barsiisaa tahuun hojjechaa turani.

Yeroo achii deebi'an ammoo Ministeera Barnootaatti leenjii barsiisotaa UN'n deeggaramu qindeessuuf ramadamani.

'Nama Islaama hin cimsine'

Bara 1991 yeroo mootummaan gidduugaleessaa kufu, Hasan qondaala barnootaa tahuun dhaabbata UNICEF, galuun Kibbaa fi gidduugala Somaaliyaa keessa yeroo imalaa turanitti ''dameen barnootaa hammam akka kufe hubatan.''

Waggaa sadii booda erga waraanni banamee Moqaadiishoo keessatti mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa tokko banani.

Al-Islah garee jedhamu damee 'Muslim Brotherhood' kan walitti bu'insa gosaa mudate keessatti deebisanii sirna barnootaa ijaaruun qooda ol aanaa bahate waliin hidhata qabu.

Manneen barnootaa hedduu sirni barnoota isaanii kan Musiliimaa tahe kan biyya Sudaanii fi Masirii waliin wal fakkaatu hundeessaniiru.

Haa tahu malee, garee jihaadistootaa al-Qaayidaatti hidhata qaban al-Shabaab mormuun beekamu.

Namni kun nama amantaa Islaamaa hordofaniifi hin cimsine [moderate] jedhamuun kan beekaman yoo tahu, Tokkummaa Mana Murtii Islaamaa [Union of Islamist Court] jedhaman waliin walitti dhufeenya qabu jedhama.

Gareen kuni waraana waliinii biyyattii mudate keessatti seer-maleessumaa mudate dhaabsisuuf jecha jalqaba abbootii qabeenyaa biyyattiin kan hundaa'edha.

Bara 2006 manni murtichaa [UIC] hamma tokko Somaaliyaa keessatti nageenyi akka dhufu taasiseera.

Booda Itoophiyaan dhiibbaan al-Shaabaab gochaa ture daballaan biyyattii weeraruun aangoo irraa buuste.

Deeggartootni isaanii gochaa kamiyyuu nagaa fi tasgabbii biyyattiif fida jedhanii yaadan ni deeggaru jechuun ibsu.

Bara 1990 keessa Obbo Hasan Mohaammad garee siivilii biyyattii keessatti dammaqinaan hirmaachaa turan.

Namootni isaanitti dhiyaatan akka jedhanitti wal dhabdee gosoota gidduutti mudate araarsuun beekamu.

Hojiin isaanii inni guddaan itti beekaman ammoo bara 1997 marii garee ''Green Line' jedhamu bakkaa kaasuuf gaggeeffame irratti isaan taasisanidha.

Gosa tokko irraa abbootiin waraanaa aangoo qabachuun Mooqadishoo bakka lamatti kan qoode ture.

Jalqaba bara 1990 keessa 'Green Line'' kun ''Kaanserii Mooqadishoo'' jedhamuun beekama ture. Qoqqooddaa jireenya lammiilee biyyattii fi namoota siyaasaatti hammeesse ture.

Waraana waliinii booda bara 2001 akka qorataatti Gidduugala Qorannoo fi Marii biyyaa keessa seenan.

Qaamni kun ammoo takka takka warra Lixaa waliin hariiroo jabaa qaba jedhamuun qeeqama ture.

Akkasumas qaamolee UN hedduu fi mootummaa Ce'umsaa biyyattiif gorsaa tahuunis hojjetaa turaniiru.

Qorannoon isaanii shakkii tokko malee Somaaliyaa waggoota 30 oliif waraana keessa turte gargaara.