Hidha Haaromsa Abbayaafi abdii qonnaan bultootaa

Aadde Jifaaree Girmaa dubartii umuriin ganna 42 yoo taatu, haadha ijoollee saddetiidha. Ijoolleen ishee hundinuu ammoo ishee waliin jiraatu. Ilmi Aadde Jifaaree hangafti umuriin isaa ganna 22 yoo ta'u, leenjii ogummaa fudhachaa jira. Ijoolleen ishee warri kaanis akkasuma barattootadha.
Sababii weera Cvid-19 addunyaa waliin gaherraa kan ka'een tarkaanfiiwwan fudhatamaniin ijoolleen ishee hundinuu yeroo ammaa barnootarraa fagaatanii mana jiru. Ijoolleen kun yeroo mana jiranitti hojii maatii isaanii gargaaru. Loon tiksuurraa jalqabee hanga hojii nyaata bilcheessuutti waan danda'an hojjatu.
Manni Aadde Jifaareen itti nyaata bilcheffattu kanuma maatii qunnaan bultoota baadiyaa miliyoona hedduutti lakkaa'amanirraa baayyee adda kan ta'e miti. Baaxii citaarraa ijjaarameefi keenyan mukaafi dhoqqeen maragamee ijaaramedha. Kutaan itti wa bilcheeffatan kun baayyee dhiphoofi ukkaamamtuudhallee.
Sumsumman lama hangi isaanii walcaalu wal walirraa fagaatanii jiru. Inni tokko kan biddeena itti tolfatan yoo ta'u, kan xiqqaa ta'e tokko ammoo ittoofi kanneen biroo irratti bilcheeffachuuf kan gargaarudha.
Manni Aadde Jifaareen nyaata itti bilcheeffattu kun yeroo kaan dhoqqee sa'aan kan dibame ta'ulleen baatii Adoolessaa keessa yeroo BBCn mana deemanitti sababa rooba waqtii Gannaatiin dhoqqaa'ee ture.
Kutaa biraa karri isaa mana itti waa bilcheeffatan waliin tokko ta'e keessatti ammoo saawwantu elmama.
Aadde Jifaareen ganda Finfinneetti dhiyoo jirtuufi gaara Inxooxxoo irraa ammoo fageenya kiilomeetira 10 hin caalleetti arfgamtu Akaakoo jedhamtu keessa jiraatti.
Bosona ganda Akaakuu marsee jiru keessa xiqqoo akkuma qaxxaamuraniin booda saatii gara galgalaa taanaan ifa elektiriikaa magaalaa Finfinnee yeroo ilaalan galaana ifaatu caacuu fakkaata.
Jandoon bokkaa magaalaa Finfinneef robe ganda Akaakoof ammoo hin tuufnelle.
Aadde Jifaareen nyaata kan bilcheeffattu, biddeena kan tolfattu, daabboo kan tolfattu, ittoo kan tolfattu, buna kan danfifattu akka warra hollaashee magaalaa Finfinnee keessa jiranii humna elektiriikaatiin miti.
Elektiriikii fayyadamuun jireenya salphifachuun carraa Aadde Jifaareerraa fagoodha.
"Wanta hunda kan hojjennu qoraan fayyadamuudhaan. Yeroo tokko tokko ammoo cilee/kasalas buttaa gaaziis ni fayydamna,"jechuun BBCtti himteetti.
Mana itti waan bilcheeffatan keessatti qoraan bobeessaa haara irra naanna'uun gidiraadha jetti.
"Qaamni keenya daaraa uffata. Haarri ibiddaa nu macheesseera; cileefi qaqqan isaa ammoo nu huffisa," jechuun mudannoo guyyaa guyyaa mana nyaata keessatti bilcheeffattu keessatti ishee mudatu dubbatti.

