MM Abiy Ahimad hojii hidha haaromsaarraa anniisaa maddisiisuu eegalsiisan

Madda suuraa, EBC
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahamd Dilbata [20,02,2022] bakka argama pirojektichaa Gubaatti argamuun hidha haaromsaarraa anniisaa maddisiisuu eegalsiisan.
Hidha kun marsaa jalqabaan ALI Adoolessa 2012 bishaan meetir kiyuubii biilyoona 4.5 kan guute yoo ta'u, Hagayya bara 2013 ammoo bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 13 qabateera.
Hidhi haaromsaa yuunitiiwwan tarbaayinii 13 qabu keessaa yuunitiin tokko kan hojii eegale yoo ta'u innis anniisaa meegaa waatii 375 kan maddisiisuudha.
Sirna yuunitii jalqabaa hojii eegalsiisuu bakka argama pirojektichaa Gubaatti raawwatamerratti Ministira Muummee Abiy Ahmad dabalatee qondaaltonni mootummmaa federaalaa fi naannolee argamaniiru.
Hidhi haaromsaa wayita eegalu birria biiliyoona 80n ijaarama jedhamee kan ture yoo ta'u, hanga ammaatti birriin biiliyoona 163 itti ba'eera.
Hidhi kun olka'aiinsa meetira 145 kan ta'ee fi dalga ammoo meetira 1,780 kan dheeratuudha.
Hidhi ijaaramu kun bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 74 kan qabatu yoo ta'u lafti bishan irra ciisu fageenyi isaa kiilomeetira 246 ta'a.
MM Abiy Ahmad maal jedhan?
Hidha haaromsaarraa anniisaa maddisiisuu eeglasiisuuf sirna qophaa'erratti argamuun haasaa kan taasisan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad, irra guddaa kanneen ijaarsa pirojektichaaf ga'ee gumaachan galateeffachuurratti xiyyeeffatan.
Mootiin Haayilasillaasee yeroosaaniitti waan ulfaata ta'e, dhaloota itti aanuun bakka ga'a jedhanii addanatti [gubaa] dizaayiniisaa yeroo jalqabaaf kaa'uun milkaa'ina har'aaf bu'uura kan jedhan MM Abiy, hoogganaan dhaloota kanaa kan pirojekticha eeglasiisan MM duraanii Itoophiyaa Obbo Mallas Zeenaawwiif galatatu mala jedhan.
Itti aansuun haala siyaasaa walxaxaa keessatti pirojektii kana fuudhanii sadarkaa jalqabaarraa kaasanii fuulduratti deemsisuun har'a firiisaa kan argan Obbo Haayilamaaram Dasaaaleny galateeffatan.
Hooggantoonni sadeenuu haala siyaasaa fi seen-duubee garaagaraa qabaatanis waan Itoophiyaa tokko godhu qusatanii darbaniiru jedhan MM Abiy.
''Nuti waan isaan eegalan xumurre malee kan jalqabne waan hin taaneef warra eegalan galateeffatanii darbuutu barbaachisa.''
Ministiroota Humna Ibsaa fi aanga'oota hojii pirojektichaa eeganii yoonaan ga'an kan galateeffatan MM Abiy, keessaahuu nama halkanii fi guyyaa pirojektii kanaaf dhama'aa turan kan amma lubbuun hin jirre-Injineer Simmanyaw Baqqaleef kabajaa fi galatu guddaatu malaaf jedhan.
Miseensota boordii fi hojjettoota akkasumas uummata Itoophiyaa, Dayaaspooraa fi namoota maqaa gaarii pirojektichaa karaa miidiyaa ijaaran galateeffatan.
Pirojektiin har'a anniisaa elektirikii kennuu eegale biyyoota yaa'a gadii- Sudaan fi Masriifis bu'aa guddaa waan ta'eef baga gammaddan jedhan MM Abiy.
''Dhiibbaa fi qormaata nurratti uumtaniifis baayiseen isin galateeffadha,'' jechuun biyyoota yaa'a gadiif dhaaman.
''Bishaan kuufame kun akkuma argitan anniisaa erga maddisiisee booda, darbee gara Sudaan fi Masrii deema malee akka odeeffamu mootummaan Itoophiyaa biyyoota yaa'a gadiirraa bishaan kutuun dheebossuu fi beelessuuf akka hin taane kan dubbachaa turre kunoo gochaan mul'isne,'' jedhan.
''Anniisaa qulqulluu asirraa gara Awurooppaa ergina''
Ministirri Muummee Abiy haala eebba pirojektii har'aa wayita ibsan, eebbi guddaan har'a ta'uu fi Kanaan booda itti dabalaa deemuurratti cichuudha malee wanti yeroo yeroon eebbisaa deemnu hin jiraatu jedhan.
''Kanaafuu haala biyyoota yaa'a gadii- Masrii fi Sudaan hin miidheen[fayyaduun], nuufis karaa faayidaa kennuun waliin tumsuu akka qabnun dhaama.''
Asirraa gara biyyoota Awurooppaa- kan anniisaan boba'aa qilleensa naannoo faalaa jiruutti, anniisaa haarawaa erguu feena kan jedhan MM Abiy, akkamiin erguuf akka karoorfatanis himan.
''Sudaan waliin sarara elektirikiin walquunnamsiifnee anniisaa gurguraa jirra. Masriin galaana diimaa qaxxaamuruun biyyoota Awurooppaa waliin sarara ibsaan walquunnamti. Sarara ibsaa Sudaan irraa gara masriitti geessuun salphaadha. Kanaafuu asirraa ka'ee kara Sudaan Masrii ga'ee achirraa gara biyoota Awurooppaa akka seenu gochuu feena.''
Kunimmoo abjuu akkanumaan odeeffamu osoo hin taane hojii dhugoomuu danda'uudha jedhan Ministirri Muummee Abiy.
''Lafa olk'aa, roobaa ga'aa fi lageen hedduu qabdu keessatti argamna. Kanaafuu hidha hedduu hojjennee anniisaa hedduu maddisiisuu dandeenya. Dandeettii addunyaaf ga'u qabna.''
''Kanaafuu biyyoonni lixaa maallaqa qaban siyaasa bishaanii amma jiru jijjiiranii nu waliin tumsanii, pirojektoota haaraa hojjechuun nuufis hiyyummaa fi dukkana keessaa kan nu baasu, isaaniifis faalama boba'aa jalaa akka boqotan dhaamuun barbaada,'' jechuun biyyoonni Lixaan akka dhimma kanarratti tumsan gaafatan.
Itoophiyaan eenyuunuu miidhuuf yaada kan hin qabnee fi abjuun Itoophiyaa uummata Itoophiyaa dhibbeentaa 40 dukkana keesssa jiru, harmootii ampuulii arganii hin beekne kanneen ammallee dugdasaanittii qoraan baatanii abidda bobeeffatan boqochiisuu, hiyyummaa harkaa nu qabu keessaa ba'uu qofadha jedhan MM Abiy.
''Itoophiyaaf daandiin guddinaa banameera, lammiileen Itoophiyaa gufuu walitti ta'uu fi waliin morkuurra akka hidha haaromsaa ijaarretti Itoophiyaa ijaarree haa misoomnu.
Walitti bu'iinsa hanga amaatti keessummeessine keessaa baanee miira tokkummaatiin Itoophiyaa badhaatuu yaa ijaarru,'' jechuun lammiilee Itoophiyaa hundaaf dhaaman.















