Dhimma hidha Abbayyaa Itoophiyaa wantoota beekuu qabdan shan: Eessaa ka'ee eessa gahe?

Biyyi Baha Afrikaa Itoophiyaan laga dheeraa addunyaa kan ta'e Abbayyarratti hidha ijaarte xumuruun guyyaa har'aa elektirikii maddisiisuu eegaltee jirti.
Pirojektiin humna ibsaa waggootaaf madda waldhibdee ta'ee ture kun guyyaa har'aa anniisaa meegaa waatii 375 maddisiisuu kan eegale yoo ta'u, pirojaktichas kan eegalsiisanis Ministira Muummee Abiy Ahmadidha.
Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa kun gaafa humna guutuun anniisaa maddisiisuu eegaleettis bishaanirraa elektirikii maddisiisuun Afrikaarraa isa guddicha ta'a.
Pirojektii guddicha biyya ummata miiliyoona 100 ol qabdu kanaa dhugoomsuuf lammiileen biyyattii imala dheeraa keessa darbaniiru.
Yeroo yaadame ol kan fudhate hidhi kun turtii waggoota kudhan ol booda yeroo jalqabaaf har'a ifatti ibsaa maddisiiuu eegaluunsaa ibsameera.
Haa ta'u malee, waa hidha kanaa wantoota ijoo kana beektuu?
Abbayya- laga ifa ta'e
Waggootaa dheeraaf danqaa malee kan yaa'u Abbayyi kun yeroo jalqabaafi Itoophiyaan hiitee, haroo ta'ee elektirikii kan maddisiisuu eegale.
Hidhi kuni ALI bara 2003 Naannoo Benishaangul Gumuuz Godina Matakkal Aanaa Gubaa jedhamutti MM duraanii Mallas Zenaawwiin bu'uurri isaa kaa'amee ijaarsi eegale.
Laggeen gurguddoo biyyatti kan itti yaa'an lagni kuni dheerinaan lagi addunyaa biroo itti qixxaatu hin jiru - 6600m ol dheerata.
Madda isaa Haroo Xaanaarra ka'ee Sudaaniifi Masrii qaxxaamuree Galaana Meditiraaniyaanii seena.
Akka karooraatti waggaa shan keessatti xumuramee annisaa maddisiisa jedhamee yaadamee ture.
Haa ta'u malee, sababa malaammaltummaa Korporeeshinii Sibilaafi Injirangiin (MeTEC) akkasumas sababoota garagaraa kaaniin lafarra harkifachuu qondaaltonni ni himu.
Laga lammiilee tokkoomse
Yeroon ijaarsa hidha Abbayyaa itti eegale biyyoota Arabaa akkasumas olla Itophiyaa Jibuutiitti mormiin ummataa jabaa yeroo ka'eetti ture.
Waliigaltee bara kolonii eeruun biyyi dhimma Abbayyaa irratti murteessuuf olaantummaa qabaachuu kan himtu Masriiniis mormii ummataan raafamaa turte.
Qeeqxonni siyaasni ho'eefi abbootii irree waggoota dheeraaf aangoorra turan balaarra buuse Itoophiyaa akka hin dhufneef mootummaan yeroosii Abbayya siyaasaaf itti dhimma bahu himu.
Yeroodhaan xumuramuu dhabuun isaafi kaanis kaan mufachiisee gaaffii akka kaasan taasisees ture.
Xiinxaltoonni dhimmoota ijoo lammiileen biyyatti tokkoomse keessaa tokko hidha daangaa Sudaanitti siquun ijaarame akka ta'e eeru.
Kanaafis gumaacha lammiileen taasisan alatti sababa ijaarsa hidha kanaan dhiibbaa Itoophiyaarratti dhufe lammiileen akka walitti dhufan taasiseera jechuun himu.
Dilbii guddicha
Hidhi Abbayyaa pirojektii guddicha biyyi Itoophiyaa ijaartedha.
Baasiin jalqaba yaadame dolaara biiliyoona 4 [yeroos birrii biiliyoona 80] ture. Tura keessa garuu baasiin isaa dabaleera.
Hidhi kuni bara 2012 sarara galaanarraa ol 565m irra gahee bishaan kiyuub meetirii biiliyoona 4.9 qabateera. Mootummaan yeroof jalqabaaf guutuun 'milkaa'inaan' xumurame jedheera.
Hidhi kuni gaafa xumurame hanga meeggaa waattii 6450 ni maddisiisa jedhameera.
Hidhi kuni humna guutuun gaafa elektirikii maddisiisu eegalu humna annisaa elektirikii guddicha Afrikaa ni ta'a.
Abdii daraare
Qarqara Finfinnee naannoo Aqaaqii kan jiraataniifi haadha ijoollee saddeettii kan tahan Aadde Jifaaree Girmaa, maatiinsaanii tajaajila ibsaa hin argatan.
''Waa hundaa qoraaniin qopheechina. Nyaannis qoraanumaan bilchaata. Ittoos yeroo tokko tokko kasalaan hojjenna,'' kan jedhan aadde Jifaareen yeroo tokko tokko ammoo gaazii bitatu.

