Waraana Tigiraay: Eertiraan gabaasa loltootni Somaaliyaa waraana Tigraay keessati hirmataniiru jedhu haalte

Lola naannoo Tigiraayiin namootni miliyoonota tahan miidhamaniiru

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Lola naannoo Tigiraayiin namootni miliyoonota tahan miidhamaniiru

Ministirri Odeeffannoo Eertiraa, Yemaanee G/ Mesqel, himannaa loltootni Somaaliyaa loltoota Eertiraa waliin tahuun, naannoo Tigraay keessatti lolaa turan jedhu dhara jedhan.

Hamiin loltootni Somaaliyaa lolicha keessatti hirmaataniiru jedhu miidyaa hawwasaa irratti dhagahamuu kan jalqabe, erga gabaasaan addaa mirga namoomaa UN, Eertiraa jiru Mohaammad Abdelsalan Babiker, gabaasicha Mana Maree Mirga Namoomaa UN'f ergee maxxaneen booda ture.

Kutaa kana keessa waa'een lola Tigiraay ji'a Sadaasaa bara 2020 keessa eegalee jira.

Baabiker akkamiin akka loltootni Eertiraa lola naannoo Tigiraay keessatti hirmaachuun loltoota Itoophiyaa waliin lolaa turanii fi sarbama mirga namoomaa raawwate jedhamu irrattis odeeffannoo kenna.

Gabaasaan kun ''loltootni Somaaliyaa kaampii shaakala waraanaa Eertiraa irraa ka'uun daangaa Itoophiyaa seenuun, adda waraanaa Tigiraayitti gaggeeffamuu irratti loltoota Eertiraatti makamuu isaanii odeeffannoon na gahaa ture'' jedhe.

Gabaasni kun barreeffama barruu 'Mail' fi 'Guardian' Afrikaa Kibbaa ji'a Amajjii keessaa eera.

Itti fufuun akka jedhe, ''loltootni Somaaliyaa naannoo Aksumitti argamaniiru,'' bakki kun naannoo loltootni Eertiraa ji'a Sadaasaa keessa guyyoota lamatti namoota baay'ee ajjeesuun himatamanidha.

Ajjeechaa jumlaa kana irratti qorannoo kanneen gaggeessan hedduun namoota ijaan argan wabeeffachuun kan ibsan yoo tahu, loltootni uffata danbi waraanaa Eertiraa uffachuun, afaan Tigirinyaa loqoda Eertiraan dubbatu jedhan.

Ertiraan loltootni ishee ajjeechaa kana keessaa akka harka hin qabne yoo himtu Somaaliyaan ammo loltootni ishee naannicha keessa akka hin jirre ibsitee ture.

Waraanni naannoo Tigraay humni TPLF buufata waraanaa raayyaa ittisa biyyaa yeroo haleelu, ji'a Sadaasaa keessa kan eegale yoo tahu mootummaan fedeeraalaa oppireeshinii seera kabachiisu gaggeessa jechuun waraanatti seene.

Mootummaan Itoophiyaa fi Eertiraa loltoota isaanii naannichaa baasuuf waliigalaniiru. Torban darbe keessa dubbii himtuun MM Abiy Ahimed, Billenee Siyyum loltotni Eertiraa naannichaa bahu jalqabuu gabaasa akka qabdu miidiyaaleef himteetti.

Naannichatti loltootni yakka ajjeechaa fi gudeeddii raawwachuun shakkaman qoratamaa turuun kanneen himataman akka jiranis abbaan alangaa waliigalaa federaalaa himeera.

Barreessaa Ol-aanaan UN, uummatni Tigiraay irra caalaan fiixee beelaa irartti akka argamu akeekkachiisaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa ammoo naannichatti uummatni ''beela'aa jira'' jechuun sadarkaa labsamuu danda'u irra hin jiru jedhe.

Dhimmi rakkoo dhiyeessi deeggarsa namoomaa fi haleellaa saalaa naannichatti dubartoota irratti dhaqqabu marii biyyoota G7 bor Uktti jalqabu irratti dubbii ijoo tahuun ni ka'a jechuun marii gaggeesitootni ol aanoo US fi EU taasisan irratti himameera.