Somaaliyaatti basaastuun tokko achi buuteen dhabamnaan wal dhabdeen hammaate

Ikraan Tahliil

Madda suuraa, BARAHA BULSHADA

Somaaliyaatti dubartii basaastuu humna tikaa taate Ikraan Tahliil jedhamtu achi buuteen ishee dhabamnaan pirezedaantii fi Ministira Muummee gidduutti wal dhabdeen uumame guddataa dhufe.

Ministirri Muummee Mohaammad Huseen Rooblee akkaataa itti dhimma kana qabe irratti hogganaa humna tikaa biyattii hojii irraa dhorke.

Pireezidant Mohaammad Abdullaahi Mohaammad maqaa Farmaajoo jedhamuun beekamu ammoo hogganaa tikaa sana hojiitti deebise.

Ejensiin tika Somaaliyaa torban darbe Ikraan Tahliil al-Shabaabiin butamtee ajjeefamte jechuun ibsa baase. Al-Shabaab ammoo yeroosuma gochaa kana haale.

Waa'een Tahliil kun Somaaliyaa keessatti burjaajjii uumuun dhimma wal mormisiisaa taheera.

Dubartiin ganna 25, kun xumura ji'a Waxabajji keessa konkolaataa mootummaa tokkoon mana jireenyaasheetii baate. Kun waan namni hunduu irratti waliigalu fakkaata.

Hogganaan humna Tikaa Somaaliyaa Fahaad Yaasmiin, al-Shabaab Tahliil butuun ajjeese jedhullee, gareen hidhattootaa kun ammoo akka harka keessaa hin qabne himan.

Kana hordofee Ministerri Muummee Somaaliyaa hogganaa tikaa Mr Yasmiin hojiirraa dhorke. Booda pireezidantiin biyyattii ammoo hojiisaa akka itti fufu murteesse.

Gareen mormitootaa mootummaa ammoo Ms Tahliil kan dhabamsiifamteef waa'ee loltoota Somaaliyaa icciitii murteessaa waan of harkaa qabduuf jedhan.

Kunis waa'ee loltoota Somaaliyaa Eertiraa keessatti leenjii loltummaa fudhatanii yookiin biyya ollaa jirtu Itoophiyaa keessattti lolanii akka tahe himan.

Haati Tahliil ammayyuu intalashee akka deebisaniif yookaan namoota ajjeesan irratti murtoo haqaa akka darbuuf waamicha gochaa jirti.

Somaaliyaan filannoo pireezidaantummaatti ademaa jirti. Garaagarummaan dhimma qondaala tikaa achi buuteen ishee dhabamee irratti pireezidantii fi Ministira Muummee biyyattii jidduutti uumame, wal-diddaa duraanuu anga'oota lamaan jidduu jiru hammeessee filannoo dhyaachaa jiru gufachiisuu mala yaaddoon jedhu jira.