Bosona deemuun qoraan akka guran kan dubbatan haati kun ''otoo ibsaan nuu galee, istoovii arganna. Qulqullinas ni arganna,'' jedhu.
''An amma daaraafi aaraan machoofnee baanu kana, [otoo ibsaan jiraatee] foyyoofnee baana.''
Abbaan warraa isaanii Obbo Lammaa Shuumiis, akkuma lammiilee Itoophiyaa birootti ijaarsa hidha kanaaf boondii bituun gumaacha taasisaniiru.
Kanaanis hidhni kun xumuramee ibsaan mandara isaanii akka galu abdatu.
Itoophiyaan hidha Abbayyaa kanarraa humna elektirikii maddisisuun lammiilee ishee gara caalu dukkana keessa jiraniif ifa kennuuf yaaddi.
Lammata indastiriiwwaniif madda annisaa ta'un oomisha qonnaa warshaatti fiduun al ergiifi daldala cimsuu yaaddi.
Humni elektirikiis biyyoota ollaatti gurguruun galii dabalataa argachuu yaaddeetti. Kanaanis, hariiroo biyyoota waliin qabdu cimsuufillee yaada qabdi.
Akka qondaaltonni himanitti si'achi bakki hidha kanaa fuula duratti bakka hawwata turistii akka ta'u abdii qabu.
Ammatti karoora kana dhiisuufi itti fufuun isaanii beekamuu baatus jallisiifiifi horsiisa qurxummiifis yaadamee ture.
Kana dura Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa 'Itoophiyaan haroo hidha Abbayyaa waan feeteef fayyadamu dandeessi' jedhanii dubbataniiru.
Madda waldhibdee
Hidhi Abbayyaa kuni lammiilee Itoophiyaa tokkoomsuus biyyoota olla keessumaa hariiroo dheeraa waliin qabdu waliin garu muddama seensiseera.
Laga Abbayyaa keessaa 85% Itoophiyaa keessaa yaa'a. Dhibbantaan 15 hafe immoo kan Sudaanii yaa'udha.
Itoophiyaan madda laga guddicha Abbayyaa taatus hiree Abbayyarratti murteessu hin qabdu turte.
Keessumaa erga MM Abiy Ahimad aangootti dhufanii booda dhimmichi irra deddebbiin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ijoo dubbii ta'eera.
Kunis sababa ijaarsi isaa saffisee, humna maddisiisuuf wanta jedhuufi jechuun himu Ministirri Muummee Abiy Ahimad.
Waggoota lamaan darban Masriifi Sudaan waliigalteerra osoo hin gahamiin bishaan guutamuu hin qabu jechuun mormii guddaa dhageessisaniis, hidhichi guutameera.
Masriin garuu hamma bishaan na bira gahu ni xiqqeessa jechuun yaaddoo ibsiti.
Bara kolonii waliigaltee jaarsummaa Ingiliziin taasifameen Masriifi Sudaan lagicha hirataniiru. Akkaatuma kanaan Masriin 66% akkasumas Sudaan 22% fudhatan.
Biyyi madda lagichaa Itoophiyaa garuu homaa qooda keessaa hin qabdu. Itoophiyaan hidha kana ijaaruu isheetiin Masriin dura aantummaan mormaa turte.
Ega Omaar Hasan al-Bashiir aangoorraa ka'anii boodammoo Sudaan Itoophiyaa dhiisuun gara Masrii gorteetti.
Biyyoonni yaa'a laga Abbayyaa Itoophiyaa, Burundii, Taanzaaniyaa, Ruwaandaa, Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo, Keeniyaa, Yugaanda, Sudaan, Masriifi Sudaan Kibbaadha.
Biyyoonni ijoo sadan kuni bara 2015 (ALI bara 2007) waliigaltee taasisanii turan. Akka qajeelfama kanaatti biyyi kamuu lagicha fayyadamtu biyya kaan irratti miidhaa guddaa akka hin dhaqqabsiisne mirkaneessuu qabdi jedha.
Biyyoonni kuni akka waliigalan Gamtaa Afrikaa, Ameerikaa, kaanis qooda keessa fudhataniiru.

Madda suuraa, Waajjira Pireezidantii US
Itoophiyaan dhimmichi Gamtaa Afrikaan akka ilaalamu filatti. Masriifi Sudaan garuu qaamoleen kaan kan akka UN, EU, US keessatti qooda fudhatan barbaadu.
Itoophiyaan marichi Gamtaa Afrikaan akka qabamu garuu qaamolee kaan qooda taajjabbii akka qabaatan eeyyamti. Ammas mariin kanumaan fufe.
Waggaa dura Pirezidant Baayidan dhimmi waa'ee Abbayyaa dubbatan mufii guddaa uume ture.
Itoophiyaan waliigaltee US qopheessite mallatteessuu dhabuu isheenis Ameerikaan deeggarsa Itoophiyaaf kennitu keessaa hamma tokko muruun niyaadatama.
Waggaa darbe dhimmichi Mana maree Nageenyaa UN dhaan erga ilaalamee booda Gamtaan Afrikaa dhimmicha ilaaluu akka itti fufu murteesseera.
Biyyoonni lamaan akkaataa bishaan qabamuufi gadhiifamu waliigalteen dirqamaa akka jiraatu gaafatu. Itoophiyaan immoo fedhii kiyya tuqa jechuun hin fudhattu.
