Qoraan mana keessatti fayyadaman bosona dhiyeenyatti argamu keessa deemuun kan cabsatan yoo ta'u, "baayyee dadhabsiisaadha" jetti Aadde Jifaareen.
Namni magaalaa Finfinnee irraa ka'uun gara ganda Akaakootti imalan yeroo dubartoonni qoraan humna isaanii ol ta'e dugdtti baatanii yeroo deeman arguun baramadha. Dafqa fuula isaaniirra yaa'u yeroo ilaalan hangam akka itti hammatte hubachuuf nama hin rakkisu.
Qaraan baayyee dugdatti baadhatanii maallaqa xiqqoo argachuudhaaf dubartoonni gara magaalaa Finfinneetti deeman arguunis baramaadha. Tokko tokko ammoo qoraan ofiif manatti fayyadamuuf kan fudhatanii gara manaatti imalanis ni jiru.
Aadde Jifaareefi hollaan ishee ibsaan elektiriikaa gara qe'ee isaanii ni galaaf jedhamee abdachiifamanillee wanta qabatamatti lafarratti ta'u garuu arguu akka hin dandeenye BBCtti dubbatu.
Osoo humni elektiriikaa nuuf galee, "ni qulqulloofna, uffanni keenya ni qulqullaa'a, hojii keenya saffisaan hojjetanna, wanti martinuu ammoo nuuf ni foyyaa'a," jechuun hawwii ofiifi hollaan ishee elektiriika argachuuf qaban ibsiti Aadde Jifaareen.
Abbaan warraa Aadde Jifaaree, Obbo Lammaa Shuumii ammoo o'iruu qonnaa isaaniirratti garbuu facaafatu. Kanarraan kan hafe ammo loon waan qabaniif isaan tikfatu. Galii dabalataa ittiin maatii isaanii gargaaran argachuudhaaf dhaabbata qorannoo mandara sanatti dhiyoo jiru tokko keessa ammo waardiyyummaan tajaajilu.
Barii BBCn qe'ee isaaniitti argametti boqonnaa isanii waan tureef Obbo Lammaan firootaafi hollaa isaa waliin taphachaa turan. Darbee darbee ilma isaanii dirree qe'ee isaaniitti dhiyoo jiru keessatti loon tiksaa jiru bahanii ilaalaa turan.
Obbo Lammaan humna ibsaa mootummaan fedhii baayyee dabalaa jiru guutuudhaaf na gargaara jedhee waggoota sagal dura Hidha Haaromsa Abbayaa jalqabe keessatti kallattiin hirmaataniiru.
Kanaafis Obbo Lammaan, karaa waajira dhaabbata waardiyyuummaan keessa tajaajilanii buusii ji'aan miindaa isaaniirraa cituun alatti boondii mootummaan dhiyeessellee bitataniiru.
"Kan dhibba sadiin bitadhe. Egaa akkuma dandeettii keenyaattidha," jechuun wanta Hidha Haromsaa keessatti gumaachan kokkolfaa BBCtti dubbatu.
Maallaqni sunis waggaa shan eeggatee akka deebiyeefis ni dubbatu.
Kanarra darbees, waajira isa qacare waliin ta'uudhaan waggoota sadiin dura Hidha Haaromsaa kan kooti jedhan kana qaamaan deemanii daawwachuu isaanii dubbatu.
"Kana irra gahuun isaa galatasaa," jechuun Hidha Haaromsaa bishaaniin guutamuun isaa dhiyaachaa jiraachuurratti yaada isaanii kennan.
Obbo Lammaan Hidhi Haaromsaa kun yeroo ibsaa maddisiisuu jalqabu, qe'ee isaaniitiif ibsaan ni qaqqaba abdii jedhu qabu. "Abdiin keenya hedduudha."
Qoraan cabsuudhaaf bakka gara garaa deemuun jiruu isaanii dhaabbataa ta'eera.
Kanaan alattis, qoraan kun yeroo nyaata ittiin bilcheeffataniifi bobeeffatanis rakkooleen fayyaa gara garaatiif nama saaxila. Dabalataanis, egeree dubartootaafi daa'imaniirraan dhiibbaa hamaa qaqqabsiisa.
Masiriifi Sudaan ammo bishaan Laga Abbayaa bu'uura jireenya ummata isaanii ta'e nu jalaa ir'achuu mala soda jedhuun hanga ammaattis mariiwwan taasifamaa turan mara keessatti waliigalteerra gahamuu baatus, mootummaan Itoophiyaa garuu jireenya ummata aadiyyaa jijjiiruuf humna ibsaa dhiyeessuuf Hidha sana jalqabsiisun aklatti filannoo akka hin qabne ibsaa jiru.
Hidhi Haromsa Itoophiyaa ijaaramee ni xumurama kan jedhamee turerraa kan boodatti harkifate ta'us, yeroo ammaa ijaarsi isaa harka afur keessaa sadii xumurameera. Hidhaan kun bara dhufu sadarkaan duraa humna maddisiisa jedhamee eegama.
Qonnaan bulaa kan ta'an Obbo Lammaa Shuumii galii ji'aa ji'aan argatanirraa akkuma lammilee Itoophiyaa biroo ijaarsa Hidha Afrikaatti isa guddicha jedhamu kanaatiif gumaachaniiru.
Hidhi Haaromsa Laga Abbayyaa kun humna ibsaa Meggaa Waattii 6,000 maddisiisuuf jira.

Hidhi Haaromsa Lagga Abbayyaa kun baasii Dolaara Biliyoona shank an gaafatu yoo ta'u, lammileen biyyattii gara caalaa baadiyaa jiraatan ifa akka rgatan gargaara jedhamee eegamaa jira.
Dabalataan idustiriiwwan ummata hedduutiif carraa hojii uumuu danda'aniif humna ibsaa dhiyeessuurra darbee humna ibsaa biyyattiin biyyoota hollaatiif dhiyeessitu ni uumaaf jedhamee abdatama.
Aadde Jifaareefi abbaan warraa ishee Obbo Lammaa Shuumii ijaarsi Hidhi Haaromsa kanaa xumuramuutti dhiyaatullee bishaan Laga Abbayyaa kun hangi nuuf malu nuuf eegamuu qaba kan jechaa jiran Masiriifi Sudaan waliin mariin taasifamu garuu xumura hin arganne.
Waliigaleera gahames gahamuu baates Hidhichi bishaaniin guutuu akka jalqabdu kan beeksifte Itoophiyaan, hojii ijaarsa isaa safffisiisaa akka jirtu himama. Roobni cimaan waqtii Gannaa kana roobaa jiru ammoo bakka itti bishaan akka kuufamuuf qophaa'etti kuufamuu jalqabuu isaa suuraawwan saatelaayitiirraa argaman ni mul'isu.
Mariin biyyoota sadan gidduutti Gamtaa Afrikaatiin taasifamaa turee waliigaltee malee xumurameerratti, dhimmoonni ka'an qoratamuudhaan tarkaanfiiwwan itti aanan kan beeksifaman ta'u.













